Nations Bible

John 11

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Du'a Alaazarii

1Namichi Alaazar jedhamu tokko, ka Bitaaniyaa keessa le'u dhibame. Bitaaniyaan qachaa Maariyaamii fi obboleettiin isi'ii Maartaan le'anu. 2Maariyaamiin tun ta fiqiree miila Gootta'aatitti naxxee, rifeensa mataa ifiitiin miila isaa haxxe; Alaazariin dhibame sunille obboleessa isi'ii ti. 3Obboleettoti Alaazarii: «Gootta'a, nami ati jaalattu dhibameera» jedhanee Yesuusitti ergane.

4Yesuus yennaa tana dhage'e, «Dhibeen tun, ulfinni Waaqaa akka mudhatuuf, Ilmi Waaqaalle akka ittiin ulfaatuuf teete malee, Alaazar du'ee akka hafuufii moti» jedhe.

5Yesuus Maartaa, obboleettii isi'ii Maariyaamii fi Alaazar hin jaalataayyu. 6Akka Alaazar dhibame dhage'ulle, addee jiru san guyyaa lama oole. 7Achiin duuba inni barattoota ifiitiin, «Me gara biyya Yihuda'aa deebinee dhandha» jedhe.

8Barattooti isaan, «Barsiisa'a, dhikoo tana Yihudooti dhaka'aan si tumiisaaf barbaadaneeran; ati ammalle achi dhaqiisaaf yaadattaa?» jedhaneen.

9Yesuus deebisee, «Guyyaan tokko saatii kudhanii lama qabaa motii? Maarre nami guyya'aan ideemu, ifa biyya lafaa tana waan dhagguuf hin gufatu. 10Nami halkaniin ideeme ammoo, sababa ifa hin qanneef hin gufata» jedhe. 11Yesuus tana jedheen duuba dabalee, «Alaazar jaalli keenna rafeera, ani ammoo dhaqee isa hin dammassa» jedhe.

12Barattooti isaa deebisanee, «Gootta'a, inni yoo rafee jiraate, hin fayya» jedhane.

13Yesuus akka Alaazar du'eeru dubbatte; isaan ammoo marroo hirriibaa dubbate seyane. 14Maarre Yesuus ifa tolchee, «Alaazar du'eera; 15ammoo akka isin dhugeeffattanuuf, ani achi waan hin jiraatiniif gammadeera. Amma ammoo ka'aa gara isaa dhandhaa!» isaaniin jedhe.

16Toomaasiin Didimoos jedhamu barattoota dhibi'iin, «Kowaa me nuutille dhandhee, barsiisaa woliin duunaa!» jedhe.

Yesuus Du'aa Ka'iisaa Fi Jiru'u

17Yesuus yennaa achi geye, Alaazar haga awwaalamee guyyaa afur akka te'e dhagge. 18Bitaaniyaan Yerusaalem irraa gara kiiloomeetira sadii fagaatti; 19Yihudooti hedduun Maarta'aa fi Maariyaam marroo du'a obboleessa isaaniitiif isaan jajjabeessiisaaf dhufaneeran.

20Maartaan dhufa Yesuusii yennaa dhageette, gad itti baate; Maariyaam ammoo manumatti hatte. 21Maartaan Yesuusiin, «Gootta'a, adoo ati as jiraattee, obboleessi kiyya silaa hin du'uuyyu! 22Ammoo, ammalle waan ati gaafatte mara Waaqi akka sii kennu ani hin beeka» jette. 23Yesuus, isi'iin, «Obboleessi keeti du'aa hin ka'a» jedhe.

24Maartaan deebittee, «Guyyaa muumme'ee yennaa du'aa ka'iisaa, akka inni du'aa ka'u ani hin beeka» jette.

25Yesuus, «Du'aa ka'iisaa fi jiruun ana. Ka natti dhugeeffatu, du'ulle jiru'uun hin le'a; 26Ka jiru'uun le'uu fi natti dhugeeffatu marti hin du'u. Ati kana hin dhugeeffattaa?» isi'iin jedhe.

27Isiin, «Ee Gootta'a, ati Ilma Waaqaa, Masiihii gara biyya lafaa dhufaaru akka teete ani hin dhugeeffadha» jetteen.

Yesuus Bowe

28Maartaan kana jetteen duuba, dhaxxee obboleettii ifii Maariyaam qofuu waantee, «Barsiisaan as jira, si'ille waamiisatti jira» jetteen. 29Maariyaamiin yennaa tana dhageette, ariifattee isa dhaggiisaaf kaatee baatee gara isa dhaxxe. 30Yesuus adduma Maartaan isa itti dhaggite jiraayyu malee, yennaa san ollaa keessa hin seenneeyyu. 31Yihudooti isii jajjabeessiisaaf isii woliin mana keessa jiranu, yennaa Maariyaamiin ariifattee kaatee baatuun dhaggane, waan addee awwaalaa dhaxxee boottu seyanee, isii gula ka'ane.

32Maariyaam addee Yesuus jiru geettee, akkuma isa dhaggiteen, miila isaatitti jiddee, «Gootta'a! Adoo ati as jiraattee, obboleessi kiyya silaa hin du'u» jetteen.

33Yesuus bowiisa isi'iitii fi kolbaan isii woliin jirtulle attam akka bowiisatti jirtu yennaa dhagge, gadhaan isaalle gaddee, guddisee laaleffatee, 34«Eessatti awwaaltane?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Gootta'a, koyii ilaali» jedhanee deebisane.

