John 10
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Mammaassa Tissee Hoolotaa
1Yesuus, «Ani dhugaa isinitti hima, nami gara gooree hoolotaa balbalaan adoo hin te'in, karaa dhibi'iin yaabee seenu, hattu'uu fi saamtu'u. 2Nami gara gooree hoolotaa balbalaan seenu ammoo, tissee hoolotaa ti. 3Ka balbala eegu balbala isaaf hin bana. Hoolotille qoonqoo isaa hin dhage'an. Inni hoolota ifii maqa'aan waamaa, dura deemaa gad baasa. 4Inni hoolota ifii mara yennaa gad baase, isaaniin dura deema; hoolotille qoonqoo isaa waan beekanuuf isa hordofan. 5Isaan qoonqoo ormaa waan hin beenneef, irraa baqatan malee, isa hin hordofanu» jedhe.
6Yesuus mammaassa kana isaanitti hime, isaan ammoo waan inni jedhe hin hubanne.
Yesuus Tissee Dansa'a
7Yesuus ammalle, «Ani dhugaa isinitti hima: balbalti hoolotaa ana. 8Worri dhibiin ka anaan dura dhufe marti hattu'uu fi saantu'u, hooloti ammoo isaan hin dhageettu. 9Balbalti ana. Ka anaan seenu hin fayya; ol hin seena, gad hin baya, dheedalle hin dhaggata. 10Hattuun hatiisaaf, ijjeesiisaa fi balleessiisa qofaaf dhutti. Ani ammoo hooloti jiruu akka dhaggattuu fi jiruu firinxiixxuu akka qabaattuuf dhufeera» jedhe.
11Yesuus, «Tisseen dansaan ana. Tisseen dansaan hoolota ifiitiif lubbuu ifii dabarsee kenna. 12Tissee adoo hin te'in, ka qaxaramee tissu, hooloti ta isaa waan hin te'iniif, yayyiin dhuttuun yennaa dhagge, inni hoolota lakkisee dheeta; maarre yayyiin buttee hoolota bittinneessiti. 13Namichi qaxaramee tissu, waan qaxaramee tissuuf, hoolotaafille waan hin rakkaneef lakkisee dheeta. 14Tisseen dansaan ana. Akkuma Abbaan na beeku, anilleen isa beeka; akkuma ani hoolota tiyya beeku, isaanille na beekan. Anille isaaniif lubbuu tiyya dabarsee kenna. 16Ani hoolota dhibii ta gooree tana keessa hin jirre qaba; ani isaanille fiduu qaba. Isaan qoonqoo tiyya hin dhage'an, gooree takkaa hin te'an, tisseelle tokkocha.
17«Ani lubbuu tiyya deebisee fudhatu'uuf dabarsee waan kennuuf, Abbaan na jaalata. 18Ani lubbuu tiyya fedha kiyyaan dabarsee kenna malee eennulle narraa hin fudhatu. Ani lubbuu tiyya dabarsee kenniisaa fi deebisee fudhatiisaaf baallii qaba. Ani ajaja kana Abbaa irraa fudhadhe» jedhe.
19Sababa jecha kanaatiif ammalle Yihudooti yaadaan gargar qoqoodante. 20Isaan keessaa nami hedduun, «Inni durriisa ifi keessaa qaba! Inni maraata'a! Isin maaf isa dhageettan?» jedhane. 21Worri dhibiin ammoo, «Tun dubbii nama durriisa ifi keessaa qabuutii moti! Durriisi ballaa ila banuu dande'aa?» jedhane.
Yesuus Tuffatame
22Yennaa san jilti eebba Galma Waaqaa ka haareffamee Yerusaalem keessatti jilifamiisatti jirtiiyyu; yennaan sun ganna. 23Yesuus dalleya Galma Waaqaa keessatti sissaabii Solomoon jala deddeebi'u keessa ideemiisatti jiruun, 24Yihudooti isa marsitee, «Ati haga yoomii gadhaa keenna rarraacha? Ifatti baasii nutti himi: Ati Masiihii?» jedhanee gaafatane.
