Amos 6
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Adabamiisa Israa'elii
1Worri Xiyoon keessa qananumma'aan leetanu,
ka bidhaa malee gaara Samaariya'aa irra teettanu,
worri kolbaan Israa'elii qarqaarsa dhaggatiisaaf
gara keessan dhufanu,
isin qondaaltoti gosa
worra gosa biyya adda addaa taan ka caaltanu
worri ifi seetanu
isiniif aanne'e!
2Gara qachaa Kaalnee dabara'aatii ilaala'a;
achille'ee gara qachaa guddaa, «Haamaat» jedhamuu dhaqa'a;
achiin duuba gara qachaa Filisxeemotaa
gara qachaa Gaatii gad bu'a'a.
Isaan mootummoota teessan lamaan hin caalanuu ree?
Yookiin latti isaanii lafa teessan caalaa hin badhattuu ree?
3Isin guyyaa hamaa akka fagaatu gootanee,
bulchiinsa hunnaa akka dhikaatu gootan.
4Isin taqee ilka arbaatiin seefante irra rattan;
taqee gaggabaadduu irra balxiixxan.
Hoolee keessaa foon buruusotaa,
loon keessaa foon jabbi'ii nyaattan.
5Isin kiraara guddicha hin qanya'aminiin sirbitan;
akka Daawitiille meya faaru'uutiin faarfatiisa barbaaddan.
6Isin daadhii woyni'ii okkote'een untan;
fiqiree, fiqiree mara caaltu dibattan malee,
badii sanyii Yoseefii irra geettuuf hin gadditanu.
7Tanaaf isin worra booji'amu keessaa ka qaraa hin teetan;
fexxeessi keessanii fi
dalaqiis keessan hin hafan.
8Goottaan Mootiin Waan Maraa, Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u, ifiin kakatee,
«Koora kolbaa Israa'elii jibbeera;
kushee isi'iille diqadheera;
tanaaf qachaa isaaniitii fi
waan qachaa keessa jiru mara
diinotaaf dabarsee hin kenna» jedheera.
9Mana tokko keessatti nami kudhan yoo hafe, isaanille hin du'an. 10Firri aanti'ii ka nama du'ee sun mana keessaa fuudhee reeffa awwaaliisaaf yoo dhufe, nama mana keessatti dhokateeruun, «Nami dhibiin si woliin jiraa?» jedhee gaafata; nami sunille, «Hin jiru» jedhee deebisa; nami fira aanti'ii sunille, «Cadhisi! Maqaa Mootii Waan Maraa dhowuu hin qannu» hin jedha.
11Mootiin Waan Maraa waan ajajeef,
manni gugurdaan hurbamanee hin diigaman;
manni didiqqaalle bubbututee hurraa hin te'an.
12Fardooleen rassaa irra hin gulufanii ree?
Nami tokko qotiyyo'oon achi irra hin qotaa ree?
Isin ammoo haqa gara waan hadhowuutitti,
hujii balchumma'aalle gara hammeennaatitti jijjiirtane.
13Isin worri qachaa, «Lodbaar» jedhamu
qabatanee firinxiixxanu,
ka qachaa, «Karnaayim» jedhamu
jabeenna keennaan fudhanne jettanu,
14Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u,
«Ee kolbaa Israa'elii,
ani kolbaa takka isin irratti hin kaasa;
kolbaan sunille gara Kaabaatiin
seensuma qachaa Haamaatii irraa jalqaddee,
gara kibbaatiin haga dhooqa Arabaatitti isin hin cunqursiti» jedha.

Did you know?
Complacency and Impending Exile
- Amos addresses the ruling elite who felt secure in both Zion, the fortified hill of Jerusalem, and Mount Samaria, the capital of the northern kingdom built on an elevated summit by King Omri. Despite the natural defenses and prestige of these cities, their leaders are warned that their ease and overconfidence would end in captivity.Sources: Zion · Samaria · the Bible text itself
- The prophet challenges Israel to look at renowned foreign cities such as Calneh near the Euphrates, Hamath on the Orontes in Upper Syria, and the Philistine stronghold of Gath. These neighboring powers were neither smaller nor less protected, yet they could not escape destruction.Sources: Calneh · Hamath · Gath · the Bible text itself
- Amos criticizes the aristocracy for indulging in extravagant banquets, resting on beds inlaid with ivory, and improvising music on harps like David, all while ignoring the impending ruin of Joseph. The name Joseph here designates the northern tribes of Israel, whose moral decay and social injustice were neglected by their wealthy leaders.Sources: David · Joseph (son of Jacob) · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Samaria · 32.276, 35.195 · verses 1, 8
- Zion · Today: Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 1
- Hamath · Today: Hama · 35.136, 36.750 · verse 2
- Philistia · 31.664, 34.546 · verse 2
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org