Amos 2
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Muraa Mo'aabitti Dhufu'uu Jirtu
1Mootiin Waan Maraa,
«Worri Mo'aabii lafee mootii Edoomii
haga daadhaa teetutti gubiisaan
itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef,
ani isaan hin adaba.
2Maarre ani ibidda kushee qachaa Keriyotii luxub godhu,
qachaa Mo'aabiititti hin erga;
Worri Mo'aabii hogaa guddaa
iyya lolaatii fi
qoonqoo tultulla'aa keessa hin dhumatan.
3Ani bulchaa isi'ii hin balleessa;
qondaaltota isi'ii mara
mootii isi'ii woliin hin ijjeesa» jedha.
Muraa Yihuda'atti Dhufu'uu Jirtu
4Mootiin Waan Maraa,
«Worri Yihuda'aa seera kiyya didanee,
seerata kiyyalle waan hin eegatiniif,
waaqota dhara ka abbootiin isaanii ta durii
hordofatte hordofiisaan,
itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef,
ani isaan hin adaba.
5Maarre ani ibidda kushee qachaa Yerusaalemii luxub godhu,
qachaa Yihuda'aatitti hin erga» jedha.
Muraa Israa'elitti Dhufu'uu Jirtu
6Mootiin Waan Maraa,
«Worri Israa'elii worra balchoota meeti'itti,
worra hiyyeeyyii kophee miilaatitti gurguratiisaan,
itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef
ani isaan hin adaba.
7Isaan mataa worra hiyyeeyyi'ii bukuu irratti irra sirban;
worra cunqurfameef muraa haqaa hin kennanu;
abba'aa fi ilmi dubartii takkaa woliin sagaagaliisaan
maqaa kiyya woyyicha batteessan.
8Isaan addee ciinca'aa mara cinaa,
woyaa worra hiyyeeyyii liqaa kaffaluu hin dandeenne
irraa qabatane irra rafan.
Daadhii woyni'ii ta worra adabame
irraa fuudhane
mana Waaqa ifii keessatti unan.
9«Ani worra Amoorotaa
ka akka muka hindheensaa dheeratanu,
ka akka muka qilxa'aa jabaatanu san
fuula isaanii duraa balleesse.
Midhaan isaan irraatii fi
hidda isaanii isaan jalaa balleesse.
10«Ani lafa Amoorotaa isiniif kenniisaaf,
biyya Gibxi'ii keessaa isin baasee
woggaa afurtama lafa goomole'ee keessa isin sooresse.
11Ani ilmaan teessan keessaa raagota,
dargaggoota teessan keessaa
worra Waaqaaf adda baye isiniif kaaseera.
Ee kolbaa Israa'elii tun dhugumaa motii ree?
12Isin ammoo worra Waaqaaf adda baye
daadhii woyni'ii akka unanu gootanee,
raagotille raaga akka hin dubbanne ajajjane.
13Maarre akkuma garreettaan midhaan ba'ateeru
waan isa jala jiru butuchu,
anille isin hin butucha.
14Nami akka malee rukkisu duraa hin bayu;
worri jajjabi jabeenna ifii hin dhaban;
worri lolulle lubbuu ifii hamburatiisa hin dande'anu.
15Worri guube'een lolu dura hin dhaabbatu;
loltooti rukkisuu dande'anulle duraa hin bayanu.
Abbootiin fardaalle lubbuu ifii hin hamburatanu.
16Guyyaa san loltooti goototinuu qullaa hin baqatan» jedha.

Did you know?
Judgments on Moab, Judah, and Israel
- Amos condemns the land of Moab, situated east of the Dead Sea, for burning the bones of the king of neighboring Edom to lime. The prophecy declares that judgment and fire will consume the citadels of Kerioth, a major Moabite city.Sources: the Bible text itself · Moab · Kerioth · Edom
- After targeting foreign nations, the prophetic oracle turns inward to Judah, declaring judgment on its fortified capital, Jerusalem, for rejecting the Law and statutes of the Lord.Sources: the Bible text itself · Jerusalem
- Israel's exploitation of the poor and suppression of prophets and Nazirites is contrasted with God's historical faithfulness in delivering them from Egypt through forty years in the wilderness and dispossessing the powerful Amorites.Sources: the Bible text itself · Amorite · Egypt
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Edom · 30.746, 35.604 · verse 1
- Moab · Today: Moab 1 · 31.181, 35.701 · verses 1, 2, 3
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 5
- Egypt · 30.129, 31.308 · verse 10
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org