Hosea 11
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Jaalala Waaqi Israa'eliif Qabu
1«Yennaa Israa'el ijoolle'ee,
ani isa jaaladhe;
biyya Gibxi'ii keessalle'ee ilma kiyya waame.
2Irra caalaa ammoo ani kolbaa Israa'elii waame;
irra caalaa isaan na irraa fagaatane.
Isaan waaqa dharaa Ba'aaliif ciincaa dhikeessanee,
fakki'iifille hixaana aarsane.
3Harka kolbaa Efreemii qabee daaddisee,
deemiisa ka barsiise ana;
isaan ammoo ka isaan fayyise
ana akka te'e hin beenne.
4Ani wodaroo gadhi-laafummaa namaatiin,
hidhaansa jaalalaatille'een isaan harkise;
waanjoo morma isaanii irraa fuudhee
gad jedhee isaan areere.
5«Isaan gara kiyya deebi'uu waan didaneef, gara biyya Gibxi'ii hin deebi'anuu ree? Worri Asoorii isaan hin bulchuu ree? 6Shallaagaan qachoota isaanii keessa hin balaqqitti; danqaraa karra dalleya isaanii kukkuttee karoora isaanii hin balleessiti. 7Kolbaan tiyya na irraa fagaatiisaaf murteeffatte; isaan Waaqa Ol Aanaa yoo waammatanelle, ani karuma te'e maraanuu isaan ol hin qabu.
8«Ee Efreem,
ani attam si lakkisuu dande'a ree?
Ee Israa'el,
ani attam dabarsee si kennuu dande'a ree?
Akka qachaa Aadimaa
ani attam dabarsee si kennuu dande'a ree?
Yookiin akka qachaa Zebo'iimii
ani attam si godhuu dande'a ree?
Gadhaan kiyya raafame;
Marartiin tiyya marti kakkaateerti.
9Ani aarii tiyya ta bobeettu gad hin lakkisu;
deebi'ee Efreem hin balleessu;
ani Waaqa Woyyicha odduu teessan jiru malee, namaa moti;
ani mufi'iin gara keessan hin dhufu.
10«Isaan ana Mootii Waan Maraa hin hordofan;
anille akka neenqaa dhangaa hin dhowa.
Yennaa ani dhangaa dhowu,
ijoolleen tiyya hollataa karaa aduun seentu irraa hin dhufan.
11«Isaan hollataa akka sinbirrootaa biyya Gibxi'ii irraa,
akka saphaliisaa biyya Asoorii irraa hin dhufan. Anille mana isaaniititti isaan hin qubachiisa;
12«Efreem dharaan, kolbaan Israa'elii sobaan na marsite; Yihudaalle ana Waaqa Woyyicha addatamaa irratti ka'e.

Did you know?
God's Parental Love and Compassion
- The chapter depicts God as a devoted parent who called Israel out of Egypt as a child, taught Ephraim to walk, lifted the yoke from their necks, and bent down to feed them.Sources: the Bible text itself · Ephraim · Egypt
- When the passage asks 'How could I make you like Admah? How could I treat you like Zeboiim?', it references two cities of the plain in the vale of Siddim that were destroyed alongside Sodom and Gomorrah.Sources: the Bible text itself · Admah · Zeboiim
- Although Hosea warned that Israel would be ruled by Assyria for refusing to repent, he also prophesied a future return where the people would come trembling like doves from Egypt and Assyria to resettle their homes.Sources: the Bible text itself · Assyria · Egypt
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org