25Yesuus deebisee, «Ani duruu isinitti himeera, isin ammoo ana hin dhugeeffattanu. Hujiin ani maqaa Abbaa kiyyaatiin huju naaf dhugaa baati; 26isin ammoo hoolee tiyya waan hin te'iniif, hin dhugeeffattanu. 27Hooloti tiyya qoonqoo tiyya dhageetti; ani isaan beeka, isaanille na hordofan. 28Ani jiruu bara baraa isaaniif kenna, isaanille ijjumaa hin badanu, eennuulle harka kiyya keessaa isaan butuu hin dande'u. 29Abbaan kiyya, ka isaan naaf kenne waan mara caala, eennulle dande'ee harka Abba'aatii isaan hin butu. 30Abba'aa fi Ani tokko» isaaniin jedhe.
31Achiin duuba Yihudooti dhaka'aan isa tumiisaaf ammalle dhakaa fudhatte. 32Yesuus deebisee, «Ani hujii dansaa hedduu Abbaan natti kenne hujee isinitti mudhiseera; isaan kana keessaa kamiif dhaka'aan na tumiisaaf barbaaddan?» jedhe.
33Yihudooti deebisanee, «Wonni nuuti dhaka'aan si tumiisaaf barbaannuuf, waan ati Waaqa faanshessiteef malee, hujii dansaa keessaa takkaalle'eefii moti, ati adoo namuma teeteertuu Waaqa ifi goota» jedhaneen. 34Yesuus deebisee, «Seera keessan keessatti Waaqi isiniin ‹Isin waaqota› ka jedhe barreeffanteertii motii? 35Worra jechi Waaqaa isaaniif dhufeen, ‹Isin waaqota› yoo jedhe, Barreeffam Woyyichi ka hin diiganne yoo te'e, 36‹Ani Ilma Waaqaa ti› waan jedheef, ana ka Abbaan na filatee gara biyya lafaa na ergeen, isin ‹Waaqa faanshessita› attam jettan ree? 37Yoo ani hujii Abbaa kiyyaa hin hunye te'e, natti hin dhugeeffatina'a. 38Yoo ani huju te'e ammoo, natti dhugeeffatuu dhaddanulle, Abbaan na keessa, Anille Abbaa keessa akka jiru akka beettanuu fi akka hubattanu, hujii tiyyatti dhugeeffadha'a» isaaniin jedhe.
39Isaan ammalle isa qabiisaaf barbaadane; inni ammoo isaan harkaa miliqe.
40Achiin duuba Yesuus ammalle Yordaanosiin gama addee Yohaannis duraan itti cuuphaa ture deebi'ee dhaqee, achi bubbule. 41Namooti hedduun gara isaa dhufane. Isaan, «Yohaannis bilbaasa tokkolle hin goone, ammoo marroo namicha kanaa wonni inni dubbate marti dhuga'a» jedhane. 42Namooti hedduun achi jiranu Yesuusitti dhugeeffatane.

Did you know?
The Good Shepherd
- During the Feast of Dedication in Jerusalem it was winter, and Jesus was walking in the temple courts in Solomon's Colonnade. The name Jerusalem, in a dual form, means "possession of peace" or "foundation of peace"; that form probably refers to the mountains of Zion and Moriah, or, as some suppose, to the upper and lower city. Solomon's Hebrew name, Shelomoh, means "peaceful."Sources: the Bible text itself · Jerusalem · Solomon
- A chronology of Gospel events dates the Good Shepherd teaching to AD 29, and dates a time of teaching and healing from Perea to Jerusalem to AD 30.Sources: The Good Shepherd Teaching · Teaching and Healing in Perea to Jerusalem
- Jesus then went back across the Jordan to the place where John had first been baptizing, and many people there believed in him. John was of priestly descent: his father, Zacharias, was a priest of the course of Abia, and his mother, Elisabeth, was of the daughters of Aaron. His birth, six months before that of Jesus, was foretold by an angel; those who came said that John never performed a sign, yet everything he had said about Jesus was true.Sources: the Bible text itself · John the Baptist
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 22
- Solomon’s Portico · Today: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 23
- Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verse 40
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org