Jeremiah 17
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Cubbuu Kolbaa Yihuda'aatii Fi Adabamiisa Isaanii
1Mootiin Waan Maraa, «Cubbuun kolbaa Yihuda'aa feenii sibiilaatiin, arfii dhakaa almaaziitiin gadhaa isaaniitii fi gaafa addee ciinca'aa ka isaanii irratti qiriixantee barreeffanteerti. 2Ijoolleen isaaniituu addee ciinca'aa ta isaaniitii fi utubaa waaqa dharaa ta, ‹Asheeraa› jedhantu, ta muka bisilee jalaatii fi ta koobota dhedheertuu irraa qaabatan. 3Sababa cubbuu biyya teessaniitiif, gaara kiyya ka lafa teessan keessa jiru, qabeenna keessanii fi karra teessan mara addee waaqonfanna'aa woliin akka saamamu hin godha. 4Balleessaa teessaniif lafa ani isinii kenne dhaddan; aariin tiyya akka ibiddaa haga bara baraa akka bobeettu waan gootaneef, lafa isin hin beenne keessatti diinota keessaniif garba isin tolcha» jedha.
5Ammalle Mootiin Waan Maraa,
«Nami namatti addattu,
ka nama foon uffatetti irkatee,
jabeenna ifii godhatu,
ka gadhaan isaa Mootii Waan Maraa irraa fagaate,
ka abaarame.
6Inni akka tusee goomolee keessaa hin te'a;
wonni dansaan yennaa dhuttu hin dhaggu.
Lafa sooddaa ta nami keessa hin jirre,
addee godduu goomolee keessa hin le'a.
7Ammoo nami Mootii Waan Maraa addatu,
ka Mootii Waan Maraa addii godhatu ka eebbifame.
8Inni akka muka bisaan biratti dhaabamee,
ka hidda ifii gara lagaa yaafatuu hin te'a.
Muki sun o'i yennaa dhufu hin sodaatu;
baalli isaa yennaa mara bisile'e.
Bara oola'aa hin yaadu;
midhaan buusiisa hin lakkisu.
9Qalbiin namaa waan mara caalaa
dabaalettii qajeeluu hin dandeenne.
Eentu isii hubatuu dande'a ree?
10Ani Mootiin Waan Maraa nama maraaf
akka ideensa isaatii fi
akka hujii isaatitti gatii isaaf kenniisaaf,
gadhaa namaatii fi qalbii namaa
qorqoree hin ilaala» jedha.
11Nami dabaan karra wolitti qabatu,
akka gororrii quuphaa ifii hin buusin dhoofattuu ti;
wodhakkaa bara jiruu isaatitti
wonni inni wolitti qabate sun marti,
isa lakkittee hin dhumatti;
muummee irratti inni gowwaa akka te'e hin mirkanootti.
12Barcumaan mootumma'aa ka ulfinnaa,
durii jalqabee ka saadame,
addee Dunkaanii Woyyittii teennaa ti.
13Ee Mootii Waan Maraa, addii Israa'elii,
worri si lakkisu marti hin fokkifatan.
Worri si irraa duubatti deebi'u,
bisaan madda jiru'uu ka teete,
si Mootii Waan Maraa waan lakkisaneef,
akka barreeffama bukuu irraa ti.
14Ee Mootii Waan Maraa, ati ka ani leellifadhu waan teeteef,
na fayyisi, anille hin fayya;
na baasi, anille hin baya.
15Kolbaan, anaan, «Jechi Mootii Waan Maraa eessa jira?
Me amma muummowuu ti» jedhiisatti jirti.
16Ani akka ati na ajajetti
tissee te'iisa hin lakkinne;
guyyaan hamaan akka dhufu
akka ani hin halchin hin beetta;
wonni ani dubbadhe marti si duratti ifa.
17Na hin sodaachisin;
guyyaa rakkinnaa addeen ani itti baqadhu si'i.
18Worri na miidhu fokkifatuu ti;
ani ammoo hin fokkifatin.
Isaan bararaqanuu ti;
ani ammoo hin bararaqin.
