John 18
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Yesuus Qabame
1Yesuus daadimata kana daadimateen duuba, barattoota ifii woliin dhooqa Qedirooniitiin gama dhaqe. Addee san oorru'utti jira. Yesuusii fi barattooti isaa oorruu san seenane. 2Yesuusii fi barattooti isaa yennaa hedduu achitti waan wol dhagganuuf, Yihudaan dabarsee isa kenne addee san hin beekaayyu. 3Maarre Yihudaan loltoota worra Rooma'aa, eeddota Galma Waaqaa ka sooreyyii hayyootaatiin ergamanee fi Fariisaayota guuratee gara addee oorru'uu san dhaqe; isaan meya woraanaa hidhatanee faanosi'ii fi xassaa qabataneeran. 4Yesuus waan itti dhufaaru beekee, gara duraa itti deemee, «Eennu barbaaddan?» isaaniin jedhe.
5Isaan deebisanee, «Yesuusii biyya Naaziretii ti» jedhane.
Inni, «Aninuu isa» isaaniin jedhe. Yihudaan isa dabarsee kennelle isaan woliin achi dhaabbateeraayyu. 6Yennaa Yesuus, «Aninuu isa» jedhe gara duubaa sissiqanee lafatti jigane. 7Ammalle Yesuus, «Eennu barbaaddan?» jedhee isaan gaafate.
Isaan, «Yesuusii Naaziretii ti» jedhane.
8Yesuus deebisee, « ‹Aninuu isa› jedhee isinitti himeera. Isin, na yoo barbaadiisatti jiraattane, worra kana lakkisa'a deemanuu ti» jedhe. 9Dubbiin inni tanaan dura, «Abba'a, worra ati naaf kennite keessaa tokkolle hin ganne» jedhe akka muummottuuf tana dubbate.
10Simoon Pheexroos, shallaagaa qabateeru buqqifatee, garbicha hayyicha gudda'aa dhowee, gurra isaa middicha irraa kute. Maqaan garbicha saniille Maalkoos. 11Yesuus Pheexroosiin, «Shallaagaa keeti gonofa'atti deebisi! Muduunuu rakko'oo ta Abbaan kiyya akka ani unuuf naaf kenne ani hin unuu?» jedhe.
Yesuus Hayyicha Guddaa Dura Dhiyaate
12Achiin duuba loltooti worra Rooma'aa worra isaan ajajuu fi Yihudoota Galma Waaqaa eeganu woliin Yesuus qabanee, hidhanee, 13matooma gara Haannaas isa geessane. Haannaas abbaa-soddaa Qayyaaffa'aa ti; Qayyaaffaan bara san Hayyicha Guddaa te'eeraayyu. 14Qayyaaffaan kunille, nami tokko kolbaa maraaf yoo du'e woyya jedhee Yihudoota baallii qabanu ka gorse.
Pheexroos Yesuus Mormate
15Simoon Pheexroosii fi barataan dhibiin Yesuus hordofane. Barataan dhibiin sun Hayyicha Guddaa biratti beekkamaa waan te'eef, Yesuus woliin gara dalleya mana hayyicha gudda'aa seene. 16Pheexroos ammoo karra duratti hafe. Barataan dhibiin, Hayyicha Guddaa biratti beekkame sun gad bayee, durrittii karra eeddutti himee, Pheexroos ol seensise. 17Durrittiin karra eeddu Pheexroosiin, «Ati barattoota namicha sanii keessaa tokkoo motii?» jette. Pheexroos deebisee, «Waawwo'o, anaa moti» jedhe. 18Boojjiin waan jirtuuf, tajaajiltootaa fi worri eeddotaa ibidda cile'ee gabbisanee, naannoo isaa dhaabbatanee, o'ifatiisatti jiran. Pheexroosille isaan woliin dhaqee dhaabbatee o'ifate.
Hayyichi Guddaan Gaaffii Yesuus Gaafate
19Hayyichi guddaan marroo barattoota isaatii fi marroo barsiisa isaa Yesuus gaafate. 20Yesuus deebisee, «Ani mudhinnatti nama maratti dubbadheera; yennaa mara mana Waaqonfannaa Yihudootaatii fi Galma Waaqaa keessatti addee kolbaan marti wolitti qabantutti barsiiseera. Ani dhossa'atti waan tokkolle hin dubbanne. 21Ati maaf na gaafatta ree? Kolbaa na dhageette gaafadhu. Isaan waan ani jedhe hin beekan» jedheen.
22Yennaa Yesuus tana jedhe, worra eeddotaa ka achi jiranu keessaa tokko, «Hayyicha gudda'atti attam akkas deebittee dubbatta?» jedhee isa kabale.
23Yesuus deebisee, «Yoo ani dokonkora dubbadhee jiraadhe, dokonkora san nama as jirutti himi. Yoo ani sirrii dubbadhee jiraadhe ammoo ati maaf na dhootta?» isaan jedhe. 24Achiin duuba Haannaas, akkuma inni hidhamee jiruun, gara Qayyaaffaa hayyicha gudda'aa isa erge.
