Nations Bible

2 Corinthians 2

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

1Ani deebi'ee isin gaddisiisu'uuf gara keessan akka hin dhunne murteeffadheera. 2Ani yoo isin gaddisiiselle, isinuma worra ani gaddisiise malee, eentu na gammachiisa ree? 3Ani gara keessan yennaa dhufu, worri na gammachiisu'uu male akka na hin gaddisiinneef jedhee, akka san isiniif barreesse. Sababille gammadi kiyya gammada keessan maraa akka te'e hin addadha. 4Gadda gudda'aan, gadhaa laalatee fi imimmaan hedduu buusee wonni isiniif barreesse, akka ani guddoo isin jaaladhu akka beettanuuf malee, isin gaddisiisiisaafii moti.

Nama Yakkeef Araaramuu

5Nami nama gaddisiise yoo jiraate inni ka gaddisiise anaa moti; yakkaa itti o'isiisa hin te'in malee, gara tokkoon inni isin duudii gaddisiise. 6Nama akkasii kana, adabbiin isin hedduun adaddane hin geetti. 7Namichi kun guddoo gaddiisa irraa ka ka'e addii akka hin kutanne, isaaf araarantanee jajjabeessuu qaddan. 8Maarre isa jaalatuu keessan akka mirkaneessitanu isin kadhadha. 9Ani haga isin ilaalee, waan maraan ka ajajantanu te'iisa keessan beekiisaaf isiniif barreesse. 10Nama isin araarantanuuf, anille hin araaramaaf. Wonni ani namaaf araaramu'uu male yoo jiraatte, sababa keessaniif jedhee fuula Kiristoosii duratti araarameera. 11Hujii hantuu seexanaa waan beennuuf, akka inni nu hin gowwoonsineef jedhee tana godhaara.

Yaaddoo Phawuloos Qachaa Xiro'aasii Keessatti Yaade

12Oduu Gammadaa ta Kiristoosii lallabiisaaf, yennaa ani gara qachaa Xiro'aasii dhaqe, Goottaan balbala tajaajilaa naaf baneeraayyu. 13Ammoo obboleessa kiyya Tiitoos achitti waan dhagguu dhabeef, yaadi kiyya hin foorfanne. Maarre worra achi jirutti nageya dhaamee gara Maqedooniya'aa tare.

14Waaqa yennaa mara karaa Kiristoosiitiin injifattoota nu godhee, nu qajeelchuu fi beekkumsa marroo Kiristoosiitiif qannu akka uddowaa foolee dansaa qabuu, addee mara akka dhaqqassinnu nu godhuuf galanni te'uu ti. 15Nuuti worra fayyuufille te'e, worra baduuf akka dakkara foolee dansaa qadduu teenee, Kiristoosiin worra Waaqaaf dhikaateeru. 16Nuuti, worra baduuf foolee gara du'aa geessitu; worra fayyuuf ammoo foolee gara jiru'uu geessitu. Yoona hujii akkasii tanaaf ka dandeettii qabu eennu? 17Nuuti akka worra Waaqaan ergameetitti tajaajiltoota Kiristoosii teenee, fuula Waaqaa duratti gadhaa qullu'uun dubbanna malee, akka namoota hedduu Jecha Waaqaa bu'a'aaf daldalanuutii moti.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Tears, Forgiveness, and the Journey through Troas

  • Paul writes that he went to Troas to preach the gospel of Christ and that a door stood open for him in the Lord, yet he had no peace in his spirit because he did not find Titus there, so he said goodbye and went on to Macedonia. Troas was a city on the coast of Mysia, in the northwest of Asia Minor, named after ancient Troy, which lay about four miles to the north. In New Testament times Macedonia was a Roman province lying north of Greece.Sources: the Bible text itself · Troas · Macedonia
  • Titus, whom Paul calls his brother, is the companion he did not find at Troas. He appears to have been a Gentile and was chiefly engaged in ministering to Gentiles. Paul sent him from Ephesus, where he was with Paul and Timothy, to Corinth to forward the church's contribution for the poor in Jerusalem.Sources: the Bible text itself · Titus
  • Paul urges them to forgive and comfort the person who caused grief, so that he will not be overwhelmed by excessive sorrow, and so that Satan will not outwit them, since they are not unaware of his schemes. Satan means adversary or accuser. In the New Testament the name is used interchangeably with the devil, and it is so used more than thirty times.Sources: the Bible text itself · Satan

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Troas · Today: Alexandria Troas · 39.752, 26.159 · verse 12
  • Macedonia · 41.600, 22.540 · verse 13

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.