Hebrews 5
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
1Hayyichi guddaan mara namoota keessaa filamee, haajaa Waaqa woliin woldeessisu irratti addee kolba'aa bu'ee kennansaa fi woreega cubbu'uu dhikeessiisaaf muudama. 2Inni ifiifuu dadhabbii akkasii waan qabuuf, worra wollaala'aa fi worra karaa irraa bade gadhi-laafumma'aan ilaaliisaaf hin dande'a. 3Inninuu dadhabbii waan qabuuf, akkuma cubbuu kolba'aatiif dhikeessu, cubbuu ifiitille'eef woreega dhikeessuu qaba. 4Akkuma Aaronii ka Waaqaan waamame malee, eennulle ulfinna kana ifiin hin fudhatu. 5Akkasuma Kiristoos ulfinna Hayyicha Guddaa te'iisaa ifiin hin fudhanne; ammoo Waaqa isaan,
«Ati Ilma kiyya,
ani adha si uumadheera!» jedhettuu ulfinna kana kenneef.
6Addee dhibiille'etti,
«Akkuma hayyummaa,
Malkiisedeqii,
ati haga bara baraa hayyu'u» hin jedha.
7Yesuus biyya lafaa tana irra yennaa le'e, iyyansa gudda'aa fi imimmaaniin, daadimanna'aa fi gaaffii gara Waaqa du'a irraa isa fayyisiisaaf dande'uu dhikeesse; ifi gadi qabee waan ajajameef Waaqi daadimannaa isaa dhage'eef. 8Ilma Waaqaa te'ulle, rakkinna fudhateen ajajamiisa barate. 9Guutuu te'een duuba worra isaaf ajajamu maraaf madda fayyinna bara baraa te'e. 10Waaqi akkuma hayyummaa Malkiisedeqii, Hayyicha Guddaa godhee isa muude.
Akka Dhugeeffannaa Hin Lakkinne Ifi Eeggachiisa
11Marroo waan kanaa waan jennu waan hedduu qanna; ammoo hubatiisaaf waan rinciccanuuf, ifa tolchanee himuun rakkisa'a. 12Yennaa kana barsiisota te'uu maltane; amma ammoo jecha Waaqaa barumsa jalqabaa nami biraa ammalle akka isin barsiisu barbaachisa; silaa sagalee jaddu'utti isinii male; ammoo ammalle aananitti isiniif barbaachisa. 13Nami aananiin jiraatu annuu waan te'eef, barsiisa dansa'aa fi hamaa gargar baasiisaa hin baranne. 14Sagaleen jadduun ammoo worra gugurdaa, worra dansa'aa fi hamaa gargar baasiisa barateeruuf barbaachitti.

Did you know?
A High Priest Called by God
- Hebrews 5 presents Aaron as the pattern of a high priest who does not take the honor upon himself but is called by God. Aaron, eldest son of Amram and Jochebed, was born in Egypt three years before his brother Moses. When the time drew near for Israel’s deliverance from Egypt, God sent him to meet his long-absent brother so that they might work together toward the Exodus.Sources: the Bible text itself · Aaron
- Melchizedek, whose name Easton's Bible Dictionary (1897) explains as “king of righteousness,” was king of Salem. All that the Old Testament records of him is in Genesis 14:18–20, and he is mentioned only once more, in Psalm 110:4. Hebrews 5 applies to Christ the words “You are a priest forever in the order of Melchizedek,” and the same dictionary says that Hebrews 7 sets out the significance of his story in detail and presents his priesthood as superior to Aaron’s, noting that Abraham paid him tithes and that Melchizedek blessed Abraham.Sources: the Bible text itself · Melchisedec
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org