2 Timothy 3
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Hantuu Guyyaa Muumme'ee
1Guyyoota muumme'eetitti yennaan rakkittu akka dhuttu beeki. 2Namooti ka mataa ifii jaalatanu, ka beesee jaalatanu, ka ifi saadanu, kijiboota, ka nama arrassanu, ka worra ifiitiif hin ajajanne, ka galata hin qanne, ka woyyummaa hin qanne, 3ka jaalala hin qanne, ka hin araaranne, ka maqaa namaa balleessanu, ka ifi hin qabanne, ka gadhaa jabaatanu, ka waan dansaa jibbanu, 4ka dabarsanee nama kennanu, jajjartoota, ka ana malee jedhanu te'an; isaan Waaqa caalaa gammada jaalatan; 5isaan dhugeeffannaa waan qabanu fakkaatan, ammoo hunna isi'ii mormataneeran. Worra akkasii irraa ifi eegadhu. 6Isaan keessaa gariin gara mana namaa dhaqaa, dubartoota dadhadduu ta cubbuun irratti tuulantee, halchaa gara garaatiin asii fi achi oofantu, hin qabatan. 7Dubartiin akkasii yennaa mara hin baratti, ammoo ijjumaayyuu dhugaa beekiisa bira hin geettu. 8Akkuma Yaaneesii fi Yaamberes Muuse'een mormane, kolbaan qalbii isi'ii baddee fi dhugeeffannaa irraa jidde tun dubbii dhuga'aa mormiti. 9Gowwummaan Yaaneesiitii fi Yaamberesii, nama duudi'itti akkuma beekkante, ta isaaniille nama duudi'itti waan beekkantuuf isaan ur hin geyanu.
Gorsa Phawuloos Ximootewoosiif Kenne
10Ati ammoo barsiisa kiyya, adaba kiyya, akeeka jiruu tiyyaa, dhugeeffannaa tiyya, ossata kiyya, jaalala kiyya, fi ciniinnadhee ossatuu kiyya hin beetta. 11Miidha'aa fi rakkoo tiyya, ta Anxokiya'atti, Iqoniiyumii fi Lisxira'atti na dhaqqadde mara ossatuu kiyya hin beetta. Goottaan ammoo san duudii jalaa na hambure. 12Akkasuma nami karaa Yesuus Kiristoosiitiin nama Waaqaa te'ee le'uu fedhu duudiin hin miidhama. 13Worri hama'aa fi malaan nyaattuun worra dhibii dokonkorsaa ifille'eef dokonkoraa, hammeenna irraa gara hammeennaa ittuma deeman. 14Ati ammoo waan barattee jabeessitee itti dhugeeffatte, eennuu fa'a irraa akka baratte waan beettuuf itti jabaadhu. 15Ati Barreeffama Woyyicha, qarooma Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaan fayyinni ittiin dhaggamu si'iif kenniisa dande'u ijoollummaa teetiin jalqaddee beetteerta. 16Barreeffam Woyyichi duudiin qajeelfama Ayyaana Waaqaatiin waan barreeffameef, dhugaa barsiisiisaaf, worra dokonkore xixiisaaf, balleessaa sirreessiisaa fi karaa balchumma'aatitti qajeelchiisaaf bu'aa qabeessa. 17Nami Waaqaa hujii dansaa maraaf ka dandeettii qabu te'ee, ka hidhatee qophowe akka te'u godha.

Did you know?
Hard times and opposition to the truth
- This chapter compares people who oppose the truth with Jannes and Jambres. A Bible dictionary identifies Jannes as one of the Egyptians who withstood Moses, and Jambres as one of those who opposed Moses in Egypt. The letter says that, like them, these opponents are depraved in mind and disqualified from the faith, and that their folly will be plain to everyone.Sources: Jannes · Jambres · the Bible text itself
- Paul recalls the persecutions and sufferings that came upon him in Antioch, Iconium, and Lystra, and says the Lord rescued him from all those persecutions. On the first missionary journey with Barnabas, Jews in Antioch, in the extreme north of Pisidia, stirred up violent opposition, and the two had to leave; in Iconium they were persecuted by the Jews and fled to Lystra. Iconium was the capital of ancient Lycaonia; Lystra was a town of Lycaonia in Asia Minor, in a wild district.Sources: Antioch (Pisidia) · Iconium · Lystra · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Antioch · Today: Antioch in Pisidia · 38.306, 31.189 · verse 11
- Iconium · Today: Konya · 37.872, 32.492 · verse 11
- Lystra · Today: Tel Lystra · 37.602, 32.338 · verse 11
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org