Nations Bible

John 19

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

1Achiin duuba Philaaxoos Yesuus fuudhee dhaansise. 2Worri loltootaa dameelee qore'ee irraa kallacha hujanee mataa isaatitti keyane; achiin duuba woyaa dhiillee itti uffisane. 3Gara isaalle dhufaa, «Mootii Yihudootaa jiraadhu!» jedhaa isa kakkabalane.

4Philaaxoos ammalle gad bayee gumi'iin, «Waan isa himachiisu tokkolle akka ani hin dhaggin akka ilaaltanu, kunoo, gara keessan gad isa hin baasa» jedhe. 5Maarre Yesuus kallacha qore'ee keyatee, woyaa dhiilleelle uffatee gad baye. Philaaxoos, «Kunoo! Namichi!» isaaniin jedhe.

6Sooreyyiin hayyootaatii fi eeddoti Galma Waaqaa yennaa isa dhaggane, «Fannis! Fannisi!» jedhanee hogisane. Philaaxoos isaaniin, «Isin fuudha'aatii, fannisa'a. Ani yakkaa tokkolle isa irratti hin dhaggine» jedhe.

7Gumiin, «Nuuti seera tokko qanna; inni Ilma Waaqaa ifi godheera, akka seera keennaatitti du'uu qaba» jette.

8Philaaxoos yennaa tana dhage'e, ittuma caalchisee sodaate. 9Philaaxoos gara galma ifii deebi'ee, «Ati eessaa dhutte?» jedhee Yesuus gaafate.

Yesuus ammoo waan tokkolle hin deebinne. 10Philaaxoos, «Ati natti hin hintuu? Akka ani si hiikiisaa fi si fannisiisaafille baallii qabu hin beettuu?» isaan jedhe.

11Yesuus deebisee, «Waan Waaqaan baalliin sii kennanteef malee, ati silaa baallii na irratti hin qadduuyyu. Tanaaf nami dabarsee sitti na kenne, yakkaamessa cubbuu cubbuu caaltee ti» jedhe.

12Philaaxoos yennaa tana dhage'e, karaa Yesuus ittiin hiiku dhaggatiisaaf wodhaane. Gumiin ammoo, «Yoo isa hiitte, ati jaala mootii moototaa, ka biyya Rooma'aatii moti; nami mootii tokko ifi godhu marti, mootii moototaa, ka biyya Rooma'aatiin mormee isa lolu» jettee ittuma hogitte.

13Philaaxoos yennaa dubbii tana dhage'e, Yesuus gad baasee, addee dhakaa baxxicha jedhantutti barcumaa mura'a irra tee'e; addeen sun afaan Ibrootaatiin, «Gabataa» jedhanti. 14Guyyaan sun ka Jila Irra Dabaramaatiif qophowanu, gara saatii jaa ti. Philaaxoos kolba'aan, «Kunoo, mootiin keessan» jedhe.

15Isaan, «Ijjeesi! Ijjeesi! Fannis!» jedhanee ittuma hogisane.

Philaaxoos, «Mootii keessan fannisuu?» jedhee isaan gaafate.

Sooreyyiin hayyootaalle, «Nuuti mootii moototaa ka biyya Rooma'aa malee, mootii hin qannu!» jedhanee deebisane. 16Achiin duuba Philaaxoos akka Yesuus fannifamuuf dabarsee isaanitti isa kenne. Isaanille Yesuus fuudhanee deemane.

Yesuus Fannifame

17Achiin duuba Yesuus fannoo ifii ba'atee, gara addee, «Buqqii mata'aa» yookiin afaan Ibrootaatiin, «Golgootaa» jedhantu dhaqe. 18Isaan achitti isa fannisane; namoota dhibiille lamaan, maddii maddi'itti, Yesuus wodhakkaa isaaniititti fannisane. 19Philaaxoos waan ittiin beessisu tokko barreessee fannoo gubbaa keye. Wonni inni barreesse, «Yesuus nama biyya Naaziretii, mootii Yihudootaa» jetti. 20Addeen Yesuus itti fannifame qachaa bira waan teeteef, barreeffama san kolbaa heddu'utti dubbise. Beessisi sun afaan Ibrootaatiin, afaan Rooma'aatii fi afaan Giriikiitiin barreeffame. 21Sooreyyiin hayyootaa Philaaxoosiin, «Namichi kun, ‹Ani mootii Yihudootaa ti› jedheera jedhi malee, ‹Mootii Yihudootaa› jettee hin barreessin» jedhane.

22Philaaxoos deebisee, «Ani waan barreesse barreesseera» jedhe. 23Loltooti Yesuus fannisaneen duuba, woyaa isaa addee afuritti qoodanee, tokko tokkoon qooda ifii fudhatane. Isaan ruufalle fuudhane; ruufi isaa ammoo gubba'aa haga jalaatitti dhowameera malee, hodhaa hin qabu. 24Loltooti, «Ruufa kana hin tarsaannu; hixaa itti buufannee, akka eennu gewu ilaalluu ti!» woliin jedhane. Barreeffam Woyyichi,

«Woyaa tiyya qoodamane,

ruufa kiyyatti hixaa buufatane» jedhu akka muummowuuf kun te'e. Loltootille kanuma godhane.

