Hosea 12
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
1«Kolbaan Efreemii qilleensa tissiti; qilleensa karaa aduun baatuu ari'aa oolti; dharaa fi hunnaan nama irratti ka'iisa baceessiti; Asoor woliin wolii galtee gooti; gara biyya Gibxi'iille zayitii ejersaa ergiti» jedha.
2Mootiin Waan Maraa Yihudaa irratti waan ciicatu qaba; akka ideensa isaatitti Yaaqoob hin adaba; akka hujii isaatitti gatii isaaf hin kaffala. 3Inni gadaamessa haadha ifii keessatti jimuu obboleessa ifii qabe; yennaa nama guddaa te'elle Waaqa woliin wodhaantoo qabate. 4Ergamaa Waaqaa woliin wodhaantoo qabatee injifate; inni bowee akka fudhatama dhaggatu kadhate; Waaqi Bet'elitti itti mudhatee, achitti isa woliin dubbate. 5Mootiin Waan Maraa Waaqi waan mara Dande'u maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti. 6Ati ammoo gara Waaqa keetii deebi'i; jaalalaa fi haqa eegi; yennaa mara Waaqa keeti eegadhu.
Jechoota Mura'aa Ka Dhibii
7Daldalaan madaallii dharaatiin gurgurata; sobiisa jaalata. 8Kolbaan Efreemii, «Nuuti dureeyyi'i; dureeyyii teeneerra; karra teenna tana mara woliin eennulle yakka'aa fi cubbuu nu keessatti hin dhaggu» jettee koorti. 9Tanaaf Mootiin Waan Maraa, «Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan, ka biyya Gibxi'ii keessaa isin baase. Akkuma dur guyyaa jila beekkantuu teessanii dunkaanii keessa leetanu, ammalle dunkaanii keessa akka leetanu hin godha.
10«Ani raagotatti dubbadhee, mudhii bacaa isaanitti mudhise; karaa isaaniitiin mammaassa hedduulle mammaake. 11Qachaan Giil'aadii hama'aa motii? Kolbaan qachaa Giil'aadiille bu'aa hin qaddu! Isaan Giil'aad keessatti korommii ciincaa dhikeessanii motii? Addeen ciinca'aa ta isaanii akka tuulaa dhaka'aa ta fichaa qotame keessa jirtuu hin teeti» jedha.
12Yaaqoob gara biyya Aaramii baqate; Israa'el niitii dhaggatiisaaf namaaf tajaajile; gatii isi'ii kaffaliisaaf hoolee tisse. 13Mootiin Waan Maraa raagicha ergee kolbaa Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa baase; karaa raagichaatiin isaan kunuunse. 14Kolbaan Efreemii dhiiga kolbaa dhibi'ii dhangalaasiisaan akka malee Goottaa aarsite; Goottaan dhiiga dhangalaasane san mataa isaaniititti hin deebisa; tuffii isaaniitiifille gatii isaaniif hin kaffala.

Did you know?
Jacob's Heritage and Ephraim's Deceit
- Hosea condemns the northern kingdom for balancing alliances between rival world empires, noting that Ephraim made treaties with Assyria to the north while sending olive oil to Egypt along the Nile.Sources: the Bible text itself · Assyria · Egypt
- The text recalls key episodes from the life of the patriarch Jacob: grasping his brother's heel at birth, wrestling with an angel, encountering God at Bethel, and laboring as a shepherd in the elevated region of Aram to obtain a wife.Sources: the Bible text itself · Jacob (Israel) · Bethel (of Palestine) · Aram
- The prophet highlights idolatry at historic locations such as Gilead, the mountainous territory east of the Jordan, and Gilgal, an ancient sanctuary camp, warning that their sacrificial altars would be reduced to piles of stones in plowed furrows.Sources: the Bible text itself · Gilead · Gilgal
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Assyria · 36.359, 43.153 · verse 1
- Egypt · 30.129, 31.308 · verses 1, 9, 13
- Gilead · Today: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · verse 11
- Aram · 33.511, 36.306 · verse 12
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org