2 Timothy 4
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
1Waaqaa fi Yesuus Kiristoosii worra jiruu fi worra du'elle'etti muru'uuf jiru duratti, deebi'ee dhufiisaa fi mootummaa isaa yaadataa jabeessee si gorsa. 2Jecha Waaqaa lallabi; yennaan toltulle, toluu dhabaattulle qophow; ossa gudda'aan namoota balleessanu sirreessaa, xixaa, jajjabeessaa barsiisi. 3Yennaan namooti barsiisa sirrii te'e dhage'uu jibbanu hin dhutti; isaan barsiisota hedduu ta akka fedhii isaaniititti, waan gurra isaaniitiif tolu isaan barsiittu wolitti raratan. 4Isaan dubbii dhuga'aa dhage'uu didanee, gurra ifii gara oduu durii deebifatan. 5Ati ammoo haala mara keessatti ititi; rakkoo ossadhu; hujii lallaba Oduu Gammadaa huji; hujii itti ergante mara muummessi.
6Ani akka dhibaayyu'uu dhibaafamuu geyeera; yennaan ani du'u geetteerti. 7Ani akka dansaa wodhaantoo qabadheera; doggommii tiyya fixadheera; dhugeeffannaa tiyyalle eegadheera. 8Yoona ammaa achi badhaas balchumma'aa naaf qophoweera; badhaasa kana guyyaa san Goottaan balchichi naaf hin kenna; ana qofaaf adoo hin te'in, worra deebi'ee mudhinnaan dhufa isaa dharra'aan eegatu duudi'iif hin kenna.
Yaadachiisa Phawuloosii
9Ariiti'iin akka teete te'ii koy. 10Sababille Deemaas biyya lafaa tana jaalatee, na lakkisee gara qachaa Tasalonqe'ee dhaqeera. Kiresqes biyya Galaatiya'aa, Tiitoos ammoo biyya Dalmaatiya'aa dhaqeera. 11Luqaas qofattuu na bira jira. Maarqoos huji'iin waan ana qarqaaruu dande'uuf, yennaa dhuttu isa fidii koy. 12Xikiqoos ammoo gara qachaa Efesoonii ergeera. 13Yennaa dhuttu gorfa ani Kaarphoos biratti Xiro'aasitti lakkise, kitaabota maramaalle, keessattuu ka gogaa duugama'aan hujame naaf fidi.
14Iskindiriin sibiila tumu akka malee na miidhe; Goottaan akkuma hujii isaatitti isaaf hin kenna. 15Inni dubbii teenna jabeessee waan mormeef, atille isa irraa ifi eegadhu.
16Ani waan itti himatameef yennaa ani guyyaa qaraa dhiyaadhee falmadhe, duudiinuu na lakkisane malee, nami tokkolle na qarqaariisaaf hin dhunne. Tun isaanitti hin laakkowamin! 17Ammoo ergaan isaa guutuun karaa kiyyaan lallabantee worri Yihudoota hin te'in duudiin akka dhage'anu, Waaqi cinaa tiyya dhaabbatee hunna naaf kenne. Afaan neenqaa irralle'ee na hambure. 18Goottaan hammeenna hamaa duudii jalaa na baasee, gara mootummaa ol-gubba'aa nageyaan na hin geessa. Ulfinni baraa haga bara baraa isaaf te'u! Ameen.
Nageya Muumme'ee
19Phirisqiilaa, Aqiila'aa fi worra mana oneesiforosiititti nageya naa himi. 20Eraasxoos Qorontoositti hafe; Xirofimoosille waan dhibameeruuf ani qachaa Miilexoosiititti isa lakkise. 21Adoo ganni hin dhufin akka teete te'ii koy.
Yubuloos, Phudenis, Liinos, Kilaawudiiya'aa fi dhugeeffattooti dhibiille nageya sii dhaamaneeran.
22Goottaan ayyaana keeti woliin jiraatu.
Badhaadhi Waaqaa isin woliin jiraatu.

Did you know?
Paul's Final Charge and Farewell
- Paul urges Timothy to come quickly. Demas, whom Easton's Bible Dictionary (1897) describes as a companion and fellow worker during Paul's first imprisonment at Rome, has deserted him out of love for this world and gone to Thessalonica, a large city on the Thermaic bay and the capital of one of Macedonia's four Roman districts. Crescens has gone to Galatia and Titus to Dalmatia, a mountainous country on the eastern shore of the Adriatic and part of the Roman province of Illyricum; Paul has sent Tychicus to Ephesus, and only Luke remains with him.Sources: Demas · Thessalonica · Dalmatia · the Bible text itself
- Easton's Bible Dictionary (1897) identifies Alexander the coppersmith as a man who, with Hymenaeus and others, taught certain views about the resurrection, and says that Paul excommunicated him. In this chapter Paul writes that Alexander did him great harm, tells Timothy to beware of him because he vigorously opposed our message, and says the Lord will repay him according to his deeds.Sources: Alexander · the Bible text itself
- Paul asks Timothy to bring the cloak he left with Carpus at Troas, together with his scrolls, especially the parchments, and to arrive before winter. Troas was a city on the coast of Mysia, in the northwest of Asia Minor, named after ancient Troy, which lay about four miles to the north.Sources: Troas · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Dalmatia · 43.813, 16.219 · verse 10
- Galatia · 39.267, 32.983 · verse 10
- Thessalonica · Today: Thessaloniki · 40.638, 22.946 · verse 10
- Ephesus · 37.939, 27.341 · verse 12
- Troas · Today: Alexandria Troas · 39.752, 26.159 · verse 13
- Corinth · 37.906, 22.879 · verse 20
- Miletus · 37.531, 27.276 · verse 20
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org