Nations Bible

2 Corinthians 3

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Tajaajiltoota Gondooroo Haareyaa

1Nuuti ammalle ifi saaduu jalqabaarraa? Yookiin akkuma worri gariin godhu xalayaa deeggarsaa gara keessan fidatuu yookiin isin irraa fudhatuu nu barbaachisaa ree? 2Xalayaan keenna ka akka nami duudiin beekuu fi dubbisuuf gadhaa keenna keessatti barreeffameeru isinuma. 3Isin tajaajila keennaan xalayaa Kiristoosii te'uun keessan ifa. Xalayaan kun hallu'uun adoo hin te'in, Ayyaana Waaqa jiraata'aatiin, gabatee dhaka'aa irratti adoo hin te'in gadhaa namaa keessatti barreeffameera.

4Nuuti karaa Kiristoosiitiin Waaqatti addii waan qannuuf tana jenna. 5Nuuti dandeettii teennaan tana goona waan jennu takkaalle hin qannu; dandeettiin teenna Waaqa irraa dhutti. 6Tajaajiltoota Gondooroo Haareyaa akka teenuuf ka dandeetti nu'uuf kenne isa; gondooroon tun ta Ayyaana Woyyichaati malee, ta seera qube'een barreeffameetii moti. Seerri qube'een barreeffame du'a fida; Ayyanni Woyyichi ammoo jiruu kenna.

7Seerri dhakaa baxxicha irratti qube'een bocameeraayyu; ifi yennaa seerri kenname jiru kuun badaa ka deemu te'ulle, kolbaan Israa'elii fuula muuse'eetitti ila qaddee ilaaliisaaf hin dandeenne. Eegasuu seerri du'a fide ulfinna akkanaatiin yoo mudhate, 8tajaajilli karaa Ayyaana Woyyichaatiin dhaggamu ulfinna kana caalu attam hin qabaanne ree? 9Tajaajilli yakkaa namatti muru ulfinna haganaa ka qabu yoo te'e, tajaajilli nama balchoonsu attam ulfinna caalu qabaatuu dhaba ree? 10Ulfinni duuba irraa ka akka malee caalu waan te'eef, ulfinni dur tare akka woy hin qanneetitti laakkowama. 11Wonni caararrowaa deentuuyyuu ulfinna haganaa ka qaddu eega teete, wonni haga bara baraa jiraatu ammoo ulfinna akka malee caalu attam hin qabaanne ree?

12Addii akkanaa waan qannuuf, sodaa malee dubbanna. 13Nuuti akka muuse'eetii moti; inni calalaqa fuulaa ka badu san kolbaan Israa'elii akka hin dhaggineef fuula ifii gollate. 14Qalbiin isaanii dhugumaan dillootteerti; haga guyyaa adhaalle kitaaba Gondooroo Qaraa yennaa dubbisanu qalbiin isaanii gollaa saniin akkuma gollanteen jirti. Gollaan tunille karaa Kiristoosii qofaan ka baddu waan teeteef tun teete. 15Haga adhaalle yennaa isaan kitaaba Seera Muuse'ee dubbisanu mara, qalbiin isaanii golla'aan gollanti. 16Ammoo yennaa nami gara Gootta'aa deebi'u gollaan hin baddi. 17Goottaan Ayyaana; addee Ayyaanni Gootta'aa jirutti bilisummaan hin jirti. 18Nuuti duudiin fuula hin gollamiiniin, ulfinna Waaqaa akka daaw'iti'iin mudhatuutitti hin calalassina; nuutille bifa Goottaa Ayyaana te'ee fakkaatiisaaf ulfinna irraa gara ulfinna hin jijjiiranna.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

A More Glorious Covenant

  • The chapter asks whether letters of recommendation to or from the believers are needed, as some people require. It answers that the believers themselves are a letter from Christ, the result of this ministry, inscribed on the ministers' hearts and known and read by everyone.Sources: the Bible text itself
  • The chapter contrasts ink and tablets of stone with the Spirit of the living God writing on human hearts. It calls the ministry engraved in letters on stone a ministry of death and condemnation, and describes a new covenant of the Spirit, for the letter kills but the Spirit gives life.Sources: the Bible text itself
  • The Israelites could not gaze at Moses's face because of a glory that was fading, and Moses put a veil over his face so they would not look at the end of what was passing away. The chapter says that a veil still covers their hearts when Moses is read, and that it is taken away whenever anyone turns to the Lord.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.