Isaiah 10
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
1Worra seera haqa hin te'in, sirna nama cunqursu baasuuf aanne'e! 2Worra mirga hiyyeeyyi'ii dhiibuuf, kolbaa tiyya ta cunqurfante worra haqa dhoogguuf, karra haadha hiyyeessaa worra saamuuf, ijoollee abba'aa fi haadha hin qanne worra saamuuf aanne'e! 3Guyyaa adabbi'ii, balaan fagoo irraa yennaa isinitti dhufu maan gootan? Qarqaarsa dhaggatiisaaf gara eennuu baqattan? Karra teessanille eessa dhoffatan? 4Worra booji'ame odduu, yookiin ka ijjeefame jalatti gatamiisa malee, womaa isiniif hin hafu; tun marti teetulle inni aarii ifii hin qabbaneeffanne; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira.
Waaqi Worra Asoorii Hin Adaba
5Waaqi, «Uleen aarii tiyyaatii fi ciiraan mufii tiyyaa, ka harka jiru, mootii Asooriitiif aanne'e! 6Ani akka inni isaan saamu, akka isaan booji'u, akka dhoqqee karaa keessaa akka inni isaan dhidhiitu, biyya Waaqa malee leetu, ta aariin tiyya irra jirtutti isa hin erga.
7«Mootiin Asoorii ammoo tana hin yaadanne; tun waan inni qalbii ifii keessaa qabuu moti; te'uu malee, inni balleessiisaaf, gosa biyya adda addaa hedduu fixiisaaf karoorfate. 8Inni, ‹Ajajjooti loltoota tiyyaa marti moototaa motii ree? 9Qachaan Kaalno'oo akkuma qachaa Karkemiishii, qachaan Haamaatii akkuma qachaa Arphaadii, qachaan Samaariya'aa akkuma qachaa Damaasqo'ootii motii ree? 10Ani mootummoota waaqoti dharaa keessa guutane, mootummoota fakkii Yerusaalemiitii fi Samaariyaa caalanu akkuma qabadhe, 11qachaa Samaariya'aatii fi waaqota dharaa isi'ii akkuma godhe, Yerusaalemii fi waaqota dharaa isi'iille akkasuma hin godhuu ree?› jedha» jedhe.
12Mootiin Waan Maraa gaara Xiyooniitii fi Yerusaalem irratti, hujii ifii hujee yennaa fixe, «Mootichi Asoorii waan kooree ifi ol qabeef, ani isa hin adaba» hin jedha.
13Mootiin Asoorii, «Ani nama hubataa waan te'eef, irree tiyya jaddu'uu fi qarummaa tiyyaan tana mara godhe; meessaa gosa biyya adda addaa diigee, qabeenna isaaniille saamee, mootota isaanii hunna tiyyaan gad buuse.
14«Akka nama harka ifii mana simbirre'ee keessa keyee, quuphaa isi'ii wolitti qabuu, ani harka kiyya diriirsee, karra gosa biyya adda addaa wolitti qabe; isaan keessaa tokkolle haguma sinbirreen koola ifii tachoottuu ka tacho'e hin jiru; haguma afaan simbirre'eelle ka iyye hin jiru» hin jedha.
15Agaraan nama isumaan muka muru irratti hin bondhooraa ree? Magaaziin nama isumaan muka baqassu irratti ifi hin jajjii ree? Tun adoo teetu teete, akka waan uleen abbicha isii qabatu san mirmirsituu ti; yookiin akka ciiraan abbicha isa qabatuun ani mukaa moti jedhuu ti.
16Tanaaf Mootiin Waan Maraa, Goottaan Waan Mara Dande'u, loltoota ifii worra Asoorii gagabboo irratti dhukkuba huqqisu hin erga; ulfinna isaa guddaa jalalle'ee, holotaan akka bobe'a ibidda bobe'uu hin gabbata. 17Ifi Israa'elii Waaqi, akka ibiddaa, Waaqi woyyichi Israa'elii akka bobe'a ibiddaa hin te'a; inni guyyaa tokko keessatti qore'ee fi qumi'uuduu gubee hin fixa. 18Akkuma nami dhibamaan huqqatee du'u, gongomaan isaatii fi fichaan laafaan isaa ijjumaa hin badan. 19Muki gongomaa isaa keessatti hafu guddoo diqqaa hin te'a; mucaan diqqaanuu laakkowee fixuu hin dande'a.