35Yesuus bowe. 36Yihudooti, «Attam akka inni isa jaalate ilaala'a!» jette. 37Isaan keessaa gariin ammoo, «Inni nama ballaa fayyiseera, silaa akka Alaazar hin duune dhoogguu hin dande'uuyyuu?» jedhane.

Yesuus Alaazar Du'aa Kaase

38Yesuus ammalle guddisee laaleffatee, gara boolla awwaalaa dhaqe. Boolli awwaalaa sun goda dhakaan afaan irra keyameeru. 39Yesuus, «Dhakaa irraa kaasa'a!» jedhee ajaje. Maartaan, obboleettiin nama du'ee, «Gootta'a, inni haga du'ee guyyaa afur tureera. Amma ajoweera!» jetteen.

40Yesuus isi'iin, «Yoo dhugeeffatte ulfinna Waaqaa akka dhaggitu, ani sitti hin hinnee?» jedhe. 41Maarre isaan dhakaa irraa kaasane. Achiin duuba Yesuus ol ilaalee, «Ee Abba'a, waan na dhageetteef, si galateeffadha. 42Akka ati yennaa mara naa dhageettu ani hin beeka; ammoo kolbaan as dhaabbattu tun akka ati ana ergite akka dhugeeffattuuf tana jedhe» jedhe. 43Tana jedheen duuba, Yesuus, «Alaazar, as bayi!» jedhee qoonqoo guddo'oon waame. 44Alaazarille harkii fi miilli isaa woyaa awwaalaatiin xaxamee, fuulli isaalle woya'aan maramee, gad baye. Yesuus, «Hiika'aatii lakkisa'a, deemuutii» isaaniin jedhe.

Yesuus Ijjeesiisaaf Itti Malane

45Yihudoota gara Maariyaamii dhufaneeranu keessaa hedduun waan Yesuus huje dhagganee, isatti dhugeeffatane. 46Isaan keessaa gariin ammoo gara Fariisaayotaa dhaqanee waan Yesuus huje itti himane. 47Maarre sooreyyiin hayyootaatii fi Fariisaayoti kora murti'ii waamanee, «Bilbaasota namichi kun hujiisatti jiru mara ilaala'a! Maan goona? 48Akkanumaan yoo isa lakkinne, nami maraa isatti hin dhugeeffata; worri Rooma'aalle dhufee Galma Waaqaa keennaa fi kolbaa teenna hin balleessa» jedhane. 49Isaan keessaa nami tokko, ka Qayyaaffaa jedhamu, ka woggaa san hayyuu guddaa te'eeru, «Isin ijjumaa wo hin beettanu; 50kolbaan duudiin badu'uu mannaa, nami tokko kolba'aaf du'uun isiniif woyya; isin ijjumaa tana hin hubattanuu?» isaaniin jedhe. 51Inni ifi keessaa fuudhee tana hin jenne; woggaa san hayyuu guddaa waan te'eef, Yesuus kolbaa Yihudi'iitiif akka du'aaru raage. 52Isaan qofaaf adoo hin te'in, kolbaa Waaqaa ta bittinnootte maralle wolitti rariisaaf du'a.

53Guyyaa sanii jalqabanee Yihudooti baallii qabanu Yesuus ijjeesiisaaf mala dhowane. 54Tanaaf Yesuus Yihudaa keessa ifaataan deddeemuu hin dandeenne; ammoo achi lakkisee gara qachaa Efreem jedhamuu, ka goomole'een dhikoo jiruu dhaqee, barattoota ifii woliin achi bubbule.

55Yennaan Jila Irra Dabarama Yihudootaa dhikaatteertiiyyu; biyya keessaa namooti hedduun jilaan dura akka aadaa dhugeeffannaa isaaniititti ifi qulqulleessu'uuf gara Yerusaalemii ol bayane. 56Isaan Yesuus barbaadiisatti waan jiranuuf, Galma Waaqaa keessa dhaabbatanee, «Maan isinitti fakkaatti? Inni gara jilaa hin dhufu, hin dhufaa?» jedhanee wol gaafatane. 57Sooreyyiin hayyootaatii fi Fariisaayoti akka isa qabiisa dande'anu, nami addee Yesuus jiru beeku yoo jiraate, akka himu ajaja kennaneeran.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Lazarus Raised at Bethany

  • John places Bethany, the village of Lazarus and his sisters Mary and Martha, a little less than two miles from Jerusalem. Easton's Bible Dictionary (1897) locates it on the southeastern slope of the Mount of Olives, on the road to Jericho, and says it took its name from the palm trees that grew there and was known as el-Azariyeh, “place of Lazarus.”Sources: Bethany · the Bible text itself
  • Thomas, one of the twelve, was also called Didymus, the Greek equivalent of his name, which means “twin.” When Jesus chose to go back to Judea, where people had just tried to stone him, Thomas said to the other disciples, “Let us also go, so that we may die with Him.”Sources: Thomas · the Bible text itself
  • After some reported what Jesus had done, the chief priests and Pharisees convened the Sanhedrin, afraid that if everyone believed in Jesus the Romans would take away both their place and their nation. Caiaphas, high priest that year and, according to Easton's Bible Dictionary (1897), a Sadducee who held office from A.D. 27 to 36, said it was better that one man die for the people than that the whole nation perish. John says that as high priest that year he was prophesying that Jesus would die for the nation, and from that day they plotted to kill him.Sources: Caiaphas · the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Judea · Today: Judea 1 · 31.777, 35.234 · verses 7, 8, 54
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 18, 54, 55
  • Ephraim · Today: Taybeh · 31.954, 35.300 · verse 54

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.