Nations Bible

Ezra 6

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Ajaja Daariyosii

1Maarre mootichi Daariyos galmee mana meya mootummaa Baabilonii keessaa akka qorqoranu ajaje. 2Kitaab maramaan tokko kutaa biyyaa Medoon keessatti mana mootumma'aa qachaa Ahimaata'aatitti dhaggame; wonni isa keessatti barreeffameeru asii gad jirti: Gabaassi barreeffamaa:

3«Qiiros mootii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti marroo Galma Waaqaa ka dur Yerusaalem keessa jiruutiif ajaja baasee, ‹Galmi Waaqaa akka ciincaan itti ciinceffamuuf, deebifamee akka ijaaramu hundeen isaa keyamuu ti; dheerinni isaa ciqilee jaatama, badhinni isaalle ciqilee jaatama te'uu ti. 4Tarreen sad dhakaa gugurda'aan naqamee, tarreen tokko xawulaan naqamee ijaaramuu ti! Gatiin isaalle beesee mana mootumma'aa keessaa kaffalamuu ti. 5Akkasuma meya worqi'iitii fi meeti'ii ka Nebukadnezaar Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiru keessaa fuudhee gara biyya Baabiloniititti geesse, addee isaaniititti deebifamanuu ti; Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiru keessa keyamanuu ti› jedheera» ka jedhu.

6Achiin duuba Daariyos, «Taatenaay bulchaan kutaa biyya laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentuu, Shetaar-Boznaay, isin worri isaan woliin hujjanulle, Galma Waaqaa san irraa fagaadha'a! 7Hujii Galma Waaqaa keessa hin galina'a! Galma Waaqaa kana bulchaan Yihudootaatii fi jaarsoleen Yihudootaa addee inni dur jirutti deebisanee ijaaranuu ti. 8Kana maleelle, deebisanee ijaariisa Galma Waaqaa kanaaf jaarsolee Yihudootaa tanaaf isin maan akka gootanu isin ajaja; hujiin Galma Waaqaa akka hin dhaabbanne, beesee worri kutaa biyya laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu jiru, mootumma'aaf gibira gabbare keessaa, ariiti'iin wonni isaaniif barbaachisu guutumatti isaaniif kaffalamuu ti! 9Waaqa ol-gubba'aatiif kennansa gubamu dhikeessiisaaf, waan barbaachisu mara dardaroota, korbeeyyii hoole'ee, yookiin korbeeyyii buruusoo hoole'ee akkasuma qamadii, soodda, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa guyyuma guyya'aan hayyoota Yerusaalemiitiif kennamanuu ti. 10Isaan ciincaa Waaqi ol-gubba'aa gammadaan fudhatu dhikeessanee, anaa fi jiruu ijoollee tiyyaatiif akka daadimatanuuf kun godhama. 11Ajaja kana nami jijjiiru yoo jiraate, utubaan mana isaa keessaa buqqifamee, nami sun irratti dirmisiifamuu ti; sababa yakkaa isaatiif manni isaalle diigamee tuulaa kosi'ii akka te'u ani ajajeera. 12Mootota yookiin gosa biyya adda addaa ta ajaja kana jijjiiriisaaf yookiin mana Waaqaa ka Yerusaalem keessaa kana diigiisaaf wodhaananu, Waaqi Yerusaalem lafa maqaan isaa itti waamamu godhee filate, isaan garagalchuu ti! Ani Daariyos ajaja kana baaseera; ajaji kunille akkuma jirutti hujii irra ooluu ti» jedhe.

Galmi Waaqaa Eebbifame

13Achiin duuba akkuma mootichi Daariyos ajaja dabarsetti Taatenaay bulchaan kutaa biyya laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentuu, Shetaar-Boznaayii fi worri isaan woliin huju waan mara hobbaasane. 14Maarre Jaarsoleen Yihudootaa raaga raagicha Haage'eetii fi raagicha Zakaariyaasii sanyii Iddootiin jajjabaataa Galma Waaqaa ijaariisa itti fufane; isaan akkuma ajaja Waaqa Israa'eliitii fi akkuma ajaja mootota Faaresii Qiiros, Daariyosii fi Artashaasta'aatitti hujii Galma Waaqaa hobbaasane. 15Galmi Waaqaa kun Daariyos mootii te'ee woggaa jayeesso'ootitti, ji'a «Adaar» jedhamu guyyaa sadeesso'ootitti ijaaramee hobba'e.

16Achiin duuba kolbaan Israa'elii, hayyooti, Lewwootii fi worri kuun ka boojuu irraa deebi'ane, guyyaa Galmi Waaqaa itti eebbifame gammada gudda'aan jilifatane. 17Isaan eebba Galma Waaqaa kanaaf jiboota dhibba tokko, korbeeyyii hoole'ee dhibba lama, buruusoo korbeeyyii hoole'ee dhibba afur, ciincaa sababa cubbu'uutiif dhikaatuufille Israa'el duudi'iif, akka laakkossa gosa Israa'eliititti korbeeyyii re'e'ee kudhanii lama dhikeessane. 18Akkuma kitaaba Muuse'ee keessatti barreeffame hayyoota akkuma qooda isaaniititti, Lewwootalle akkuma golii isaaniititti, Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiru keessatti, tajaajila Waaqaatiif ramadane.

Jila Irra Dabaramaa

19Worri boojuu irraa deebi'e, ji'a tokkeesso'oo, guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti Jila Irra Dabaramaa jilifatane. 20Hayyootii fi Lewwooti ifi qulqulleeffatane; isaan martinuu akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqullowane. Maarre Lewwooti worra boojuu irraa deebi'eef, hayyoota obboleeyyan ifiitiif, ifille'eef hoolee Irraa Dabaramaa qalane. 21Maarre sagalee Jila Irra Dabaramaa san Israa'elooti boojuu irraa deebi'ane, worra Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii waaqonfatiisaaf battummaa worra Yihudoota hin te'inii ka lafa san jiranu irraa addaan ifi baasane mara woliin nyaatane. 22Akka inni hujii Galma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii isaan qarqaaruuf, Mootiin Waan Maraa gadhaa mooticha Asoorii gara isaanii deebisee, waan isaan gammachiiseef, jila daabboo uukoo hin qannee guyyaa torba gammada gudda'aan jilifatane.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Completion and Dedication of the Temple

  • Although King Darius ordered a search of the treasury archives in Babylon, the original decree of Cyrus authorizing the rebuilding of the temple was discovered in the fortress of Ecbatana in the province of Media, where Cyrus maintained a royal residence.Sources: the Bible text itself · Ecbatana
  • Tattenai, the Persian governor of the region west of the Euphrates who had investigated the building project, was commanded by Darius to fully fund the construction and provide sacrificial animals daily from the imperial taxes collected in his province.Sources: the Bible text itself · Tatnai
  • The temple was completed in the sixth year of Darius through the prophetic ministry of Haggai and Zechariah, and its dedication was celebrated with joyful sacrifices, including twelve male goats representing all the tribes of Israel.Sources: the Bible text itself · Haggai · Zechariah

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Babylonia · 32.543, 44.422 · verse 1
  • Ecbatana · Today: Tell Hagmatana · 34.806, 48.516 · verse 2
  • Media · 34.806, 48.516 · verse 2
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 3, 5, 9, 12, 18
  • Babylon · 32.543, 44.422 · verse 5
  • Beyond the River · 31.777, 35.234 · verses 6, 8, 13
  • Euphrates · Today: Euphrates River · 31.004, 47.442 · verse 6
  • Persia · 34.806, 48.516 · verse 14
  • Assyria · 36.359, 43.153 · verse 22

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.