Joshua 2
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Iyaasuun Worra Dooyu Yeriko'otti Erge
1Eega san Iyaasuun ilmi Nunii quttuma lafa Shiixiim jedhantuu keessaa worra dooyu lamaan dhossa'aan ergee, «Dhaqa'aatii lafa san, keessattuu qachaa Yeriko'oo dooya'a» jedhe. Isaan yennaa achi geyane mana dubartii sagaagaltittii, «Rahaab» jedhantu takkaa seenanee, achi bulane. 2Mooticha qachaa Yeriko'ootitti, «Kunoo, kolbaan Israa'elii gariin lafa dooyiisaaf halkaniin asi dhufaneeran» jedhanee himane. 3Maarre inni Rahaabitti ergee, «Namooti mana keeti keessa jiranu biyya duudii dooyiisaaf waan dhufaneef, gad baasi!» jedhe.
4Dubartittiin sun ammoo namoota lamaan san dhossitee, «Dhuguma, jarri takka gara kiyya dhutteertiiyyu; eessaa akka dhutte ammoo ani hin beeku. 5Isaan aduun seentee balbalti karra qacha'aa yennaa cufantu bayannee deemane. Karaa isaan itti gorane ani hin beeku; yoo ariifattanee hordottane hin dhaqqaddan» jette. 6Isiin ammoo jara heellichoo manaa gubba'atti ol baattee muka talba'aa ka achitti afameeru jalatti isaan dhossiteertiiyyu. 7Namooti mootichi erge sun haga karaa malkaa laga Yordaanosii hordofiisaaf bayaneen duuba karri qacha'aa cufante.
8Worri dooyu sun adoo hin rafin, Rahaab heellichoo manaa gubba'atti isaan bira dhaxxee, 9«Waaqi lafa tana akka isiniif kenne ani hin beeka. Worri biyya tanaa duudiin isin sodaatanee akka gaga'aa baqane. 10Yennaa isin biyya Gibxi'ii keessaa baatane, Waaqi attam akka abbaayaa diintuu isin duraa gosse, mootota Amoorotaa lamaan Sihoonii fi Oog worra laga Yordaanosii irraa gara aduun baatu jiru attam akka ijjeettanelle dhageenneerra. 11Nuuti yennaa waan kana dhageenne, sodaannee akka gaga'aa bandhe; nuuti marti addii kutanne; sababille Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan dhugumaan Waaqa ol-gubba'aatii fi lafaa ti. 12Amma akkuma ani waan dansaa isiniif godhe, isinille mana abbaa kiyyaa badii irraa hamburiisaan waan dansaa akka gootanu maqaa Mootii Waan Maraatiin kakadha'a; abbaa kiyya, haadha tiyya, obboleeyyan tiyya, obboleeyyan tiyya ta durraatii fi waan isaanii mara du'a irraa akka hamburtanu, beessisa addachiisu naaf kenna'a» jette.
14Jarri isi'iin, «Waan amma nuuti hujiisatti jirru kana yoo nama tokkolle'etti himuu dhaddee jiru'uun jiraanne, yennaa Mootiin Waan Maraa lafa tana nu'uuf kennu, isinille akka jiru'uun jiraattanu hin goona» jedhane.
15Manni Rahaab keessa leetu gara tokkoon dalleya qacha'aa ka dhaka'aatiin wolitti waan ijaarameeruuf, qowa dalleya dhaka'aatiin wodaro'oon isaan gad buuttee, 16«Worri isin hordofu akka isin hin dhaggine, gara lafa koobitti'ii dhaqa'aatii haga isaan deebi'anutti guyyaa sadii achitti dhokadha'a. Achiin duuba gara deemiisatti jirtanu deemuu dandeettan» jetteen.
17Jarrille isi'iin, «Nuuti lafa qabatiisaaf yennaa dhunnu, wodaroo diintuu tana, karaa qowa gad nu buutte kanaan yoo hin hidhin, abbaa keetii fi haadha teeti, obboleeyyanii fi nama mana abbaa keetii mara mana keeti keessatti yoo wolitti hin qabin, kakuu ati nu galchite tanaaf hin komatannu. 19Eennuulle mana keeti keessaa yoo gad baye, dokonkoruma ifiitiin du'e; nuuti itti hin gaafatannu; nama si woliin mana keessa jiru tokkocha irralle'etti miidhaan yoo dhaqqadde ammoo, nuuti itti hin gaafatanna. 20Teetuu malee waan nuuti hujiisatti jirru kana yoo hinte, kakuu ati nu kakachiitte si'iif hin guunnu» jedhaneen. 21Isiin, «Akkuma isin jettane teetuu ti» jettee, isaan lakkitte. Yennaa isaan deemane, wodaroo diintuu qowa san irratti hiite.
22Worri isaan hordofu karaa mara irra barbaadee isaan dhabee haga deebi'utti, worri dooyu gara lafa koobitti'ii dhaqanee guyyaa sad achitti dhokatane. 23Achiin duuba namooti dooyanu lamaan sun lafa koobittii irraa gadi bu'anee, laga Yordaanosii bu'anee gara Iyaasuu ilma Nunii dhufanee, waan isaan irra geye duudii itti himane. 24Isaan, «Waaqi dhugumaan lafa duudii harka keennatti dabarsee nuuf kenneera. Kolbaan achi jirtu duudiille sodaattee akka gaga'aa baxxeerti» jedhanee Iyaasu'utti himane.

Did you know?
Rahab and the Spies in Jericho
- Jericho was the most important city in the Jordan Valley and served as a strong fortress guarding the entrance to Canaan, situated about five miles west of the Jordan River.Sources: Jericho · the Bible text itself
- Rahab, whose name in Hebrew means broad or large, hid the two Israelite spies under stalks of flax laid out on her flat rooftop. Her house was built directly into the city wall, which enabled the spies to escape by a rope through her window.Sources: Rahab · the Bible text itself
- The fear felt by Jericho's inhabitants was fueled by reports of earlier Israelite victories, including the crossing of the Red Sea and the defeat of the Amorite kings Sihon and Og east of the Jordan.Sources: Sihon · Og · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jericho · Today: Tell es Sultan · 31.872, 35.445 · verses 1, 2, 3, 7, 13
- Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verses 1, 7, 10, 23
- Egypt · 30.129, 31.308 · verse 10
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org