Ezekiel 9
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Adabamiisa Yerusaalemii
1Achiin duuba Mootiin Waan Maraa qoonqoo ifii ol qabatee, «Worri qachaa balleessiisaaf filantane martinuu, meya woraanaa qabadha'aatii as dhikaadha'a!» jedhee waamuun dhage'e. 2Namooti jaa tokko tokkoon isaanii meya woraanaa harkatti qabatanee, karaa karra gubba'aa ta gara kaabaatiin dhufane; isaan woliin nami woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, subba meya woy ittiin barreessanu qabu fannifateeru tokko jiraayyu. Namooti jaanuu seenanee addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante bira dhaabbatane.
3Achiin duuba ulfinni Waaqa Israa'elii, addee qara jiru dada ol-gubba'aa ta koola qaddu irraa ka'ee, gara gulantaa Galmaa dhaqe; achiin duuba Mootiin Waan Maraa namicha woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, subba meya waan woy ittiin barreessanu qabu fannifateeru san waamee, 4«Qachaa Yerusaalemii keessa deddeemiitii, adda worra wonni battiin qachaa san keessatti waan hujanteef aadee bowu irratti mallattoo godhi» jedhe.
5Ammalle adoo ani dhage'uu Mootiin Waan Maraa worra dhibi'iin, «Isinille isa gula deema'aatii qachaa san keessa deddeema'aatii ijjeesa'a. Hin hilina'a yookiin hin mararina'a. 6Jaarsolee, dargaggeeyyii dhiiraatii fi durraa, ijoollee didiqqo'oo fi dubartii ijjeesa'a. Garuu worra adda ifii irratti mallattoo qabu tokkolle hin tuqina'a. Addee Woyyittii tiyya irraa jalqaba'a» jedhe. Maarre isaan jaarsolee Galma dura jiranuun jalqabane.
7Achiin duuba Mootiin Waan Maraa isaaniin, «Dhaqa'aatii Galma batteessa'a; reeffa badhinna Galmaa san guuta'aatii, achii deema'a» jedhe. Maarre isaan deemanee worra qachaa san keessa jiru ijjeesane.
8Adoo isaan ijjeesiisatti jiranuu ani qofuu hafee, addaan lafatti gad gombifamee, «Maalo'o, Goottaa, Mootii Waan Maraa! Mufii teeti Yerusaalem irratti dhangalaasiisaan, worra Israa'elii ka baraaree hafe mara balleessaartaa ree?» jedhee iyye.
9Achiin duuba Mootiin Waan Maraa deebisee, «Yakkaan kolbaa Israa'eliitii fi kolbaa Yihuda'aa guddoo bacatteerti; latti worra dhiiga dhangalaasuun guutantee, qachaalle worra haqa dassuun guutameera; isaan, ‹Mootiin Waan Maraa lafa lakkiseera; inni hin dhaggu› jedhan. 10Maarre ani waan isaan hujane mataa isaaniititti deebisa malee, isaan hin mararu, hin hilulle'e» jedhe.
11Achiin duuba namichi woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, subba meya waan woy ittiin barreessanu qabu fannifateeru sun deebisee, Mootii Waan Maraatiin, «Waan ati na ajajje mara muummesseera» jedhe.
Did you know?
Judgment and the Mark of Protection
- In Ezekiel's vision, an angelic figure clothed in linen carries a writing kit to mark the foreheads of people who grieve over the corrupt practices in Jerusalem. This mark served as a sign of protection, sparing them from the impending destruction.Sources: the Bible text itself
- The executioners enter from the north gate and assemble beside the bronze altar in the temple court. The judgment begins at the sanctuary itself, starting with the elders situated directly in front of the temple building.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org