Jeremiah 18
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Nama Faara Dhowuu Fi Faara
1Jechi Mootii Waan Maraa ka gara Ermiyaasii dhufe ka asii gad jiru: 2«Ka'iitii, gara mana nama faara dhowuu gad bu'i; ani achitti ergaa tiyya sitti hima» jedhe. 3Maarre ani gara mana nama faara dhowuu gad bu'ee, inni korboo ifii ta dhaka'aa irratti faara dhowuun dhagge. 4Okkoteen inni faara irraa dhowu sun ammoo harka isaatitti badde; maarre inni faaruma san akka isaaf toltetti deebisee okkotee dhibii huje.
5Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 6«Ee, kolbaa Israa'elii! Akkuma nami Faara dhowu kun huju, anille isin hujuu hin dande'uu ree? Akkuma faarri harka nama faara dhowuu keessa jiru, isinille harka kiyya keessa jirtan. 7Ani kolbaan takka yookiin mootummaan takka, akka buqqaatu, akka diigantu fi akka baddu yoo dubbadhe, yennuma san 8kolbaan sunille waan hantuu irraa yoo deebite, ani badii isaanitti fidiisaaf yaade san hin lakkisa. 9Ani Yennaa dhibiille Kolbaa takka yookiin mootummaa takka ijaaree dhaabiisaaf yoo dubbadhe, 10kolbaan sunille na duratti waan hantuu hujjee naaf yoo ajajamuu didde, waan dansaa isaaniif godhiisaaf yaade san hin lakkisa. 11Tanaaf amma ati kolbaa Yihuda'aatii fi worra Yerusaalem keessa le'uun, Kunoo Mootiin Waan Maraa, ‹Badii isiniif qopheessiisatti jira; karoora hamaalle isin irratti baasiisatti jira; maarre isin martinuu karaa hamaa keessan irraa deebi'a'aatii, tokko tokkoon keessan karaa keessanii fi hujii teessan qajeelfadha'a› jedheera. 12Isaan ammoo, ‹Lakkii, kun bu'aa hin qabu; nuuti karooruma keenna gula deenna; tokko tokkoon keennaayyuu mataa jabeenna hantuu gadhaa keennaa gula deenna› hin jedhan» jedhe.
13Tanaaf Mootiin Waan Maraa isaaniin,
«Me odduu gosa biyya adda addaa gaafadha'a;
waan akkasii nami dhage'ee beeku jiraa?
Kolbaan Israa'elii
waan nafa namaa shuguggeessu hujjeerti.
14Dhakaan bokkeyaa ka Libaanonii,
rassaa goodda isi'ii irraa dhabamee beekaa?
Bisaan dillowaan gaara Libaanonii irraa gad yaa'u
gogee beekaa?
15Kolbaan tiyya ammoo na deeteerti;
isaan waaqota dharaa ka woy hin baaneef,
ka karaa isaanii ka durii irraa isaan gufachiisee,
karaa hin teene irra isaan ideensisuuf
hixaana aarsaneeran.
16Latti isaanii ontee,
haga bara baraa ta murgo'oo hin teeti;
nami karaa san dabaru marti baaseffatiisaan
mataa ifii raasan.
17Akka qilleensa karaa aduun baatuu,
diinota isaanii duratti ani isaan hin bittinneessa;
guyyaa badiin isaanitti dhuttu,
ani dudda kiyya isaanitti mudhisa malee
fuula kiyya isaanitti hin mudhisu» jedha.
Mala Ermiyaasitti Dhowane
18Achiin duuba isaan, «Seera barsiisiis hayyoota biraa, gorsi qaroolee biraa, jechi raagota biraa waan hin dhabanneef, maarre kowa'a, Ermiyaas irratti mala dhoonnee, waan inni dubbatu mara dhage'uu didannee, dubbi'iin isa rakkinna» jedhane.
19Maarre ani daadimadhee, «Ee Mootii Waan Maraa naa caqasi;
waan diinoti kiyya jedhanu dhage'i!
20Gatii waan dansa'aa waan hantuu kaffalanii ree?
Isaan ammoo boolla naaf qotaneeran;
mufii teeti akka ati isaan irraa deebifattuuf,
fuula keeti dura dhaabbadhee,
isaaniif akka ani si kadhadhe qaabadhu.
21Tanaaf ijoollee isaanii beelessi;
shallaaga'aaf dabarsiitii isaan kenni!
Niitoti isaanii ta ijoollee hin qannee fi
haadhotii hiyyeessaa te'anuu ti.
Dhiira isaanii fixi;
dargaggooti isaanii lola keessatti akka qalamanu godhi.
22Isaan na qabiisaaf boolla waan qotaneef,
miila kiyyaaf tiyyoo waan afaneef,
yennaa ati dedhuma worra isaan lolu itti fidde,
mana isaanii keessaa iyyi dhage'antuu ti.
23Ee Mootii Waan Maraa!
Mala isaan na ijjeesiisaaf dhowane, ati hin beetta.
Yakkaa isaanii isaaniif hin araaramin;
cubbuu isaaniille fuula keeti duraa haxoottee hin balleessin.
Isaan fuula keeti duratti jiganee badanuu ti;
ati yennaa isaanitti aarte isaanitti muri» jedhe.

Did you know?
The Potter and the Clay
- At the potter's house, Jeremiah observes an artisan reshaping a spoiled vessel on the wheel into another pot. The passage uses this craft to illustrate divine authority and conditional judgment: if a nation turns from evil after being warned, disaster is averted, but if a nation turns to evil, intended blessings are withheld.Sources: the Bible text itself
- The prophecy contrasts Israel's abandonment of God with the constancy of the natural world, asking if the snow of Lebanon ever departs from its rocky crags. The mountain range of Lebanon, whose name means white, was notable for its lofty peaks and enduring cold streams.Sources: Lebanon · the Bible text itself
- The conspiracy against Jeremiah was driven by opponents who assumed religious security, arguing that instruction would never be lost to the priest, counsel to the wise, or the divine word to the prophet. Jeremiah's message of impending ruin directly challenged this institutional confidence.Sources: Jeremiah · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 11
- Lebanon · 33.540, 35.584 · verse 14
- Mount Hermon · 33.400, 35.850 · verse 14
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org