Nations Bible

Amos 5

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Kolbaan Israa'elii Araara akka Galtuuf Waammante

1Ee kolbaa Israa'elii wolaloo gaddaa ta ani marroo teessaniif dubbadhu tana dhage'a'a:

2Israa'eliin akka durraa jiddeerti;

deebiteelle hin kaatu;

lafuma ifii keessatti gatante;

nami isii ol kaasulle hin jiru.

3Goottaan Mootiin Waan Maraa,

«Qachaan guddichi Israa'elii ka loltoota kuma duula baase,

isaan keessaa loltoota dhibba qofatti isaaf hafa.

Qachaan loltoota dhibba duula baase,

isaan keessaa loltoota kudhan qofatti isaaf hafa» jedha.

4Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitiin,

«Ana barbaadadha'aatii, jiru'uun jiraadha'a!

5Giilgal dhugumaan waan booji'antuuf,

Bet'elille waan woy hin baaneef,

Bet'el hin barbaadina'a;

Giilgal hin dhaqina'a

Bersheebaalle hin dhaqina'a» jedha.

6Mootii Waan Maraa barbaadadha'aatii jiru'uun jiraadha'a;

yoo akkas hin te'in

inni kolbaa Israa'elii akka ibiddaa luxub hin godha;

worra Bet'eliille ibiddi hin fixa;

nami isa irraa dhaanfulle hin jiru.

7Worri haqa gara hadha'aatitti jijjiirtanu,

dhugaalle ka lafatti gattanu isiniif aanne'e!

8Urjoota, «Torbii» jedhamanu ka dade,

urjoota, «Sadee» jedhamanulle ka dade,

dukkana gara ifa guyya'aa,

guyyaalle dukkaneessee gara halkanii ka jijjiiru,

bisaan abbaaya'aa waamee,

lafa irra akka lola'u ka godhu,

maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti!

9Inni kushee jadduu hin bobeessa;

qachaa guddaa dalleenni dhaka'aa jabaan itti ijaarame

irralle'etti badii hin fida.

10Isin badhinna mura'aatitti nama dhuga'aaf falmu jibbitan;

nama dhugaa dubbatu tuffattan.

11Isin worra hiyyeeyyii cunqursitan;

hunnaan akka isaan midhaan kennanu gootan.

Tanaaf, isin dhakaa bocameen mana ijaarrattanulle,

achi keessa hin leetanu.

Isin muka woyni'ii ka isin gammachiisu dhaabattanulle,

daadhii woyni'ii irraa hin untanu.

12Yakkaan teessan attam bacaa akka teetee fi

cubbuun teessan attam attam guddoo akka teete

ani hin beeka.

Isin worra balchaa cunqursitanee,

safuu irraa fudhattanee,

worri hiyyeeyyiin badhinna kora mura'aatitti

haqa akka hin dhagganne gootan.

13Tanaaf barri hamaa waan te'eef,

yennaa akkasiititti nami qalbeeffataan

cadhi hin jedha.

14Isin jiru'uun akka jiraattanuuf,

waan dansaa malee waan hantuu hin barbaadina'a.

Achiin duuba akkuma isin jettanu

Mootiin Waan Maraa

Waaqi Waan Mara Dande'u

isin woliin hin jiraata.

15Waan hantuu jibba'aatii,

waan dansaa jaaladha'a;

badhinna kora mura'aatitti

haqi akka jiraatu godha'a.

Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u

kolbaa Israa'elii worra hafeef hin marara fa te'a.

16Tanaaf Mootiin Waan Maraa

Waaqi Waan Mara Dande'u,

«Karaa mara irratti wiiccifati bowaa,

woldeennaa kara'aa mara irratti

iyyi farraa hin teeti.

Qonnaan bultooti bowaaf,

worri boochisulle wiiccifatiisaaf hin waamaman.

17Oorruu woyni'ii mara keessatti wiiccifati bowaa hin te'a;

ani isin adabiisaaf odduu teessan waan dabaruuf,

tun marti isin irratti hin teeti» jedha.

18Isin worri guyyaa Mootii Waan Maraa halchitanu isiniif aanne'e!

Isin maaf guyyaa Mootii Waan Maraa halchitan?

Guyyaan sun guyyaa dukkanaa ti malee

ifaa moti.

19Guyyaan sun akka nama neenqa duraa adoo dheetuu

doobba'atti dhufuu,

yookiin isa duralle'ee bayee

mana ifiititti galee dhaaba manaa yennaa qabatu

dhudhuufaan idduu ti.

20Guyyaan Mootii Waan Maraa sun ifa adoo hin te'in, dukkana

dimma wililleettiin ifaa keessa hin jirree motii ree?

21Mootiin Waan Maraa, «Ani jila teessan mara jibbee, tuffadhe;

yaa'iin teessanille na hin gammachiittu.

22Isin kennansa gubamuu fi

kennansa midhaanii naaf dhikeessitanulle,

ani hin fudhadhu.

Horii gagabbaa kennansa tokkumma'aatiif dhikeessitanulle,

ani hin ilaalu.

23Iyya faaruu teessanii na irraa fageessa'a;

ani yoyyoma kiraara guddicha keessanii hin caqasu.

24Ammoo haqi akka bisaan lagaa,

balchummaalle akka madda hin gonnee lolaatuu ti.

25«Ee kolbaa Israa'el,

woggaa afurtama goomolee keessatti

isin ciinca'aa fi kennansa

naaf dhikeessitaneertanii ree?

26Waan ifumaaf hujjane,

mootii keessan waaqa dharaa, ka, ‹Saakuut› jedhamuu fi

waaqa dharaa ka fakkii urji'ii, ka ‹Kiiyoon› jedhamu ba'attan.

27Tanaaf ani qachaa Damaasqo'oo irraa fagaattanee

akka isin booji'antanu hin godha» jedha;

maqaan isaa Mootii Waan Maraa Waaqa Waan Mara Dande'u.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

A Call to Justice and Lamentation

  • Amos urged the northern kingdom of Israel not to seek ancient pilgrimage sites such as Bethel, Gilgal, or Beersheba, warning that these sanctuaries would not save them from destruction. Bethel and Gilgal were prominent historical worship centers, while Beersheba lay far to the south, but the prophet insisted that ritual devotion at these locations was worthless without moral obedience.Sources: the Bible text itself · Bethel (of Palestine) · Gilgal · Beersheba
  • In ancient Israelite cities, the gate served as the primary civic and judicial center where legal disputes were heard and elders administered justice. Amos condemned the ruling elite for accepting bribes, silencing honest witnesses, and trampling the rights of the poor in these legal assemblies.Sources: the Bible text itself
  • The warning that Israel would be exiled beyond Damascus pointed to a coming defeat and deportation far northeast of the ancient Syrian capital. Damascus was a major political and commercial power located north of Jerusalem, marking a key geographical boundary for northern campaigns.Sources: the Bible text itself · Damascus

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Damascus · 33.511, 36.306 · verse 27

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.