Amos 3
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Raaga Israa'el Irratti Dubbatame
1Ee kolbaa Israa'elii,
dubbii Mootiin Waan Maraa
isin worra biyya Gibxi'ii keessaa baase maratti
dubbatu tana dhage'a'a!
2Inni, «Ani kolbaa biyya lafaa keessaa isin callaa filadhe;
tanaaf cubbuu teessan maraaf ani isin hin adaba» jedheera.
3Nami lama woliin deemiisaaf adoo wolii hin galin
karaa hin deemanii?
4Neenqi gongomaa keessatti
waan adansee nyaatu adoo hin dhaggin
dhangaa hin dhowaa?
Neenqi dardarri waan tokko adoo hin qabatin
mandhee ifii keessaa hin gurura'aa?
5Sinbirreen fonxoroo adoo itti hin afamin
lafa irratti tiyyoo keessa hin seentii?
6Tultullaan lolaa qachaa keessatti yennaa afuufamu,
kolbaan hin sodaattuu ree?
Mootiin Waan Maraa adoo hin eeyyamin
wonni hantuun qacha'atti hin dhuttii ree?
7Dhugumaan Goottaan, Mootiin Waan Maraa
dhossaa jirtu tajaajiltoota ifii raagotatti adoo hin mudhisin
waan tokkolle hin godhu.
8Neenqa dhangaa dhowe,
ka hin sodaanne eennu ree?
Mootiin Waan Maraa eega itti dubbatte,
ka raaga hin dubbanne eennu ree?
Badii Qachaa Samaariya'aa
9Kushee jajjadduu Ashidoodiitii fi
kushee jajjadduu biyya Gibxi'iititti lallaba'aatii,
«Gaara Samaariya'aa irratti wolitti qabama'a;
hogaa isii keessaatii fi
cunqursaa odduu kolbaa isi'ii jiru ilaala'a» jedha'aan.
10Mootiin Waan Maraa, «Isaan waan sirrii te'e
attam akka hujanu hin beekanu;
waan hunnaan nama irratti ka'anee
saamaneen mana ifii guutatan» jedha.
11Tanaaf Goottaan Mootiin Waan Maraa,
«Diinni lafa hin qabata;
kushee jajjadduu teessan diigee
mana keessanille hin saama» jedha.
12Mootiin Waan Maraa,
«Akkuma tisseen afaan neenqaa irraa
lafee lukaa lama yookiin gurra ciccitaa callaa buufattu,
Israa'elooti Samaariyaa keessatti qaccee taqee ifii irra,
Damaasqoo keessattille taqee gaggabaadduu ifii irra tee'anu,
akkasuma hin hafan» jedha.
13Goottaan Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u,
«Tana dhage'a'aatii sanyii Yaaqoobii irratti dhugaa baya'a.
14Guyyaa ani marroo cubbuu isaaniitiif Israa'eloota adabu,
addee ciinca'aa ta Bet'elii hin diiga;
gaafoti addee ciinca'aa
muramanee lafa harca'an.
15Ani mana isaan yennaa gannaatii fi
yennaa bonaa keessa tee'anu mara hin diiga;
manni ilka arbaatiin seefamee ijaarame marti hin bada;
Galmi gugurdaalle barbadeeffamee bada» jedha.

Did you know?
Witnesses against Samaria
- Amos dramatically summons the fortified citadels of Ashdod, a prominent Philistine city, alongside Egypt to gather on the hills surrounding Samaria. These foreign nations are invited to observe the unrest and oppression taking place within the capital of the northern kingdom of Israel.Sources: the Bible text itself · Ashdod · Samaria
- The vivid image of a shepherd snatching two leg bones or a piece of an ear from a lion's mouth reflects the legal and practical realities of ancient pastoral life. A shepherd had to retrieve whatever scraps remained to prove to an owner that an animal had been killed by a predator.Sources: the Bible text itself
- The prophecy announces the destruction of both the religious sanctuary at Bethel and the luxurious estates of the elite. The northern kingdom's wealthy had built multiple seasonal residences, including winter and summer houses decorated with precious ivory.Sources: the Bible text itself · Bethel (of Palestine)
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Egypt · 30.129, 31.308 · verses 1, 9
- Ashdod · Today: Tel Ashdod · 31.757, 34.658 · verse 9
- Samaria · 32.276, 35.195 · verses 9, 12
- Damascus · 33.511, 36.306 · verse 12
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org