Nations Bible

Galatians 6

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Ba'aa Wolii Ba'adha'a

1Obboleeyyan tiyya, yoo nami tokko cubbu'uun qabame, isin worri ayyaantoleen qajeelumma'aan isa qajeelcha'a! Ammoo isinille akka hin ataabanne ifi eeggadha'a. 2Ba'aa wolii ba'adha'a! Akkasiin Seera Kiristoosii muummessitan. 3Nami woy hin baane tokko, nama woy bawu yoo ifi seye, ifi gowwoonsa. 4Nami maraa hujii ifii qoree ilaaluu ti! Achiin duuba worra dhibii woliin wol bira qabee ifi ilaaliisaan adoo hin te'in, ifumaaf waan ittiin ifi jaju hin dhaggata. 5Nami maraa ba'aa ifii ba'atuu qaba.

6Nami Jecha Waaqaa baratu, barsiisaa ifii woliin waan dansaa mara qoodamuu ti!

7Ifi hin sobina'a! Waaqatti funnaan hin dhaabanu. Nami waanuma facaase haammata. 8Nami akka fedha foon ifii facaasu, fedha foon ifii irraa du'a haammata; nami akka fedha Ayyaanaa facaasu, Ayyaana irraa jiruu bara baraa haammata. 9Yoo addii kutatuu dhanne, yennaan haamma'aa yennaa geette, waan wolitti qabannuuf, hujii dansaa hujiisa me dadhannuu ti. 10Maarre yennaa daguu dhagganne maratti, nama maraaf, keessattuu worra dhugeeffannaa keessa jiruuf, waan dansaa goonuu ti.

Gorsaa Fi Nageya Muummeffataa

11Qubee gugurdoo attamiitiin akka ani harka kiyyaan isiniif barreessiisatti jiru ilaala'a! 12Worri waan nafa namaa irratti alaan mudhatu dhaggisiisuu barbaadu, akka isin haqanqabaa qabattanu hunnaan isin godha. Marroo fannoo Kiristoosiitiif, akka miidhaan isaan hin geenne qofaaf tana godhan. 13Isaan haqanqabaa qabatiisa keessaniin ifi jajiisaaf, haqanqabaa qabatiisa keessan barbaadan malee, worri haqanqabaa qabateeyyuu Seera hin eegatu. 14Fannoo Goottaa Keenna Yesuus Kiristoosii, ta biyyi lafaa ana irraa ittiin fannifante, ka anille biyya lafaa jalaa ittiin fannifameen malee, waan biraatiin ifi jajuun ijjumaa naaf hin te'in. 15Dada haareya te'iisa malee, haqanqabaa qabatiisii, yookiin haqanqabaa qabatiisa dhabiisi womaayyuu moti. 16Worra seera kana hordofu maraa fi Israa'elii worra Waaqaa teeteef, nageyaa fi marartiin teetu.

17Gadaannis ani nafa kiyya irratti qabu, garbicha Yesuusii te'uu kiyya waan mudhisuuf, haganaa achi namuu na hin rakkisin. 18Obboleeyyan tiyya, badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu. Ameen.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Burdens, the Harvest, and the Cross

  • The chapter sets two duties side by side. Those who are spiritual should restore with gentleness someone caught in a trespass, and carry one another's burdens, which the letter calls fulfilling the law of Christ. Each person, however, should test his own work and carry his own load, rather than think he is something when he is nothing and boast by comparing himself with someone else.Sources: the Bible text itself
  • The writer uses the image of sowing and reaping: God is not to be mocked, and a person reaps what he sows. The one who sows to please the flesh reaps destruction from the flesh; the one who sows to please the Spirit reaps eternal life from the Spirit. Readers are urged not to grow weary in doing good, for in due time they will reap a harvest if they do not give up, and to do good to all, especially to the family of faith.Sources: the Bible text itself
  • The writer calls attention to the large letters he is using as he writes with his own hand. He says that some try to compel circumcision in order to make a good outward impression, to avoid persecution for the cross of Christ, and to boast in the flesh of others, though the circumcised do not themselves keep the law. He asks never to boast except in the cross of our Lord Jesus Christ, says that neither circumcision nor uncircumcision means anything and that what counts is a new creation, and states that he bears on his body the marks of Jesus.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.