Isaiah 11
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Mootummaa Nageyaa
1Akkuma jirmi quunxee damee baasu,
sanyii Iseyii keessaa mootiin haarenni hin ka'a.
2Ayyaanni Mootii Waan Maraa
Ayyaanni qarumma'aatii fi hubanti'ii
Ayyaanni gorsaatii fi hunnaa
Ayyaanni beekkumsaatii fi
Mootii Waan Maraa sodaatiisaa
isa irratti hin bu'a.
3Inni Mootii Waan Maraa sodaatiisaan
hin gammada.
Akkuma ilaan dhagge hin muru;
yookiin akkuma gurraan dhage'e hin murteessu;
4worra hiyyeeyyi'iif ammoo
balchumma'aan hin mura;
worra deega'aaf haqaan hin mura;
dubbii afaan isaa keessaa baatu
ta akka ule'eetiin biyya lafaa hin dhowa;
hafuura afaan isaa keessaa bayulle'een
worra hamoolee hin ijjeesa.
5Balchumma'aa fi addatamummaan
akka hiituu hidha isaa ti.
6Yayyiin ilmayyoo hoole'ee woliin hin leeti;
qeeransi ilmayyoo re'e'ee woliin hin ciisa.
Jabbiin, ilmoolee neenqaatii fi
korommii dardarri woliin hin tikatan;
mucaan diqqaalle isaan hin tissa.
7Loonii fi doobbaan woliin hin tikatan;
jabbi'ii fi ilmooleen doobba'aa woliin hin ciisan;
neenqille akka qotiyyo'oo hicaacee hin nyaata.
8Mucaan harma hodhu
boolla dhudhuufa'aa bira hin taphata;
mucaan harma irraa gu'elle
boolla buuti'ii keessa harka hin keya.
9Akkuma abbaayaan bisaaniin guutantu,
latti beekkumsa Mootii Waan Maraatiin
waan guutantuuf,
waan gaara woyyicha kiyya irra le'u
miidhaan yookiin badiin hin dhaqqaddu.
Kolbaan Booji'ante Hin Deebiti
10Guyyaa san sanyiin Iseyii akka beessisaa kolba'aaf hin dhaabbatti; gosi biyya adda addaa isa hin barbaaddi; addeen inni le'ulle ulfinna hin qabaatti. 11Guyyaa san Goottaan yennaa lammeesso'oo harka ifii diriirsee, kolbaa ifii ta biyya Asooriititti, biyya Gibxi'iititti, biyya Faaxrosiititti, biyya Itoophiya'aatitti, biyya Elaamiititti, biyya Shiinaariititti, biyya Haamaatiititti, lafa abbaayaa qarqaraatitti baraaree hafane gara biyya isaanii hin deebisa. 12Inni gosa biyya adda addaatiif beessisa hin dhaaba; worra Israa'el keessaa ari'amee baye, worra Yihudaa keessaa bittinnowelle maddii afuriinuu wolitti hin qaba. 13Hinaaffaan Efreemii hin baddi; diinni Yihuda'aalle hin dhumata; Efreem Yihudaa hin hinaafu; Yihudaalle Efreem hin jibbu. 14Isaan lamaanuu wolii galanee gara aduun seentuun Filisxeemota irratti hin ka'an; worra gara aduun baatu le'ulle hin saaman; kolbaa Edoomiitii fi Mo'aabii harkatti hin galfatan; worri Amooniille isaaniif hin ajajaman. 15Mootiin Waan Maraa abbaayaa diintuu Gibxi'ii ijjumaa hin gossa; inni harka ifii laga Efraaxiisii irratti ol kaasee, qilleensa gubuun dhowee, laga didiqqaa torbatti gargar hin qooda; nami kophe'een keessa deemee, gamatti bu'uu hin dande'a. 16Akkuma kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baate karaan qopheeffameef, kolbaa isaa worra baraaree hafeefille, Asoorii keessaa bayiisaaf karaan guddaan hin qopheeffama.

Did you know?
The Peaceful Kingdom and the Restored Remnant
- Jesse of Bethlehem was the father of King David. By describing the coming ruler as a shoot from the stump of Jesse and as the root of Jesse, the prophecy points to a renewal of the Davidic line even after the royal house appeared cut down.Sources: Jesse · the Bible text itself
- The places listed for the gathering of the remnant reflect the ancient Near Eastern world: Pathros designates Upper Egypt, Shinar is an ancient name for Babylonia in southern Mesopotamia, and Elam was a highland territory east of Babylon.Sources: Pathros · Shinar · Elam · the Bible text itself
- Ephraim, named for the second son of Joseph, was often used in prophetic literature to represent the northern kingdom of Israel. Isaiah foresees a time of lasting reconciliation that ends the long-standing jealousy and conflict between the northern tribes and Judah.Sources: Ephraim · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Assyria · 36.359, 43.153 · verses 11, 16
- Cush · Today: Cush 1 · 16.935, 33.751 · verse 11
- Egypt · 30.129, 31.308 · verses 11, 16
- Elam · 32.189, 48.258 · verse 11
- Great Sea · Today: Mediterranean Sea · 31.805, 34.170 · verse 11
- Hamath · Today: Hama · 35.136, 36.750 · verse 11
- Pathros · Today: Upper Egypt · 24.100, 32.700 · verse 11
- Shinar · Today: Babylonia · 32.543, 44.422 · verse 11
- Ammon · 31.955, 35.934 · verse 14
- East · Today: region around Amman · 31.955, 35.934 · verse 14
- Edom · 30.746, 35.604 · verse 14
- Moab · Today: Moab 1 · 31.181, 35.701 · verse 14
- Philistia · 31.664, 34.546 · verse 14
- Euphrates · Today: Euphrates River · 31.004, 47.442 · verse 15
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org