Israa'eloota Baraaree Hafane
20Guyyaa san worri Israa'elii keessaa baraaree hafane, worri mana Yaaqoobii keessaa lubbu'uun hafanelle, dhugumaan Mootii Waan Maraa woyyicha Israa'eliititti irkatan malee, deebi'anee ka isaan injifatetti hin irkatanu. 21Sanyii Yaaqoobii keessaa worri baraaree hafe, gara Waaqa hunnaamessaa hin deebi'an. 22Ee Israa'el! Kolbaan teeti akka maansa abbaaya'aa yoo teetelle, isaan keessaa baraaree qofattuu deebi'a; badiin murteeffanteerti; muraan Waaqaa ta haqaa irraan hin dhangalaati. 23Mootiin Waan Maraa, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, badii murteeffante san lafa duudii irratti hin fida.
Mootiin Waan Maraa Asoor Hin adaba
24Tanaaf Goottaan, Mootiin Waan Maraa, Ka Waan Mara Dande'u, «Ee kolbaa tiyya, ta Xiyoon keessa leetanu, akkuma worri Gibxi'ii dur isin godhe, worra Asoorii ka ule'een isin tumuu fi ciiraa isinitti fudhatu hin sodaatina'a. 25Aariin ani isinitti aare, yennaa diqqo'oon duuba hin dhaabbatti; aariin tiyya isaan balleessiisaaf, isaanitti garagalti. 26Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, rassaa Horeeb biratti worra Miidiyaanii akkuma dhaane, liche'een isaan hin dhaana; inni Gibxii keessatti akkuma godhe, ulee ifii bisaan irratti ol hin fudhata. 27Guyyaa san ba'aan isaanii gurmuu teessan irraa hin kaati; waanjoon isaaniille morma keessan irraa hin ka'a; isin waan furdattaneef, waanjoon hin caba» jedha.
Balaa Worri Asoorii Buuse
28Loltooti Asoorii gara qachaa Aayii hin dhufan; Miigroon keessa dabaranee meya ifii Miikmaashi keessatti hin tuulatan. 29Karaa irra dabaranelle Gebaa geyanee achi hin bulan; worri qachaa Raama'aa nayanee hin hollatan; worri qachaa Saa'olii ka Giibe'aa keessa le'u hin baqatan. 30Ee kolbaa Galiim, iyya'a! Ee worra Laa'iishii, dhagge'a'a! Ee worra Anaatotii, jalaa qaba'a! 31Worri Madmaanaatii baqatiisatti jira; worri Gebiimiille dhokatiisaaf hin baqatan. 32Loltooti guyyaa adhaa qachaa Nobii hin geyan; isaan gaara kolbaa Xiyooniititti, kooba Yerusaalemiititti irree ifii hin raasan.
33Kunoo, Goottaan, Mootiin Waan Maraa, Ka Waan Mara Dande'u, hunna ifii guddo'oon, dameelee hin caccassa; muki dhedheeraan hin murama; ka caalaa dheeratulle gad hin qabama. 34Inni gongomaa ciggaa agara'aan hin mura; muki Libaanonii gugurdaan hunnaamessa duratti hin jigan.
Did you know?
Judgment on Assyria and the Faithful Remnant
- The Assyrian king boasts of conquering cities such as Calno, Hamath, and Arpad before turning his sights on Samaria and Jerusalem. Arpad was a prominent Syrian city near Hamath that fell to the Assyrian Empire under Tiglath-pileser II after enduring a three-year siege.Sources: Arpad · Assyria · the Bible text itself
- To reassure the people of Zion against Assyrian oppression, the prophecy recalls the historic defeat of Midian at the rock of Oreb. Oreb was a Midianite prince slain after Gideon routed the Midianite forces, an event remembered in Israel as a moment of sudden deliverance.Sources: Oreb · Midian · the Bible text itself
- The chapter outlines the rapid advance of the invading army through nearby Judean settlements—such as Michmash, Geba, Ramah, and Anathoth—until stopping at Nob to shake a fist at Mount Zion. Zion was the south-eastern hill of Jerusalem that David captured to build his citadel.Sources: Zion · Jerusalem · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Assyria · 36.359, 43.153 · verses 5, 6, 7, 12, 16, 17, 18, 24, 28, 33
- Damascus · 33.511, 36.306 · verse 9
- Hamath · Today: Hama · 35.136, 36.750 · verse 9
- Samaria · 32.276, 35.195 · verses 9, 10, 11
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 10, 11, 12, 32
- Mount Zion · 31.772, 35.229 · verse 12
- Egypt · 30.129, 31.308 · verses 24, 26
- Zion · Today: Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 24, 32
- Midian · 28.495, 35.012 · verse 26
- Lebanon · 33.540, 35.584 · verse 34
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org