Pheexroos Ammalle Yesuus Mormate
25Simoon Pheexroos adoo achi dhaabbatee ibidda o'ifatiisatti jiruu, worri dhibiin isaan, «Atille barattoota isaa keessaa tokkoo motii?» isaan jedhane. Pheexroos ammoo, «Waawwo'o, anaa moti» jedhee mormate. 26Garboota hayyicha gudda'aa keessaa tokko, firri namicha Pheexroos gurra irraa kutee, «Isa woliin oorruu keessatti ani si hin dhagginee?» jedhee isa gaafate. 27Pheexroos ammalle mormate; yoosuma lukkuun iyyite.
Yesuus Philaaxoos Duratti Dhiyeeffame
28Barii halkaniin Yesuus mana Qayyaaffa'aatii gara galma bulchaa biyyaa geessane. Yihudooti baalli qabanu nyaata Jila Irra Dabaramaa nyaatiisaaf akka dande'anu, qulqullinna aadaa dhugeeffannaa isaanii eegatiisaaf waan barbaadaneef, galma bulchaa biyyaa hin seenne. 29Tanaaf Philaaxoos gara isaanii gad bayee, «Wonni isin namicha kana ittiin himattanu maan?» jedheen.
30Isaan deebisanee, «Adoo inni yakkaa tokko hin hujin nuuti gara keeti isa hin finnuuyyu» jedhaneen.
31Philaaxoos isaaniin, «Isinunti isa fuudha'aatii, akka seera keessaniititti itti mura'a» jedhe.
Isaan, «Nuuti nama tokkolle ijjeesu'uuf seerri nuuf hin kennu» jedhanee deebisane. 32Dubbiin Yesuus du'a attamii akka du'uuf jiru dubbate akka muummottuuf tun teete.
33Philaaxoos gara galma ifii deebi'ee seenee, Yesuus waamee, «Ati mootii Yihudootaatii?» jedhee isa gaafate.
34Yesuus deebisee, «Gaaffii tana si'umatti gaafata moo yookiin worra dhibi'itti marroo tiyya sitti hime?» jedhe.
35Philaaxoos deebisee, «Ati nama Yihudi'ii na seetaa? Kolbuma teetii fi sooreyyii hayyootaatitti gara kiyya dabarsee si kenne. Ati maan gooteerta?» jedhe.
36Yesuus deebisee, «Mootummaan tiyya ta biyya lafa tanaatii moti; adoo mootummaan tiyya ta biyya lafa tanaa teetee, akka ani worra Yihudoota baallii qabanutti dabarfamee hin kennanne, silaa hordofattooti tiyya naaf hin lolaniiyyu. Mootummaan tiyya ammoo ta biyya lafa tanaatii moti» jedhe. 37Maarre Philaaxoos, «Ati mootii Yihudootaatii ree?» jedhee isa gaafannaan, Yesuus deebisee, «Akka ani mooti'ii atinuu jette. Ani marroo dhuga'aatiif dhugaa bayiisaaf dhaladhee, gara biyya lafaa dhufe. Ka dhuga'aa ka te'e na hin dhage'a» jedhe. 38Philaaxoos, «Dhugaan maan inni?» jedhee gaafate.
Yesuusitti Duuti Murante
Achiin duuba Philaaxoos gara kolba'aa deebi'ee gad bayee, «Ani yakkaa isa himachiittu tokkolle isa irratti hin dhaggu. 39Ammoo ani yennaa Jila Irra Dabaramaa, yennaa mara nama hidhameeru tokko akka isinii hiiku barattaneertan. Mootii Yihudootaa akka ani isiniif hiiku barbaaddanii?» isaaniin jedhe. 40Jennaan isaan, «Waawwo'o, isaa moti! Barabbaa nuu hiiki!» jedhane itti hogisane; Barabbaan nama nama saamaa ture.

Did you know?
The Arrest and the Trials
- Jesus went out with his disciples across the Kidron Valley and entered a garden that Judas, his betrayer, already knew, because Jesus had often met the disciples there. Easton's Bible Dictionary (1897) calls the Kidron “the black torrent,” the brook flowing through the ravine below Jerusalem’s eastern wall.Sources: the Bible text itself · Brook Kidron
- The soldiers and officers brought Jesus first to Annas, father-in-law of Caiaphas, the high priest that year, and Annas then sent him, still bound, to Caiaphas. Easton's Bible Dictionary (1897) says Annas had been high priest from A.D. 7 to 14 and was deposed by the Roman procurator, yet, because Mosaic law held the office for life, the Jews may still have regarded him as legally high priest. The same dictionary identifies Caiaphas as a Sadducee who served throughout Pilate’s administration and who had advised that it would be better if one man died for the people.Sources: the Bible text itself · Annas · Caiaphas
- Pontius Pilate, the sixth Roman procurator of Judea (A.D. 26–36), kept headquarters at Caesarea but often went up to Jerusalem; that early morning he came out of the Praetorium because the Jews would not enter and risk being defiled, unable to eat the Passover. He offered to release one prisoner at the Passover, calling it their custom, but they demanded Barabbas. This chapter calls Barabbas an insurrectionist, while Easton's Bible Dictionary (1897) calls him a notorious robber and explains the name as “son of Abba” or “son of a father.”Sources: the Bible text itself · Pontius Pilate · Barabbas
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org