Nations Bible

John 2

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Fuudhaa Fi Heeruma Qachaa Qaana'aa

1Guyyaa sadeesso'oo qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa keessa fuudhaa fi heerumatti jiraayyu. Haati Yesuusiille achi jirtiiyyu. 2Yesuusii fi barattooti isaalle gara fuudhaa fi heeruma sanii waamamaneeran. 3Yennaa daadhiin woyni'ii dhumatte, haati Yesuusii, «Daadhii woyni'ii isaan duraa dhumatte» Yesuusiin jette.

4Yesuus, «Aayyaa, waan huju natti himu'uuf hin malle; yennaan tiyya ammalle hin geenne» jedhee deebise.

5Achiin duuba haati Yesuusii, «Waan inni isinitti himu godha'a» jettee tajaajiltootatti hinte.

6Yihudooti aadaa dhugeeffanna'aa ka ittiin ifi qulleessanu waan qabanuuf, okkotooti gugurdoon dhakaa irraa hujante jaan achi jirtiiyyu; tokko tokkoon isaanii gara litirii saddeettamaa haga litirii dhibbaa fi diddamaa qabuu dande'an. 7Yesuus tajaajiltootaan, «Okkotoota san bisaaniin guuta'a» jedhe. Isaanille haga afaanii guutane. 8Achiin duuba inni isaaniin, «Amma budduussa'aatii, itti gaafatamaa jilaatitti geessa'a» jedhe. Isaanille isaaf geessane. 9Itti gaafatamaan jilaalle bisaan daadhii woyni'ii te'e san fiixxisee ilaale. Tajaajiltooti worri bisaan budduusse beekanuu malee, inni daadhiin woyni'ii tun eessaa akka dhutte hin beenne; maarre inni waajibicha waamee, 10«Nami marti dursee daadhii dansaa namaa kennee, keessummooti untee quutteen duuba daadhii calcala namaa kenna. Ati ammoo daadhii dansittii haga ammaa tursite!» jedheen. 11Yesuus qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa keessatti bilbaasa qaraa kana huje; achitti ulfinna ifii mudhisee, barattooti isaalle isatti dhugeeffatane. 12Kanaan duuba, Yesuus haadha ifii, obboleeyyanii fi barattoota ifii woliin gara Qifirnaahoomii dhaqe; isaan guyyoota diqqaa achi turane.

Yesuus Gara Galma Waaqaa Dhaqe

13Guyyaan Jila Irra Dabaramaa dhikaateeruun, Yesuus gara Yerusaalemii dhaqe. 14Achitti inni Galma Waaqaa keessatti kolbaa loon, hoole'ee fi saphaliisa gurgurattu, worra beesee jijjiiratulle xarapheessaa isaanii bira tee'iisatti jiranuun dhagge. 15Maarre inni lichee wodaro'oo dhowatee, isaan maraa, hoole'ee fi loon, horii maraayyuu Galma Waaqaa keessaa gad oofe; inni xarapheessaa worra beesee jijjiiratuu garaggaggalchee beesee isaaniille bittinneesse. 16Worra saphaliisa gurguratu saniin, «Waan kana as keessaa gad baasa'a! Mana Abbaa kiyyaa addee dikko'oo hin godhina'a!» jedhee ajaje. 17Barattooti isaa, «Hinaaffaan mana keetii, akka ibiddaa na guddi» jedhantee ta barreeffante san qaabatane.

18Yihudooti baallii qabanu, «Ati waan kana godhiisaaf baallii akka qaddu nu'utti mudhisiisaaf bilbaasa maan godhuu dandeetta?» jedhanee isa gaafatane.

19Yesuus, «Galma Waaqaa kana diiga'a! Ani guyyaa sad keessatti deebisee hin ijaaraa» jedhee deebise.

20Yihudooti baallii qabanu, «Galma kana ijaariisaaf woggaa afurtamii jaa fixeera, ati guyyaa sad keessatti deebittee ijaartaa?» jedhanee isa gaafatane.

21Galmi Waaqaa ka Yesuus dubbate sun nafuma Yesuusii ti. 22Maarre inni du'aa ka'een duuba, barattooti isaa akka inni tana dubbate qaabatanee, Barreeffama Woyyichaa fi waan Yesuus dubbate dhugeeffatane.

Yesuus Yaada Namaa Mara Beeka

23Yennaa Jila Irra Dabaramaa Yesuus Yerusaalem keessa jiruun, namooti hedduun bilbaasa inni godhe dhagganee isatti dhugeeffatane. 24Yesuus ammoo namoota maraa waan beekuuf, isaan hin addanne. 25Inni ifiifuu waan gadhaa namaa keessa jiru waan beekuuf, marroo namootaa akka isatti himu nami tokkolle hin barbaachinne.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

From a wedding in Cana to the temple in Jerusalem

  • Cana, a town of Galilee near Capernaum, is not mentioned in the Old Testament. Some identify it with Kana el-Jelil, also called Khurbet Kana, eight or nine miles north of Nazareth; others with Kefr Kenna, about five miles northeast of Nazareth and twelve miles in a direct line from Tiberias, on the road toward the Sea of Galilee. There Jesus performed the first of his signs, turning water into wine at a wedding.Sources: Cana · the Bible text itself
  • After the wedding, Jesus went down to Capernaum with his mother, his brothers, and his disciples, and they stayed a few days. Capernaum, “Nahum’s town,” was a Galilean city not mentioned in the Old Testament. After he was expelled from Nazareth, it became his own city.Sources: the Bible text itself · Capernaum
  • When the Jewish Passover was near, Jesus went up to Jerusalem, a mountain city. Its name, in a dual form, means “possession of peace” or “foundation of peace,” probably referring to the mountains Zion and Moriah or, as some suppose, to the upper and lower city; modern Arabs call it el-Khuds, “the holy.” Those who demanded a sign said the temple had taken forty-six years to build, and a chronology dates this Passover and the temple incident to AD 27.Sources: the Bible text itself · Jerusalem · First Passover and Temple Cleansing

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Galilee · 32.760, 35.527 · verses 1, 11
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 13, 23

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.