Deuteronomy 29
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Gondooroon Mo'aab Keessatti Haareffante
1Mootiin Waan Maraa Gondooroo ifii ta Horeebitti Israa'eloota woliin godhate irratti dabalee, lafa Mo'aabii keessatti akka isaan woliin Gondooroo godhatuuf, ta inni Muusee ajaje ta asii gad jirtu:
2Muuseen kolbaa Israa'elii mara waamee, «Waan Mootiin Waan maraa biyya Gibxi'ii keessatti ila teessan duratti mooticha Fara'oonii fi qondaaltota isaa irratti, biyya isaa mara irralle'etti tolche dhaggitaneertan. 3Balaa gugurdaa, bilbaasotaa fi waan maade'ee gugurdoo san iluma teessaniin dhaggitaneertan. 4Garuu Mootiin Waan Maraa haga adhaa qalbii hubattu yookiin ila dhaggitu yookiin gurra dhage'u isiniif hin kennine. 5Inni, ‹Ani woggoota afurtama goomolee keessa isin sooresse san woyaan teessan hin dulloonne; kopheen teessanille hin dhumanne. 6Isin daabboo hin nyaanne; daadhii woyni'ii yookiin untoo nama macheessitu hin unne. Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan akka te'e akka beettanuuf tana godhe› jedhee isinitti himeera. 7Yennaa isin addee tana dhuttane, mootiin Heshiboonii Sihoonii fi mootiin Baashaanii Oog nu loliisaaf dhufane; te'uu malee nuuti isaan injifanne; 8lafa isaaniille fudhannee, gosa Ruubeniitiif, gosa Gaadiitii fi gamisa gosa Minaase'eetiif dhaala goonee kennine. 9Tanaaf wonni isin gootanu marti akka isinii teetuuf, jechoota gondooroo tanaa eegadha'a.
10«Isin marti, sooressitooti gosa teessanii, jaarsoleen teessan, qondaaltoti teessanille, namooti Israa'elii marti adha Mootii Waan Maraa Waaqa keessan dura dhaabbataneeran; 11ijoolleen teessan, niitoti teessanii fi alagaan addee quttumaa teessan keessa jiranu, worra qoraan isinii cassuu jalqabee haga worra bisaan isiniif woraabuutitti isin woliin dhaabbataneeran. 12Gondooroo Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin woliin kakatiisaan Gondooru san, isa woliin godhatiisaaf, isin adha as dhaabbattaneertan. 13Mootiin Waan Maraa akkuma isiniif waadaa gale, akkuma abbootii teessan Abrahaamiif, Yisihaqiif, Yaaqoobiifille kakate, inni Waaqa isinii te'iisaaf, kolbaa ifiille isin godhatiisaaf adha tana godhe. 14Mootiin Waan Maraa Gondooroo tana isin woliin qofa adoo hin te'in, 15worra adha Mootii Waan Maraa Waaqa keenna dura as nu woliin dhaabbatuu fi worra adha as nu woliin hin jirre wolille'een godhe.
16«Nuuti biyya Gibxi'ii keessa attam akka leenee fi gosa biyya adda addaa keessa attam dabarree akka dhunne isinuu hin beettan. 17Odduu isaaniititti waan jibbisiisaa, waaqota dharaa ka isaanii ka mukaatii fi dhaka'aa, ka meeti'iitii fi worqi'ii dhaggitaneertan. 18Isin keessaa dhiirti yookiin dubartiin, maatiin yookiin gosi gadhaan isaanii Mootii Waan Maraa Waaqa keenna irraa deebi'e, dhaqanee waaqota gosa biyya adda addaa akka hin waaqonfanne ifi eegadha'a. Hiddi midhaan hadhowaa summii qabu buusu odduu teessan akka hin jiraanne ifi eegadha'a. 19Nami akkasii jechoota abaarsaa kana dhage'ee, gadhaa ifii keessatti, ifi eebbifatee, ‹Ani mataa jabeennaan le'ulle, hantuun na hin dhaqqaddu› jedhee yoo herrege, worra dansa'aa fi worra hamaa irratti badii hin fida. 20Mootiin Waan Maraa nama akkasiitiif hin araaramu. Aari'ii fi hinaaffaan Mootii Waan Maraa isa irratti hin bobeetti; abaarsi kitaaba kana keessatti barreeffame marti isa irratti hin bu'a. Mootiin Waan Maraa maqaa isaa lafa irraa haxowee hin balleessa. 21Mootiin Waan Maraa akkuma abaarsa gondooro'oo ka kitaaba seeraa kana keessatti barreeffameetitti, nama akkasii gosa Israa'elii mara keessaa baasee hin balleessa.
22«Dhalooti isin duubaan dhufu, sanyiin teessanii fi ormi fago'oo dhufu bala'aa fi dhibee Mootiin Waan Maraa lafa teessan irratti fide dhagganee, 23‹Latti sun guutumatti dhakaa bobe'uu fi sooddaan hin gubatti; wonni tokkolle irratti hin dhaabantu; wonni tokkolle irratti hin lattu; isiin akka badii Sodoomii fi Gomora'aa, akka Aadima'aa fi Zebo'iimii ta Mootiin Waan Maraa aari'ii fi mufii ifii guddo'oon garagaggalchee hin teeti› hin jedhan. 24Achiin duuba gosi biyya adda addaa marti maadeffattee, ‹Mootiin Waan Maraa maaf lafa tana irratti waan akkasii godhe? Wonni inni aaree bobe'eef maan?› hin jetti. 25Achiin duuba kolbaan deebittee, ‹Isaan Gondooroo Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii isaanii yennaa biyya Gibxi'ii keessaa isaan baase, isaan woliin gondoore san waan diiganeef. 26Isaan dhaqanee waaqota hin beenne, ka inni hin ajajin waaqota dhibii tajaajilanee waaqonfatane. 27Tanaaf Mootiin Waan Maraa lafa tanatti aaree bobe'ee, abaarsa kitaaba kana keessatti barreeffame mara lafa irratti fide. 28Mootiin Waan Maraa aaree bobe'ee, mufii ifii guddo'oon lafa isaanii keessaa isaan buqqisee, akka adha jiranu kanatti biyya ormaa keessatti isaan gate› hin jetti.
29«Wonni dhossa'aa ta Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa ti; wonni mudhate ammoo, jecha seera kanaa mara akka hordonnuuf, teennaa fi ta ijoollee teennaa ti.

Did you know?
The Covenant Renewed in Moab
- The covenant in the land of Moab is presented as an agreement in addition to the one established at Mount Horeb. To encourage faithfulness, Moses recalled their forty years in the wilderness and their victories over King Sihon of Heshbon and King Og of Bashan.Sources: the Bible text itself · Horeb · Sihon · Og
- The covenant gathering included the entire community, from tribal leaders, elders, and men to women, children, and resident foreigners who gathered wood and drew water. Moses emphasized that the oath bound not only those standing there that day, but also future generations.Sources: the Bible text itself
- Moses warned the people against turning away to worship idols made of wood, stone, silver, and gold. Breaking the covenant would bring severe judgment, leaving the soil a barren waste of sulfur and salt like the overthrow of Sodom and Gomorrah.Sources: the Bible text itself · Sodom
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Moab · Today: Moab 1 · 31.181, 35.701 · verse 1
- Mount Horeb · Today: Jebel Musa · 28.540, 33.973 · verse 1
- Egypt · 30.129, 31.308 · verses 2, 16, 25
- Bashan · 32.781, 35.935 · verse 7
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org