Nations Bible

John 3

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Yesuusii Fi Niqoodemoos

1Gosa Fariisaayotaa keessaa sooressi Yihudootaa, ka Niqoodemoos jedhamu tokko jiraayyu. 2Inni halkan tokko gara Yesuusii dhaqee, «Barsiisa'a, akka ati barsiisaa Waaqa biraa ergame teete beenneerra. Yoo Waaqi isa woliin jiraate malee bilbaasa ati hujattu kana eennulle dande'ee hin huju» jedheen.

3Yesuus, «Ani dhugaa sitti hima; eennulle yoo lammeessoo hin dhalatin mootummaa Waaqaa dhagguu hin dande'u» jedhee deebise.

4Niqoodemoos, «Nami guddateen duuba attam dhalatuu dande'a? Lammeessoo gadaamessa haadha ifii seenee dhalatuu hin dande'aa?» jedhee Yesuus gaafate.

5Yesuus deebisee, «Ani dhugaa sitti hima, eennulle bisaanii fi Ayyaana Woyyichaan yoo hin dhalatin, mootummaa Waaqaatitti galuu hin dande'u. 6Nama foonii irraa ka dhalate foon; ka Ayyaana irraa dhalate ammoo Ayyaana. 7Waan ani, ‹Lammeessoo dhalatuu qaddan› si'iin jedheef hin masoonfatin. 8Bubbeen gara feete bubbitti; ati bubbisiisa isi'ii hin dhageetta, ammoo eessaa akka dhuttu yookiin eessa akka deentu hin beettu. Ayyaana irraa ka dhalate maraayyuu akkasuma» jedhee deebise.

9Niqoodemoos, «Kun attam te'uu dande'a?» jedhee Yesuus gaafate.

10Yesuus, «Ati barsiisaa Israa'elii teetee waan kana hin beettuu? 11Ani dhugaa si'itti hima: Nuuti waan beennu dubbanna; waan dhaggine dhugaa baana; isin ammoo dhugaa bayiisa keenna hin fudhattanu. 12Yennaa ani marroo waan biyya lafa tanaa isinitti himu yoo hin dhugeeffatin, yennaa ani marroo waan ol-gubba'aa isinitti himu attamiin dhugeeffattan ree? 13Ilma Namaa ka ol-gubba'aa gad dhufe malee, ka gara ol-gubba'aa ol baye eennulle hin jiru.

14«Akkuma Muuseen lafa goomole'ee keessatti dhudhuufaa sageettu'uu dongoraa irratti ol fuudhe rarraase, akkasuma Ilmi Namaalle ol fuudhamee rarraafamuu qaba. 15Kunille ka isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatuuf. 16Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne. 17Biyya lafaa karaa isaatiin akka fayyisuuf malee, akka itti muruuf Waaqi Ilma ifii gara biyya lafaa hin ergine.

18«Ka Ilma isaatitti dhugeeffatutti hin murantu; ka isatti hin dhugeeffanne ammoo, waan inni Ilma Waaqaa tokkochatti hin dhugeeffatiniif, ammumaayyuu itti muranteerti. 19Muraalleen kunoo tana: Ifi gara biyya lafaa dhufe, namooti ammoo hujiin isaanii hantuu waan teeteef, ifa caalaa dukkana jaalatane. 20Ka waan hantuu godhu marti ifa jibba; hujiin isaa hantuun akka hin mudhanneef gara ifaa hin dhufu. 21Ka waan dhuga'aa godhu marti ammoo hujiin inni Waaqaaf ajajamiisaan huje san akka ifi mudhisuuf gara ifaa dhufa» jedheen.

Yohaannisiin Cuuphaan Marroo Yesuusii Dhugaa Baye

22Kanaan duuba Yesuusii fi barattooti isaa gara lafa Yihuda'aa dhaqane; inni isaan woliin diqqoo achi bubbulee, kolbaalle cuuphe. 23Addee Enon jedhantu ta Saalemitti dhiko'oo, bisaan guddaan waan jiruuf Yohaannis achille'etti cuuphe. Kolbaalle gara isaa dhaqaa cuuphamaa turte. 24Yennaa san Yohaannis hidhamee hin jiru.

25Barattooti Yohaannisii gariin marroo aadaa qulqulloomiisaa Yihudicha tokko woliin wol mormiisatti ka'ane. 26Maarre isaan gara Yohaannisii dhaqanee, «Barsiisa'a, namichi Yordaanosiin gamatti si woliin jiru, ka ati marroo isaa dhugaa baate, kunoo amma cuuphiisatti jira; nami marti gara isaa dhaqiisatti jira!» jedhanee itti himane.

27Yohaannis deebisee, «Waaqi yoo kenneef malee, eennulle waan tokkolle hin qabaatu. 28‹Ani Kiristoosii moti; ammoo isaan dura ergameeraa› akka ani jedhe isinuu dhugaa tiyya. 29Ka waajibittii qabu waajibicha; jaalli waajibichaa, ka isa bira dhaabbatee qoonqoo isaa caqasu ammoo, yennaa qoonqoo waajibichaa dhage'u hin gammada. Gammadi sun kiyya; inni amma muummowe. 30Inni guddaa te'ee, ani diqqaa te'uu qaba.

Ka Ol-Gubba'aa Dhufu

31«Ka ol-gubba'aa dhufu mara caala. Ka lafa tanaa kama lafa tanaa ti; waan lafaalle dubbata; ka ol-gubba'aa dhufu ammoo mara caala. 32Inni waan dhaggee fi waan dhage'e dhugaa baya; ammoo dhugaa baya isaa ka fudhatu hin jiru. 33Nami dhugaa baya isaa fudhate ammoo, Waaqi dhugaammessa akka te'e kanaan mirkaneesse. 34Waaqi Ayyaana ifii safara male waan kennuuf, ka Waaqi erge dubbii Waaqaa dubbata. 35Abbaan Ilma jaalata; waan maralle harka isaatitti kenneera. 36Ka Ilmatti dhugeeffatu mara jiruu bara baraa qaba; ka Ilma Waaqaatiif hin ajajanne ammoo mufii Waaqaa jala jiraata malee, jiruu hin qabaatu» jedhe.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

New birth and John's witness

  • Nicodemus, whose name means "the people is victor," was a Pharisee and a member of the Sanhedrin. He came to Jesus at night to learn more of his teaching, and the Gospel calls him a leader of the Jews; Jesus addresses him as Israel's teacher.Sources: Nicodemus · the Bible text itself
  • After this conversation, Jesus and his disciples went into the Judean countryside, under the Romans the southernmost of the three divisions of Palestine. John was also baptizing at Aenon near Salim, because water was plentiful there; Salim, whose name means "peaceful," lay west of the Jordan. Aenon means "springs," and Easton's Bible Dictionary (1897) places it probably near the upper source of the Wady Far'ah, an open valley full of springs running from Mount Ebal to the Jordan.Sources: the Bible text itself · Judea · Aenon · Salim
  • In this chapter John tells his disciples that he is not the Christ but was sent ahead of him, and the narrative notes that he had not yet been thrown into prison. Easton's Bible Dictionary (1897) describes him as the forerunner of Jesus, of priestly descent, and says that his mission was the subject of prophecy.Sources: the Bible text itself · John the Baptist

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 22
  • Judea · Today: Judea 1 · 31.777, 35.234 · verse 22
  • Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verse 26

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.