Deuteronomy 24
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
1Nami tokko dubartii takka fuudheen duuba, waan isii irratti jibbu tokko yoo dhagge, woraqata lakkisiisaa barreessee itti kennee, mana ifiitii baasee isii ari'uu ti. 2Isiin baatee nama dhibii yoo heerumte, 3dhirsi lammeesso'oolle isii jibbee, woraqata lakkisiisaa barreessee, itti kennee mana ifiitii baasee yoo isii ari'e yookiin yoo du'e, 4muttaaraan eega isiin battoottee deebi'ee isii hin galfatin; wonni akkasii Mootii Waan Maraa duratti jibbisiisaa waan te'eef, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessatti, cubbuu akkasii hin hujin.
5Nami reefuu fuudhe tokko, gara duulaa hin dhaqin yookiin hujiin dhibiille itti hin bacatin. Inni haga woggaa tokkoo mana ifiititti bilisa te'ee, niitii fuudhe san woliin gammaduu ti.
6Lubbuu namaa fudhatiisa waan te'eef, daakuu yookiin ilmaachuu qaddii hin fudhatin.
7Nami Israa'elii tokko gosa ifii Israa'el keessaa nama tokko hatee garboonfatuun yookiin gurguratuun yoo dhaggame ijjeefamuu ti. Akka kanaan waan hantuu odduu teetii balleessi.
8Marroo dhukkuba goga'aa farrisiisa'aa, waan Lewwooti hayyooti si ajaje mara akka dansaa ifi eegadhu. Ati Waan ani isaan ajaje akka dansaa eegatuu qadda. 9Isin biyya Gibxi'ii keessaa baatanee karaa irra jirtanuun, waan Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Miiryaam irratti godhe qaabadhu.
10Waan tokko namaaf yennaa liqeessitu, qaddii irraa fudhatiisaaf mana isaa hin seenin. 11Ati ala dhaabbattuun, nami ati liqeessiteef sun, qaddii san gad bayee sii fiduu ti. 12Namichi sun hiyyeessa yoo te'e, woyaa qaddii isa irraa fuute irraa hin bulchin. 13Inni woyaa ifii uffatee bulee, akka si eebbisuuf adoo aduun hin seenin deebisiif. Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti balchummaa sii teeti.
14Ati obboleeyyan teeti nama Israa'elii keessaa yookiin alagaa lafa teeti keessa qachoota keeti keessa le'u keessaa, nama hiyyeessa rakkataa qaxaramee huju hin cunqursin. 15Inni hiyyeessa waan te'eef, beesee san marroo eegatuuf, gatii inni ittiin qaxarame san adoo aduun hin seenin gaafasuma isaaf kaffali; yoo kaffaluu dhadde inni gara Mootii Waan Maraa iyyee, cubbuu sitti teeti.
16Nami tokko tokkooyyuu yakkaa ifiitiif ijjeefamuu ti malee, worri yakkaa ijoollee ifiitiif hin ijjeefamin; ijoolleen yakkaa worra ifiitiif hin ijjeefamin.
17Haqa alaga'aa, haqa ijoollee haadhaa fi abbaan hin qanneelle hin dassin. Woyaa haadha hiyyeessaa qaddii hin fudhatin. 18Atille biyya Gibxi'ii keessatti garba teeteertuun, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti bilisa akka si baase qaabadhu. Tanaaf ani akka ati tana gootuuf si ajaje.
19Midhaan keeti fichaa keeti keessaa haammattee yennaa galfattu, laddee fichaa keessatti deete fudhatiisaaf, duubatti hin deebi'in; Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti hujii harka keetii akka eebbisuuf, laddeen sun alaga'aaf, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotii hiyyeessaatiif teetuu ti. 20Muka ejersaa keeti irraa midhaan yennaa harcaattu, ka damee irratti hafe qocatiisaaf hin deebi'in. Ka hafe sun alaga'aaf, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadha hiyyeessaatiif te'uu ti. 21Midhaan muka woyni'ii keeti yennaa guurattu, ka hafe qocatiisaaf hin deebi'in. Ka hafe sun alaga'aaf, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadha hiyyeessaatiif te'uu ti. 22Atille biyya Gibxi'ii keessatti garba akka teeteertu qaabadhu. Tanaaf ani akka ati tana gootu si ajaje.

Did you know?
Laws of Compassion, Justice, and Social Protection
- Israelite harvesting laws required landowners to leave behind forgotten sheaves of grain, leftover olives, and grape gleanings for vulnerable groups: the resident foreigner, the orphan, and the widow. This social welfare system was grounded in the collective memory that the Israelites had once been oppressed slaves in Egypt.Sources: the Bible text itself · Egypt
- Debtors and hired workers were protected by explicit legal limits. Creditors were forbidden from entering a debtor's house to seize a pledge, taking essential millstones that provided a household's daily bread, or keeping an impoverished person's sleeping cloak past sunset, and day laborers had to be paid before nightfall.Sources: the Bible text itself
- When giving instructions concerning infectious skin diseases and the guidance of Levitical priests, the text points back to the affliction of Miriam, the sister of Moses and Aaron, during the wilderness journey following the Exodus from Egypt.Sources: the Bible text itself · Miriam · Egypt
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org