Nations Bible

Ezra 5

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Xalayaa Taatenaay Daariyosiif Erge

1Yennaa san raagichi Haage'ee fi Zakaariyaasiin raagichi sanyii Iddoo Yihudoota Yerusaalemii fi lafa Yihuda'aa le'anuuf, maqaa Waaqa Israa'eliitiin raaga dubbatane. 2Achiin duuba ilmi She'altii'elii Zerubaabelii fi ilmi Yozaadaaqii Iyaasuun, Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessaa deebisanee ijaariisa jalqabane; raagoti Waaqaalle isaan qarqaariisaaf isaan woliin jiraniiyyu. 3Yennaa san Taatenaay bulchaan kutaa biyya laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentuu, Shetaar-Boznaayii fi worri isaan woliin huju dhufanee, «Galma Waaqaa kana akka deebittanee ijaartanuuf, dalleya kanalle akka ijaartanee fixxanu eennutti isin ajaje» jedhanee isaan gaafatane. 4Isaan, «Maqaa namoota ijaarsa kana ijaariisatti jiranuu eennu fa'a» jedhanee gaafatane. 5Ammoo Waaqi isaanii maanguddoo sooreyyii Yihudootaa eegiisatti jiraayyu; dubbiin Daariyos bira geettee deebiin barreeffamaan haga deebitutti ijaariisa isaan hin dhooggine. 6Garagalchi Xalayaa Taatenaayii bulchaa kutaa biyya laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentuu, Shetaar-Boznaayii fi worra isaan woliin hujuu, ka laga Efraaxiisiitiin gama gara aduun seentu biraa gara Daariyosii ergame kana: 7«Mooticha Daariyos, nageenni si'iif te'u! 8Nuuti gara kutaa biyya Yihuda'aa, gara Galma Waaqa gudda'aa akka dhandhe si mooticha biratti beekkamuu ti; kolbaan Galma Waaqaa keessa dhakaa gugurda'aa fi xawulaa mukaatiin dhaaba Galma Waaqaa deebittee ariiti'iin jabaattee ijaariisatti jirti.

9«Nuutille, ‹Galma Waaqaa kana akka deebittanee ijaartanuuf, dhaaba Galma Waaqaa kanalle akka ijaartanee fixxanu eennutti isin ajaje?› jennee sooreyyii kolba'aa gaafanne. 10Nuuti ammalle sooreyyiin hujii tanaa eennu fa'a akka te'ane barreessinee sitti beessisiisaaf, maqaa isaanii gaafanne.

11«Isaanille deebisanee, ‹Nuuti tajaajiltoota Waaqa ol-gubba'aatii fi lafaa ti; Galma Waaqaa ka mootiin Israa'elii guddaan bara heddu'uun dura ijaaree fixe deebinnee ijaariisatti jirra. 12Abbootiin teenna ta durii ammoo Waaqa ol-gubba'aa waan mufachiitteef, innille nama biyya Kaldootaa mootii Baabilonii Nebukadnezaaritti dabarsee isaan kenne; innille Galma Waaqaa diigee, kolbaalle gara Baabilonii booji'e. 13Te'uu malee, Qiiros mootii Baabilonii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti Galmi Waaqaa kun akka deebi'ee ijaaramuuf ajaje. 14Inni meya worqi'iitii fi meeti'ii ka Galma Waaqaa, ka Nebukadnezaar Galma Waaqaa Yerusaalem keessa jiru keessaa fuudhee, galma waaqota dharaa ka worra Baabilonii keessa keyeeru, gad baase; achiin duuba meya san namicha akka inni biyya Yihuda'aa bulchuuf filate, Sheshbazaaritti kenne. 15Qiiros: Galmi Waaqaa Yerusaalem keessatti addee ifii ta duriititti deebifamee ijaaramuu ti. Atille meya kana fuudhiitii Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessaatitti deebisi! jedhee isatti hime. 16Maarre Sheshbazaariin kun dhufee hundee Galma Waaqaa Yerusaalem keessatti dhaabe; yennaa sanii jalqabee haga ammaatitti ijaaramiisatti jira; haga ammaa ammoo hin hobbaane› jedhane.

17«Amma yoo si mooticha gammachiitte, Galmi Waaqaa kun Yerusaalem keessatti deebifamee akka ijaaramuuf, mooticha Qiiros irraa ajaji bayee yoo jiraate, galmeen mana meya mootumma'aa ka Baabilon keessaa ilaalantuu ti! Waan dubbii tanaa murtee teeti nuuf ergi» ka jedhu.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Resuming the Temple and the Persian Inquiry

  • Construction on the temple had ceased for years, but work resumed under the leadership of Zerubbabel and Jeshua after the prophets Haggai and Zechariah urged the people in Jerusalem to rebuild. Zechariah, described in Ezra as the son of Iddo, ministered alongside Haggai during the reign of King Darius.Sources: the Bible text itself · Haggai · Zechariah · Zerubbabel
  • Tattenai served as the Persian governor of the province west of the Euphrates River. When he and officials such as Shethar-bozenai observed the diligent construction with large stones and timber, they questioned the Jewish elders regarding their authorization and sent a formal inquiry to King Darius.Sources: the Bible text itself · Tatnai · Shethar-boznai
  • In their response to Tattenai, the Jewish leaders appealed to the decree of Cyrus, who had conquered Babylon, permitted the return of the exiles, and returned the gold and silver vessels previously looted by Nebuchadnezzar. Tattenai asked the king to search the royal archives in Babylon to verify this decree.Sources: the Bible text itself · Cyrus · Nebuchadnezzar

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 1, 2, 3, 14, 15, 16, 17
  • Beyond the River · 31.777, 35.234 · verses 3, 6
  • Euphrates · Today: Euphrates River · 31.004, 47.442 · verse 6
  • Judea · Today: Judea 2 · 31.777, 35.234 · verse 8
  • Babylon · 32.543, 44.422 · verses 12, 13, 14, 17
  • Babylonia · 32.543, 44.422 · verse 12

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.