Galatians 5
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Bilisummaa Kiristoosiin Dhaggantu
1Bilisumma'aan akka leenuuf Kiristoos bilisa nu baase. Tanaaf jabaadha'aa dhaabbadha'a! Deebitaneelle waanjoo garboomaatiin hin hidhamina'a!
2Dhage'aa! Yoo haqanqabaa ifi qassiittane, akka Kiristoos ijjumaa isiniif woy hin baane, ani Phawuloos isinitti hima. 3Nami haqanqabaa qassiifatu mara, dirqama Seera duudii muummessiisaa akka qabu ani ammalle dhugaa hin bayaaf. 4Isin worri Seera eeggatiisaan balchoomiisaaf barbaaddanu, Kiristoos irraa ifi kuttaneertan; badhaadha waaqaa irralle'ee bayyattaneertan. 5Nuuti ammoo karaa Ayyaana Waaqaatiin, balchummaa addii godhannu dhugeeffanna'aan dharra'aa eeganna. 6Kiristoos Yesuusiin yoo jiraanne, dhugeeffannaa jaalalaan hujjuttuu gatii qaddi malee, haqanqabaa qabatiisa yookiin haqanqabaa qabatiisa dhabiisaa moti.
7Isin akkuma dansaa hujaa turtane; akka isin dhuga'aaf hin ajajanne eentu gufuu isinitti te'e ree? 8Hawadiin tun ta Waaqa gara dhuga'aa isin waamu biraa dhuttee moti. 9Uukoon diqqoon bukoo duudii bukeessiti. 10Akka isin yaada kana irraa gore hin qabaatin, ani Gootta'aan ifi-addii qaba. Eennulle teenaan nami isin jaanjursu muraa hin fudhata. 11Ammoo obboleeyyan tiyya, haqanqabaa qabatiis barbaachisaa akka te'e, adoo waan lallabiisatti jiraadhee, maaf na miidhan ree? Yoo akkasii, fannoon Kiristoosii namaaf gufuu te'iis, silaa hin hafaayyu. 12Worri isin jaanjursu sun, haqanqabaa qabatiisa callaa adoo hin te'in, adoo ifi yakkate ani hin jaaladha.
13Obboleeyyan tiyya, isin bilisumma'aaf waammantaneertan; jaalalaan wol tajaajila'a malee, bilisummaa teessan tana halchaa foonii muummeffatiisaaf karaa dagu'uu hin godhatina'a! 14Seerri duudiin Jecha, «Akkuma ifi jaalattu nama jaaladhu!» jedhuun wolitti qabama. 15Yoo ammoo ka wol cicciniittanee wol nyaattanu teete, akka wol hin balleessine ifi eeggadha'a!
Hujii Ayyaanaatii Fi Hujii Foonii
16Wonni ani jedhu tana: yoona Ayyaanaan sooreffamaa le'aa malee, halchaa foonii hin muummessina'a! 17Halchaan foonii halchaa Ayyaanaatiin mormiti; halchaan Ayyaanaalle halchaa fooniitiin mormiti; halchaan lamaan tun waan wol mormituuf, waan jaalattanu godhiisaaf hin dandeettanu. 18Yoo Ayyaanaan sooreffantane ammoo, Seera jala hin jirtanu.
19Hujiin foonii ta beekkante. Isiille: sagaagaluu, battummaa, baalagummaa, 20waaqota dharaa waaqonsuu, moruu, diinummaa, moromaa, hinaaffaa, mufii, ifi jaalatuu, wol dhabuu, wol fojuu, 21dhiibbaleessa te'uu, machii, sarbicha dhiitu'uu fi ta tana fakkaattu. Akkuma kanaan dura isinitti hime, ammalle itti deebi'ee isinitti hima: worri waan akkasii huju mootummaa Waaqaa hin dhaalu.
22Midhaan Ayyaanaa ammoo jaalala, gammada, nageya, ossa, arjummaa, dansummaa, addatama, 23qajeelumma'aa fi ifi qabatiisa. Seerri waan akkasii kana dhooggu hin jiru. 24Worri ka Kiristoosii te'e, halchaa hantu'uu fi fedha isaa woliin foon ifii fanniseera. 25Worra Ayyaanaan leenu yoo teene, Ayyaanaan sooreffannuu ti. 26Wol aarsaa, wol hinaafaa, tola me ifi jajnuu ti!

Did you know?
Freedom, the Law, and the Spirit
- The speaker identifies himself as Paul and warns that if those he addresses let themselves be circumcised, Christ will be of no value to them, and that every man who gets himself circumcised is obligated to obey the whole law. A biographical account says that Paul's circumcision-name was Saul, and that the name Paul was probably given to him in infancy for use in the Gentile world, while Saul would be his Hebrew home-name.Sources: the Bible text itself · Paul
- Freedom is set against a yoke of slavery: the chapter says Christ has set them free and tells them to stand firm and not be burdened again by that yoke. They were called to freedom, not as an opportunity for the flesh, but to serve one another in love, and the entire law is fulfilled in the single decree to love one's neighbor as oneself.Sources: the Bible text itself
- Walking by the Spirit is contrasted with gratifying the desires of the flesh, which are opposed to each other. If people are led by the Spirit, they are not under the law; the chapter lists the acts of the flesh and the fruit of the Spirit, and says that against such things there is no law.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org