Guyyaa badi'ii isaanitti fidi;
badii dacha'aan isaan balleessi.
Guyyaa Sanbataa Ulfeessuu
19Mootiin Waan Maraa anaan, «Dhaqiitii, karra kolba'aa, ta moototi Yihuda'aa ittiin ol seenanuu fi gad bayanu dura, karra Yerusaalemii ta dhibiille mara dura dhaabbadhuutii, 20isaaniin, ‹Isin moototi Yihuda'aa, kolbaan Yihuda'aa maraa fi worri Yerusaalem keessa leetanu karra tanaan worri ol seentanu marti jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a› jedhiin» jedhe. 21Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa Sanbataa ba'aa hin ba'atina'a; karra Yerusaalemiitille'een akka ol hin seensinne lubbuu teessaniif ifi eegadha'a. 22Akkuma ani abbootii teessan ta durii ajaje, woyyummaa guyyaa Sanbataa eega'a malee, ba'aa ba'attanee mana keessanii hin bayina'a; hujii tokkolle hin hujina'a. 23Isaan ammoo hin dhageenne yookiin itti hin xiyyeeffanne; isaan akka hin dhageenne yookiin gorsa akka hin fudhanne mataa jabaatane. 24Isin ammoo akka dansaa yoo naa ajajantane, guyyaa Sanbataa ba'aa ba'attanee karra qachaa kanaatiin yoo ol hin seenin, hujii tokkolle hujuu dhaddanee, woyyummaa guyyaa Sanbataa yoo eeddane, 25moototi barcumaa mootummaa Daawitii irra tee'anu qondaaltota ifii woliin karra qachaa kanaatiin ol hin seenan; isaanii fi qondaaltoti isaanii fardo'oo fi Garreettaa fardaan harkifamu irra tee'anee, worra Yihuda'aatii fi worra Yerusaalem keessa le'u woliin hin dhufan; qachaa kana keessa haga bara baraa nami hin le'a. 26Namooti qachaa Yihuda'aa keessaa, olloota adaala Yerusaalemiitii, lafa Beniyaaminiitii fi lafa kooba jalaa ta gara aduun seentuutii, biyya koobitti'ii fi biyya goomolee kibba Kana'aaniitii, kennansa gubamu fi ciincaa, kennansa midhaanii, hixaanaa fi kennansa galataa qabatanee gara Galma Mootii Waan Maraa hin dhufan. 27Isin ammoo naaf ajajamuu yoo diddane, woyyummaa guyyaa Sanbataa eegiisa yoo dhaddane, ba'aa ba'attanee karra Yerusaalemiitiin yoo ol seentane, karra Yerusaalemii keessatti ibidda hin dhaanne ka dalleya dhaka'aa Yerusaalemii nyaatee balleessu hin qassiisa» jedhe.

Did you know?
Trust, the Heart, and the Sabbath
- The iron stylus and diamond point were ancient tools used to carve deep, permanent inscriptions into hard stone or metal surfaces. Jeremiah invokes this image to emphasize that the idolatry of Judah was not a superficial slip, but deeply etched into their hearts and upon the horns of their altars.Sources: the Bible text itself
- Jeremiah contrasts a solitary shrub in the parched, salty desert with a flourishing tree planted by a stream. A tree with roots reaching into water stays green and continues bearing fruit even in years of drought, serving as an image of enduring life for those who trust in God rather than human strength.Sources: the Bible text itself
- Jeremiah was instructed to proclaim God's word at the gates of Jerusalem, specifically forbidding the carrying of commercial loads on the Sabbath. Keeping the Sabbath holy promised the continuation of kings on the throne of David and the arrival of worshippers from the territory of Benjamin, Judah, and the arid Negev.Sources: the Bible text itself · David · Benjamin (patriarch) · Jerusalem
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Arabah · 30.417, 35.151 · verse 6
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 19, 20, 21, 25, 26, 27
- People’s Gate · Today: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 19
- Negeb · 31.245, 34.841 · verse 26
- Shephelah · 31.692, 34.875 · verse 26
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org