Hebrews 4
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
1Tanaaf addee fooraa ta inni nu'uuf kennutti galiisaaf waadaan galame ammalle waan banaa jiruuf, isin keessaa eennulle carraa itti galiisaa adoo hin dhaggatin akka hin hanne, kowa'a ifi eeggannaa! 2Oduu Gammadaa tama akka nuuti dhageennee isaanille dhage'ane; te'uu malee isaan jecha dhage'ane san dhugeeffanna'aan waan hin fudhatiniif isaaniif wo hin baane. 3Hujiin isaa haga biyyi lafaa dadanteen jalqaddee fixantulle, «Addee fooraa ta ani kennutti isaan ijjumaa hin galanu jedhee aarii tiyyaan kakadheera» akkuma jedhe, ammalle nuuti worri dhugeeffanne addee fooraa ta waaqi nu'uuf kennu sanitti hin galla. 4Marroo guyyaa torbeesso'ootiif addee takkatti, «Waaqi hujii ifii duudii irraa guyyaa torbeesso'oo foorfate» jedhantee barreeffanteerti. 5Ammalle adduma tanatti, «Addee fooraa ta ani kennutti ijjumaa hin galanu» jedha.
6Addee fooraa sanitti worri galu gariin jira; worri Oduu Gammadaa dursee dhage'e sun ajajamiisa waan dhabeef addee fooraa ta Waaqi isaaf kennutti hin galle. 7Tunille akkuma kanaan dura,
«Adha qoonqoo isaa yoo dhageettane;
mataa hin jabaatina'a» jedhee,
Waaqi bara heddu'uun duuba karaa Daawitiitiin dubbii dubbateen, guyyaan dhibiin ka, «Adha» jedhamee waamame waan murtoweef mirkanoweera.
8Iyaasuun addee fooraa san adoo isaaniif kennee jiraate, Waaqi ammalle, «Adha» jedhaa marroo guyyaa biraa hin dubbatuuyyu. 9Yoona kolbaa Waaqaatiif foorri foora guyyaa Sanbataa fakkaatu ammalle hafeera. 10Akkuma Waaqi hujii ifii irraa foorfate, nami foora Waaqi kennutti galu huji ifii irraa hin foorfata. 11Maarre eennulle akka worra sanii ajajamiisa dhabiisaan jigee akka hin hanne, kowa'a addee fooraa sanitti galiisaaf jabaannaa!
12Jechi Waaqaa jiraata'aa fi ka huju; shallaagaa qara lama qabu caalaa qara qaba; lubbuu ayyaana irraa, morgeya dhuka irraa muree gargar hin baasa; yaadaa fi halchaa gadhaa namaalle qoree itti hin mura. 13Dadi Waaqa duraa dhokattu takkaalle hin jirtu; wonni maraa fuula isaa duratti mulqama'aa fi qullaa te'ee mudhata; nuutille marroo teennaaf ka deebii kennuu qannu fuula isaa duratti te'a.
Yesuus Hayyicha Guddaa Guddicha
14Yoona Hayyicha Guddaa guddicha ka gara ol-gubba'aa dabare, Yesuusii Ilma Waaqaa waan qannuuf dhugeeffannaa teenna jabeessinee qabannuu ti. 15Hayyichi Guddaan nuuti qannu ka dadhabbii teenna nu'uuf nayuu dande'u; inni waan maraan akkuma keenna ataabameera; te'uu malee ijjumaa cubbuu hin hunye. 16Yoona yennaa qarqaarsi nu'uuf barbaachisetti akka marartii fudhannuu fi badhaadha dhaggannu, kowaa gara badhaadhi itti dhaggamu, gara barcumaa mootumma'aa ka Waaqaa sodaa malee dhikaannaa.

Did you know?
The promise of God’s rest
- Hebrews 4 sets God’s rest on the seventh day beside a rest the people had not yet entered. It recalls that on the seventh day God rested from all his works, finished since the foundation of the world. Because Joshua did not give them rest, the chapter says, God later spoke of another day, and a Sabbath rest remains for the people of God.Sources: the Bible text itself
- Those who first heard the good news, the chapter says, gained nothing from the message because they did not share the faith of those who understood it, and they did not enter God’s rest because of disobedience, after God had sworn in anger that they never would. Long afterward he named a day “Today” and spoke through David, urging hearers not to harden their hearts if they heard his voice. That David is identified as the eighth and youngest son of Jesse, a citizen of Bethlehem, who early on tended his father’s sheep on the uplands of Judah.Sources: the Bible text itself · David
- The same chapter calls the word of God living and active, sharper than any double-edged sword, and able to judge the thoughts and intentions of the heart, and it says nothing in all creation is hidden from God’s sight. It then speaks of Jesus, the Son of God, as a great high priest who has passed through the heavens, tempted in every way as others are, yet without sin, so that people may approach the throne of grace with confidence.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org