Nations Bible

Deuteronomy 18

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Qooda Hayyootaa

1Gosi Lewwootaa hayyooti, gosi Lewwootaa martinuu, sagalee kennansa Mootii Waan Maraatiif dhikaattu qooda ifii godhatanee nyaatanuu ti malee, Israa'el keessatti qooda lafaa yookiin dhaala tokkolle hin fudhatin. 2Inni akkuma waadaa isaaniif galetti Mootiin Waan Maraa dhaala isaanii ti; tanaaf isaan obboleeyyan ifii Israa'el keessatti lafa hin qabanu.

3Loon yookiin hooleen yennaa ciinca'aaf dhikaatanu, hayyooti harka, boqo'oo fi gadhaacha hin fudhatan. 4Midhaan keeti keessaa, daadhii woyni'ii teeti keessaa, zayitii ejersaatii fi rifeensa hoolee teeti irraa murame irralle'ee mataa isaaniif kenni. 5Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti gosa teeti keessaa Lewwi'ii fi ilmaan isaa haga bara baraa hayyumma'aan dhaabbatanee maqaa isaatiin akka tajaajilanu isaan filate.

6Nami Lewwi'ii tokko, qachoota Israa'el keessa jiranu keessa addee le'uu bayee, fedhii guddo'oon, gara addee Mootiin Waan Maraa filatuu yoo dhufe, 7inni akkuma Lewwoota obboleeyyan isaa worra Mootii Waan Maraa tajaajiliisaaf achi isa dura dhaabbatanuu, maqaa Mootii Waan Maraa ifiitiin tajaajiluu hin dande'a. 8Waan dhaala abbaa ifii ka gurgurame keessaa dhaggatu biratti, innille nyaata worra kaan woliin wol qixxee qooda qaba.

Aadaa Battii

9Isin lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isinii kennutti yennaa galtane, aadaa battii gosa biyya adda addaa san hin baratina'a. 10Nami ilma ifii yookiin intala ifii kennansa gubamuuf dhikeessu yookiin worri moru, nami moora ilaalu, nami faroo ilaalu, 11nami xanoo xanu, nami ayyaana hamaa waammatu, nami moru, nami worra du'ane waammatu odduu teessan hin jiraatin. 12Nami waan akkanaa godhu Mootii Waan Maraa duratti batticha; sababa hujii battii akkasiitiif, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti isaan oofee si duraa hin baasa. 13Ati Mootii Waan Maraa duratti ka komii hin qanne te'i.

Raagicha Dhibii Ka Akka Muuse'ee

14Worri isin achi keessaa baasaartanu, worra xanoo xanuu fi worra moru caqasan; isin ammoo tana akka gootanu Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isiniif hin eeyyamu. 15Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan kolbaa teessan keessaa raagicha akka kiyyaa isiniif hin kaasa; isin isa caqasa'a.

16Tun martinuu akka halchaa teessanii ta isin guyyaa yaa'ii gaara Siina'aa, «Nuuti akka hin duune, deebinee qoonqoo Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa akka hin dhageenne, ibidda guddaa kanalle deebitanee akka hin dhaggine» jettanee Mootii Waan Maraa Waaqa keessan daadimattanee ti. 17Mootiin Waan Maraa anaan, «Wonni isaan jedhane sirri'i. 18Ani raagicha akka keetii kolbaa isaanii oddu'uu isaaniif hin kaasa; jecha kiyya afaan isaa keessa hin keya; inni waan ani ajaju mara isaanitti hin hima. 19Nama jecha kiyya ka inni maqaa kiyyaan dubbatu caqasuu didu mara ani hin adaba. 20Raagichi tokko adoo ani dubbatiisaaf isa hin ajajin, dubbii tokko maqaa kiyyaan ka dubbatu yookiin maqaa waaqota dhibi'iitiin ka dubbatu ijjeefamuu ti» jedhe.

21Isin gadhaa keessan keessatti, «Jecha Mootiin Waan Maraa hin dubbatin san attamiin beekuu dandeenna?» yoo jettane, 22Raagichi tokko maqaa Mootii Waan Maraatiin dubbatee, jechi sun muummowuu yookiin dhugaa te'uu yoo dhabe, jechi sun ka Mootiin Waan Maraa dubbatee moti; raagichi sodaa malee waan dubbateef isa hin sodaatina'a.

Did you know?

Levitical Support and True Prophecy

  • Unlike the other tribes of Israel, the tribe of Levi received no territorial land inheritance. Instead, the priests and Levites were sustained through designated portions of sacrifices—including the shoulder, jowls, and stomach—and offerings of firstfruits such as grain, new wine, oil, and sheared wool.Sources: the Bible text itself · Levi (patriarch)
  • The prohibition against divination, sorcery, and consulting the dead stood in direct contrast to the promise of a prophet raised from among the Israelites. This promised role was linked to the assembly at Horeb, where the people asked Moses to mediate so they would not hear God's direct voice from the fire.Sources: the Bible text itself · Horeb
  • To distinguish genuine messengers from false or presumptuous ones, the text provided a practical test: if a message spoken in the name of the LORD did not come to pass, it was not spoken by God.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Mount Horeb · Today: Jebel Musa · 28.540, 33.973 · verse 16

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.