Nations Bible

Deuteronomy 25

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

1Namooti lama wol dhabanee gara kora mura'aa yoo dhufane, abbootiin mura'aa ka yakkaa hin qanne gad lakkisanee, yakkaamessatti muranuu ti. 2Achiin duuba nami yakkaamessi sun ka dhaanamu'uu male yoo te'e, abbaan mura'aa lafatti isa irkisuu ti; laakkossi dhaanamiisa isaa akka yakkaa isaatitti addee abbaan mura'aa jirutti te'uu ti. 3Te'uu malee, laakkossi dhaanamiisa isaa afurtama hin caalin. Afurtama caalaa yoo dhaaname, obboleessi keeti si duratti hin salphata.

4Qotiyyoo midhaan dhowiisatti jirtu afaan hin hidhin.

Waan Obboleessi, Obboleessa Du'eef Godhu

5Obboleeyyan woliin le'anu keessaa tokkochi ilma adoo hin uumatin yoo du'e, niitiin nama du'ee sun maatii san keessaa baatee orma hin heerumin. Obboleessi dhirsa isi'ii, isii dhaalee woliin le'uu ti. 6Maqaan obboleessa du'ee Israa'el keessaa akka hin banne, ilmi angafi isiin deettu maqaa obboleessa du'e saniitiin waamamuu ti. 7Obboleessi nama du'e sanii yoo isii fuudhiisaaf fedha hin qabaatin, isiin jaarsolee qacha'aa dura dhaxxee, «Wosoon kiyya, maqaan obboleessa isaa Israa'el keessatti akka waamamu hin barbaanne. Inni na dhaaluu didate» jettuu ti. 8Achiin duuba jaarsolee qachaa sanii isa waamanee, isa dubbisanuu ti. Inni, «Ani isii fuudhiisaaf hin fedhu» jedhee yoo dide, 9isiin jaarsolee qacha'aa duratti gara isaa dhikaattee, miila isaa tokkocha irraa kophee mulqitee, fuula isaatitti tuttee, «Kun waan nama obboleessa ifiitiif sanyii dabarsiisa didu irratti godhamu» jettuu ti. 10Biyya Israa'elii keessatti maatiin isaa, «Maatii nama kopheen irraa mulqantee» jedhamanee hin beekkaman.

Seerota Dhibii

11Nami lama yennaa wol lole, niitiin namicha tokkochaa, dhirsa ifiitii rogiisaaf, nama dhirsa isi'ii dhaanu san nafa isaa ka hilaa yoo qadde, 12marartii malee harka isi'ii irraa kuti.

13Subba keeti keessaa dhakaa madaalli'ii gosa lama diqqa'aa fi guddaa hin qabaatin. 14Mana keeti keessalle'ee meya ittiin safaranu gosa lama gudda'aa fi diqqaa hin qabaatin. 15Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessa bara dheeraa akka leetuuf, madaalli'ii fi meya ittiin safaranu ka sirrii te'ee fi addatamaa qabaadhu. 16Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti worra waan akkasii godhu mara ka addatamummaa malee waan akkasii huju mara hin jibba.

17Yennaa ati biyya Gibxi'iitii baate, waan worri Amaaleqii si godhe qaabadhu. 18Yennaa ati karaa irratti dadhaddee gaggadde, worra dadhabee duubatti hafe mara ijjeesane. Isaan Waaqalle hin sodaanne. 19Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa sii kennu keessatti, diinota adaala keetii mara irraa yennaa si foorfachiisu, yaadannoo Amaaleqootaa ta isaan lafa irraa qabanu mara balleessi. Ijjumaa hin dedhin.

Did you know?

Justice, Family Lineage, and Memory

  • Judicial flogging was strictly limited to a maximum of forty lashes. The restriction was intended to prevent excessive humiliation and ensure that the offender was not degraded in the community's eyes.Sources: the Bible text itself
  • The custom of levirate marriage required a man to marry his deceased brother's childless widow to preserve the brother's name and inheritance. If he refused, the widow publicly removed his sandal and spat in his face before the town elders at the city gate.Sources: the Bible text itself
  • The Amalekites were a nomadic pastoral tribe inhabiting the arid region south of Canaan. Israel was commanded to wipe out their memory because they had attacked the weary stragglers at the rear of the Israelite camp during the journey out of Egypt.Sources: the Bible text itself · Amalek

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Amalek · 30.648, 34.422 · verses 17, 19
  • Egypt · 30.129, 31.308 · verse 17

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.