Deuteronomy 19
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Qachoota Itti Baqatanu
1Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti gosa biyya adda addaa ta lafa isaanii ka sii kennu yennaa balleesse, qachoota isaaniitii fi mana isaanii dhaaltee achi keessa le'iisa yennaa jalqaddu, 2lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltuuf sii kennu keessaa qachoota sad adda baafadhu. 3Nami nama ijjeese tokko achitti akka baqatuuf, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltuuf sii kennutti, karaa baasiitii lafa san addee saditti qoodi. 4Nami tokko duraan diinummaa isaa adoo hin qabaatin, adoo hin beekin, nama tokko yoo ijjeese, qachoota kana keessaa gara tokkootitti baqatee lubbuu ifii hamburatuu ti. 5Nami tokko muka muriisaaf, nama tokko woliin baddaa seenee, muka muriisaaf harka yennaa ol fudhatu, agaraan sukkeya keessaa bu'ee, nama isa woliin jiru san dhowee, nami sun yoo du'e, nami ijjeese sun qachoota san keessaa gara tokkootitti baqatee, lubbuu ifii hamburatuu ti. 6Worri namicha du'ee, ka namicha ijjeese haluu baasiisaaf haajaa qabanu sun aaranee isa hin ari'an. Qachaan itti baqatanu sun fagoo yoo te'e, inni duraan namicha irraa haluu adoo hin qabaatin waan ijjeeseef, ka du'iisaaf hin malle te'ulle, worri namichaa reebee isa dhaqqabee hin ijjeesa fa'a. 7Ani tanaaf akka ati qachoota sad adda baafattuuf si ajaje.
8Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa, «Ani isiniif kenna» jedhee abbootii teetiif kaku'uun waadaa gale mara sii kennee lafa teeti yoo sii badhise, 9ati ajaja inni adha si ajaju mara yoo eegatte, Mootii Waan Maraa Waaqa keeti yoo jaalatte, guyyaa mara karaa isaa gula yoo deente, qachoota dur adda baafatte sanitti qachoota dhibii sad itti dabalattee adda hin baafatta. 10Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessatti, dhiigi nama yakkaa hin qannee akka hin dhangalaane, dhiiga dhangalu'uufille akka itti hin gaafatanne tana godhi.
11Ammoo nami tokko nama haluu irraa qabu tokko riphee eegee, dhowee ijjeesee, lubbuu ifii hamburatiisaaf qachoota kana keessaa tokkochatti yoo baqate, 12jaarsoleen qachaa isaa nama itti erganee achii isa fichisiisanee, akka inni du'uuf dabarsanee fira dhiiga baafatutti isa kennanuu ti. 13Ati ila mararti'iitiin isa hin ilaalin. Nageenni akka si'iif te'u Israa'el keessaa nama dhiigi nama yakkaa hin qannee dhangalaase ijjeesi.
Meessaa Durii Dabaruu Dhabuu
14Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltuuf sii kennu keessatti, meessaa ollaa keetii ka worri durii dhaabe hin dhiibin. 15Yakkaa yookiin cubbuu nami tokko huje mirkaneessiisaaf, afaan dhugaa baatota lamaa yookiin sadiitiin malee afaan nama tokkochaatiin itti hin mirkaneeffamu. 16Nami dharaan dhugaa bayu tokko ka'ee nama tokko dharaan yoo himate, 17jarri wol himatane sun lamaanuu fuula Mootii Waan Maraa duratti, hayyootaa fi abbootii mura'aa ta bara sanii dura dhikaatanuu ti. 18Abbootiin mura'aa dubbii san gad fageennaan qorqoranuu ti; namichi dharaan dhugaa bayu sun obboleessa ifii irratti dharaan dhugaa bayee yoo jiraate, 19waan inni obboleessa ifii irratti tolchiisaaf yaadate san isa irratti tolchi. Maarre akkanaan waan hantuu odduu teessanii balleessitan. 20Worri hafanelle waan kana dhage'anee hin sodaatan; itti deebi'anee waan hantuu akkasii odduu teessanitti hin godhanu. 21Ati ila mararti'iitiin hin ilaalin. Lubbuun lubbu'uun, ilti ilaan, ilkaan ilkaaniin, harki harkaan, miilli miilaan haluun baafantuu ti.

Did you know?
Cities of Refuge, Boundaries, and Fair Justice
- The law commanded Israel to set aside three cities of refuge and build clear roads to them across three regions of the land. These designated cities allowed someone who accidentally killed a neighbor, such as by an axe head slipping off its handle, to safely escape an avenger of blood before being overtaken.Sources: the Bible text itself
- Moving an ancestral boundary stone or marker was strictly forbidden. These markers defined land inheritances assigned to families, and shifting them was considered an unjust seizure of a neighbor's property.Sources: the Bible text itself
- To prevent false convictions, a single witness was never sufficient to convict someone of a crime; at least two or three witnesses were required. If an investigation by priests and judges proved a witness had lied maliciously, the false accuser received the exact penalty intended for the accused.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org