Nations Bible

Deuteronomy 30

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Eebba Gara Mootii Waan Maraa Deebi'iisaan Dhaggamu

1«Eebbaa fi abaarsi ani adha isin dura keye kun martinuu yennaa isin dhaqqabe, isin addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan gosa biyya adda addaa mara odduu isin bittinneessetti deebitanee yennaa waan kana qaabattane, 2isinii fi sanyiin teessan gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii deebitanee, akkuma ani adha isin ajajetti, gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuu teessan takkatti'iin isaaf yoo ajajantane, 3Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan boojuu teessan hin deebisa; isiniif hin marara; addee isin itti bittinneesse gosa biyya adda addaa keessaa, deebisee wolitti isin hin qaba. 4Haga qaccee biyya lafaatitti bittinnoottanulle, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan wolitti isin qabee deebisee isin hin fida. 5Inni gara lafa abbootiin teessan qabatte san isin hin fida; isinille isii san hin qabattan. Inni abbootii teessan caalaa isin qananoonsee, laakkossa keessanille hin baceessa. 6Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akka isin gadhaa tokkochaa fi lubbuu takkatti'iin isa jaalatanee leetanu, qalbii teessanii fi qalbii ijoollee teessanii haqanqabaa hin qaba. 7Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan abaarsa kana mara diinota keessan worra isin jibbuu fi worra isin miidhu irratti hin fida. 8Isin deebitanee isaaf hin ajajantan; ajaja ani adha isin ajaju mara hin eegattan. 9Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan waan isin hujjanu maraan, ijoolle'een, hortee horii keessaniitii fi midhaan ficha'aatiin isin hin duroonsa. Inni abbootii teessan duroonsiisaan akkuma gammade, isinille duroonsiisaan hin gammada. 10Tun yoo isin Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif ajajantanee, ajajaa fi seerata kitaaba kana keessatti barreeffame mara eegatiisaan, gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuu teessan takkatti'iin gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii deebitane teeti.

Du'aa Fi Jiruu Keessaa Tokko Filatiisa

11«Ajaji ani adha isin ajaju kun guddoo ka isin rakkisuu moti yookiin ka isin irraa fagoo jiruu moti. 12Isin, ‹Akka nuuti dhageennee ajajannuuf, eentu ol-gubbaa bayee fidee nutti hima?› akka hin jenne ol-gubbaa hin jiru. 13Isin, ‹Akka nuuti dhageennee ajajannuufille, eentu abbaayaa gamatti bu'ee fidee nutti hima?› akka hin jenne ajaji kun abbaaya'aan gama hin jiru. 14Garuu jechi isinuma bira jira; akka isin ajajantanuufille afaanii fi gadhaa keessan keessa jira. 15Kunoo, ani adha jiru'uu fi qananummaa, du'aa fi badii isin dura keyeera. 16Akka isin Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jaalatanu, karaa isaa irra akka ideentanu, ajaja isaa, seerata fi seera isaalle akka eegattanu, ani isin ajaja; achiin duuba jiru'uun hin leetan; hin hortan; Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan lafa isin itti galtanee qabattanu keessatti isin hin eebbisa. 17Gadhaan keessan isa irraa deebi'ee, isaaf ajajamiisa diddanee, waaqota dhibii sagadiisaaf sobantanee yoo isaan waaqonfatane ammoo, 18dhuguma akka isin baddanu ani adha isinitti hima; laga Yordaanosii gamatti buutanee lafa qabattanu san keessa bara dheeraa hin leetanu. 19Ani adha jiru'uu fi du'a, eebbaa fi abaarsa isin dura akka keye ol-gubba'aa fi lafa waamee isin irratti dhugaa akka bayanu hin godha. Tanaaf Isinii fi sanyiin teessan akka leetanu jiruu filadha'a. 20Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jaaladha'a; isaaf ajajama'a; isatti maxxana'a; inni jiruu teessan waan te'eef, lafa abbootii teessan ta durii Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoobiif kenniisaaf kakate san keessatti bara dheeraa isiniif hin kenna» jedhe.

Did you know?

The Choice Between Life and Death

  • The chapter assures the people that even if they are scattered among distant nations due to disobedience, a sincere return to God will result in their gathering and restoration to the land promised to their ancestors Abraham, Isaac, and Jacob.Sources: the Bible text itself · Abraham · Isaac · Jacob (Israel)
  • Moses emphasizes the immediate accessibility of God's instruction, explaining that it is neither hidden far away in the heavens nor across the sea, but is very near—present in their mouths and in their hearts.Sources: the Bible text itself
  • Before the Israelites cross the Jordan River to enter the land, heaven and earth are invoked as witnesses to the solemn choice set before them between life and blessing or death and destruction.Sources: the Bible text itself · Jordan

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verse 18

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.