25Fannoo Yesuusii cinaa, haati isaa, obboleettiin haadha isaa, Maariyaamiin niitiin Qilopha'aatii fi Maariyaamiin Magdalaa dhaabbataneeraniiyyu. 26Yesuus haadha ifiitii fi barataa ifii ka jaalattu achi dhaabbatanuun yennaa dhagge, haadha ifiitiin, «Haadha tiyya, inni ilma keeti» jedheen.

27Achiin duuba barattichaan, «Isiin haadha teeti» jedheen. Yennaa sanii jalqabee barattichi mana isaa akka leetuuf gara mana ifii isii fudhate.

Du'a Yesuusii

28Yesuus amma wonni marti hobba'iisa beekee, akka Barreeffam Woyyichi muummowuuf, «Ani dheebodhe» jedhe.

29Qoriin daadhiin woyni'ii dhangaggoottu'uun guutanteertu takka achi jirtiiyyu; maarre isaan ispoonjii daadhii woyni'ii dhangaggoottuu xuuxachiisanee, damee muka hisoophi jedhamuu irra keyanee, gara afaan isaa ol qabane. 30Yesuus daadhii dhangaggoottuu san unee, «Hobbaate!» jedhe.

Achiin duuba mataa gad qabatee lubbuu ifii dabarsee kenne.

Cinaachi Yesuusii Woraaname

31Guyyaan sun guyyaa itti qophowanu guyyaa jimaata waan te'eef, guyyaan itti aanulle guyyaa Sanbata jila guddo'oo waan te'eef, Yihudooti baallii qabanu reeffi namootaa guyyaa Sanbataatiin fannoo gubbaa akka hin oolleef, miila worra fannifamaneeranuu cassanee, fannoo irraa gad buusiisaaf, Philaaxoos gaafatane. 32Maarre loltooti dhaqanee miila worra Yesuus woliin fannifameeruu, dursanee miila namicha matoomaa, achiin duuba miila namicha kaaniille cassane. 33Isaan yennaa gara Yesuusii dhufane ammoo, inni duraanuu akka du'eeru dhagganee, miila isaa hin cassine. 34Te'uu malee, loltoota keessaa tokkochi, woraana ifiitiin cinaacha Yesuusii woraannaan yoosuma dhiigii fi bisaan keessaa jige. 35Kana ka dhagge, akka isin dhugeeffattanuuf dhugaa bayeera; dhugaan inni bayelle dhuga'a; wonni inni dubbatulle dhugaa akka teete hin beeka. 36Kun Barreeffam Woyyichi, «Lafeen isaa tokkolle hin caddu» ka jedhu akka muummowuuf te'e. 37Barreeffam Woyyichi dhibiin, «Isaan kama woraanane san hin dhaggan» jedha.

Yesuus Awwaalame

38Kanaan duuba, Yoseefiin biyya Armaatiya'aa, ka Yihudoota baallii qaddu sodaatee, dhokaataan hordofataa Yesuusii te'eeru, reeffa Yesuusii fannoo irraa fuudhiisaaf Philaaxoos gaafate. Philaaxoos eeyyamee jennaan, Yoseef dhaqee reeffa Yesuusii fuudhe. 39Niqoodemoos, ka duraanuu halkaniin gara Yesuusii dhufeeru, qumbi'ii fi hargiisa wolitti makame, gara kiiloogiraama soddomii afurii qabatee, Yoseef woliin addee san dhaqe. 40Namooti lamaan reeffa Yesuusii fuudhanee akka aadaa Yihudooti reeffa maranutti, fiqiree woliin woyaa qoolaan marane. 41Addee inni itti fannifame san oorru'utti jira; oorruu san keessa godi awwaalaa haarenni ka nami tokkolle itti hin awwaalaminitti jira. 42Guyyaa worri Yihudootaa itti qophowanu waan te'eef, godi awwaalaalle dhikoo waan te'eef, reeffa Yesuusii achitti awwaalane.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Judgment, Cross, and Burial

  • Pontius Pilate, the sixth Roman procurator of Judea (A.D. 26-36), was based at Caesarea but often went up to Jerusalem. Roman governors customarily set their tribunals in the open; John places Pilate’s judgment seat at the Stone Pavement, called Gabbatha in Hebrew, a mosaic of colored stones outside the praetorium, explained as the paved temple mound where the fortress of Antonia stood.Sources: Pontius Pilate · Pavement · Gabbatha · the Bible text itself
  • The evangelists interpret Golgotha as “the place of a skull”: the name transcribes Aramaic Gulgaltha, Hebrew gulgoleth, “a skull,” and is the same place called Calvary, described as a small knoll rounded like a bare skull, outside the gate and near the city. Because it was so near, many Jews could read Pilate’s notice, written in Hebrew, Latin, and Greek, naming Jesus of Nazareth—the town where Joseph and Mary had lived—as King of the Jews.Sources: Golgotha · Nazareth · the Bible text itself
  • Joseph of Arimathea, a wealthy member of the Sanhedrin from Arimathea—probably Old Testament Ramah, though others identify it with Ramleh or with Rama in Benjamin—asked Pilate for the body, and Pilate agreed after the centurion confirmed that Jesus was dead. Nicodemus, a Pharisee of that council who had once visited Jesus at night, brought about seventy-five pounds of myrrh and aloes; they wrapped the body in linen with the spices, in the Jewish way, and laid it in a new garden tomb nearby, since it was the day of Preparation and the next day a high Sabbath.Sources: Joseph (of Arimathea) · Nicodemus · Arimathea · the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Nazareth · 32.702, 35.298 · verse 19
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 20

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.