Ezekiel 10
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Ulfinni Waaqaa Galma Irraa Ka'e
1Ani gubbaa gombobbittii mataa dada ol-gubba'aa ta koola qabanuun gubbaa jirtu ol ilaalee, mataa dada ol-gubba'aa ta koola qabanu gubba'aan wonni barcumaa mootumma'aa fakkaatu ka dooqa, «Safiiros» jedhamu irraa hujame tokko mudhate. 2Mootiin Waan Maraa namicha woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffateeruun, «Korboota dada ol-gubba'aa ta koola qabanu jala jiranu odduu seen; kashila odduu dada ol-gubba'aa ka koola qabu jiru irraa ooboo harka keetii guutadhuu hammaaradhuutii, qachaa irratti bittinneessi» jedhe. Namichille adoo ani dhagguu ol seene. 3Yennaa namichi ol seene, dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu Galma keessa gara kibbaatiin dhaabbataneeraniiyyu; duumensille badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa guute. 4Ulfinni Mootii Waan Maraalle dada ol-gubba'aa ka koola qabanu irraa ka'ee gara gulantaa seensuma Galma Waaqaa dhaqe; duumensille Galma Waaqaa guute; Badhinni dalleya keessaalle calalaqa ulfinna Mootii Waan Maraatiin guutame. 5Huuruun koola dada ol-gubba'aa ka koola qabanuu, akka qoonqoo Waaqi Waan Mara Dande'u yennaa dubbatuu, haga badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti dhageessitte.
6Mootiin Waan Maraa namicha woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffateeru saniin, «Dada ol-gubba'aa ka koola qabanu wodhakkaa korboota oddu'uu ibidda fuudhi» jedhee yennaa ajaje, inni yoosuma gara keessaa seenee korboo san keessaa takkattii bira dhaabbate. 7Dada ol-gubba'aa ka koola qabanu san keessaa tokkochi harka ifii diriirsee ibidda odduu dada ol-gubba'aa ta koola qabanu jiru san irraa diqqaa isaa hammaaree, ooboo harka namicha woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffateeruu san keessa keye; namichille ibidda san fudhatee gad baye.
8Koola dada ol-gubba'aa ka koola qabanu san jalaan wonni harka namaa fakkaatu tokko mudhate. 9Anille kunoo, dada ol-gubba'aa ka koola qabanu san biratti korboota afur dhagge. Dada ol-gubba'aa ka koola qabanu san tokko tokkooyyuu bira korboo tokko tokkotti jiraayyu; bifi korboota saniille akka dooqa, «Beerilos» jedhamuu calalaqa. 10Bifi korboota san arfaniituu wol fakkaata; tokko tokkoon isaaniituu akka korboota wol keessa jiranuu ti. 11Korbooti sun yennaa deemanu, adoo gara hin galin gara dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu sun deemanu gara arfanuu deeman. Korbooti fuula duraa gara dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu deemanu yennaa deemanu, korbooti tuun adoo gara hin galin korboota fuula duraa gula deeman. 12Dada ol-gubba'aa ka koola qabanu san nafi isaanii martinuu duddi isaanii, harkii isaanii, koolli isaanii, korbooti isaaniille arfanuu naannoo irga ifii mara irraa ila hedduu qaban. 13Korbooti sun, «Korboota konkolaattu» jedhantee waammantuun dhage'e.
14Dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu sun tokko tokkoon isaanii fuula afur qaban; ka qaraa fuula kormaa, ka lammeesso'oo fuula namaa, ka sadeesso'oo fuula neenqaa, ka arfeesso'oo ammoo fuula risa'aa qabaniiyyu. 15Achiin duuba dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu sun ol ka'ane; isaan kun dada ol-gubba'aa ka koola qabanu afur ta ani laga kebaarii biratti dhagge san. 16Dada ol-gubba'aa ka koola qabanu sun yennaa deemanu, korbootille isaan cinaa deeman; dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu lafa irraa ol ka'iisaaf koola ifii yennaa badhifatanu, korbootille isaan biraa hin goranu. 17Ayyaanummaan dada lubbuu qabanu keessa jiru sun, korboota san keessalle waan jiruuf, dadi lubbuu qabanu sun yennaa dhaabbatanu korbooti sunille hin dhaabbatan; dadi lubbuu qabanu sun yennaa lafa irraa ol ka'anu, korbooti sunille woliin ol ka'an. 18Achiin duuba ulfinni Mootii Waan Maraa gulantaa seensuma Galma Waaqaa irraa ka'ee, addee dadi lubbuu qabanu jiranuun gubbaa dhaabbate. 19Dadi ol-gubba'aa ka lubbuu qabanulle adoo ani dhagguu, koola ifii badhifatanee lafa irraa ol ka'anee deemane; korbootille cinaa isaanii deemane; isaan seensuma karra Galma Mootii Waan Maraa, ta gara aduun baatuutitti dhaabbatane; ulfinni Waaqa Israa'eliille isaaniin gubbaa jiraayyu 20Dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu kun ka ani laga Kebaarii biratti Waaqa Israa'elii jalatti dhagge san. Anille akka isaan dada ol-gubba'aa ka koola qabanu te'ane beeke. 21Tokko tokkoon isaanii fuula afurii fi koola afur qaban; koola isaanii jala wonni harka namaa fakkaatu tokko jiraayyu 22Fuulli isaanii fuula dada ol-gubba'aa ka koola qabanu ka ani laga Kebaarii biratti dhagge woliin wol fakkaata; tokko tokkoon isaanii qajeelanee gara duraa deemane.

Did you know?
The Glory of the Lord and the Cherubim
- Ezekiel explicitly identifies the winged creatures and intricate wheels in this temple vision with the living creatures he previously saw by the River Chebar in Babylonia, where a community of Jewish exiles lived.Sources: the Bible text itself · Chebar
- In the vision, a man clothed in linen receives burning coals from within the wheelwork under the cherubim to scatter over the city, as the glory of the LORD departs from the temple threshold and moves above the cherubim toward the east gate.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org