Nations Bible

2 Chronicles 25

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Mootii Yihuda'aa Amaasiyaa

1Amaasiyaan yennaa mootii te'u nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa diddamii sagal bulche; maqaan haadha isaa Yeho'aadaan; isiin nama qachaa Yerusaalemii ti. 2Inni Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje; te'uu malee gadhaa tokkochaanii moti. 3Amaasiyaan mootummaa ifii jabeeffateen duuba, qondaaltota ifii ta abbaa isaa mooticha ijjeette san ijjeese. 4Te'uu malee kitaaba seera Muuse'ee keessatti, Mootiin Waan Maraa, «Nami martinuu cubbuu ifiitiif ijjeefamuu malee, abbootiin cubbuu ijoolle'eetiif, ijoolleen cubbuu abbooti'iitiif hin ijjeefamin» jedhee akkuma ajaje, ilmaan worra abbaa isaa ijjeese sanii hin ijjeenne.

5Amaasiyaan kolbaa Yihuda'aa wolitti qabee, akka maatii maatii isaaniititti gosa Yihuda'aatii fi gosa Beniyaaminiitiif ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa file; achiin duuba worra woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaan ol te'ane wolitti qabee, worra wonte'ee fi woraana qabatanee lola dhaquu dande'anu nama kuma dhibba sad dhaggate. 6Itti dabalee biyya Israa'elii keessaa loltoota kuma dhibba tokko meetii gara kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afuriitiin qaxare. 7Nami Waaqaa tokko ammoo gara isaa dhufee, isaan, «Ee mooticha, Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitii fi kolbaa Efreemii woliin waan hin jirreef, loltooti Israa'elii tun si woliin hin duulin! 8Ati gadhaa jabaattee dhaxxee yoo loltelle, Waaqi si qarqaariisaaf, si jissiisaafille hunna waan qabuuf, inni diinota keeti jalatti si hin jissa» jedhe.

9Amaasiyaan, «Loltoota Israa'elii tanaaf meetii gara kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afurii ta baase tana attam godha ree?» jedhee nama Waaqaa san gaafate; nami Waaqaa sun deebisee, «Mootiin Waan Maraa tana caalaa sii kennuu hin dande'a» jedhe. 10Maarre Amaasiyaan loltoota biyya Efreemiitii gara isaa dhufane san gara biyya isaaniititti deebise; isaan namoota Yihuda'aatitti guddoo aaranee gara biyya ifii deebi'ane.

11Achiin duuba Amaasiyaan jajjabaatee loltoota ifii waammatee gara dhooqa sooddaa fudhatee bayee, achitti loltoota Se'iirii kuma kudhan ijjeese. 12Namooti Yihuda'aa namoota dhibii kuma kudhan booji'anee, qaccee rassaa tokkoo gubbaa baasanee, achii irraa gad isaan darbanee marti isaaniituu caccabanee bututane.

13Loltooti Amaasiyaan akka isa woliin hin duulle ifi biraa deebise, qachoota Yihuda'aa Samaariya'aa kaasanee haga Bet-Horooniititti lolanee, namoota kuma sad ijjeesanee meya bacaa booji'ane.

14Amaasiyaan worra Edoomii lolee yennaa deebi'e, waaqota dharaa ka worra Se'iirii fudhatee dhufee, ifiif dhaabbachiifatee, isaanitti waaqonfatee ciincaalle dhikeesseef. 15Mootiin Waan Maraa Amaasiya'atti guddoo waan aareef, Waaqi raagicha isatti ergee, «Waaqota dharaa ka kolbaa ifiituu harka keeti jalaa baasuu hin dandeenne, waaqota kolbaa ormaa maaniif qarqaarsa gaafatta?» jedhe. 16Adoo inni dubbatiisatti jiruu, Amaasiyaan mootichi isaan, «Nuuti gorsaa mootichaa si godhanneerraa? Cadhisi! Ati maaf du'a feeta?» jedhe.

Raagichille cadhise; te'uu malee, «Ati tana hujjee, gorsa kiyya dhage'uu waan diddeef, Waaqi si balleessiisaaf akka murteesse ani hin beeka» jedhe.

Mootiin Yihuda'aa Amaasiyaan Israa'el Lole

17Achiin duuba mootiin Yihuda'aa Amaasiyaan gorsitoota ifii woliin mari'ateen duuba, gara Yeho'aashii mootii Israa'elii, ilma Yeho'aazii, ka akaakoo Yehu'uutitti nama ergee, «Koottu me, wol ilaallaa!» jedhee lolaaf waammate. 18Mootiin Israa'elii Yeho'aash ammoo, mootii Yihuda'aa Amaasiya'aaf deebisee, «Qoreen Libaanon keessaa takka, muka hindheensaa ka Libaanon keessaatitti ergitee, ‹Intala teeti ilma kiyya heerumsiisi!› jetteen. Bineensi Libaanonii ka karaa san dabarulle qoree san irra sirbe. 19Ati, ‹Ani worra Edoomii injifadheera› jettee koortee, ifi jajjeerta. Amma ammoo manuma keeti tee'i. Ati jiddee, Yihudaalle si woliin akka jiddu maaniif rakkinna ifi irratti kakkaasiisaaf barbaadda?» jedhe. 20Amaasiya'aa fi namooti isaa waaqota dharaa ka worra Edoomii waan waaqonfataneef, Waaqi harka diinota isaaniititti dabarsee isaan kenniisa waan barbaadeef, Amaasiyaan gorsa hin caqanne. 21Maarre mootiin Israa'elii Yeho'aash ol bayee, innii fi mootiin Yihuda'aa Amaasiyaan biyya Yihuda'aa keessatti qachaa Bet-Shemeshiititti wol lolane. 22Loltooti Yihuda'aa loltoota Israa'eliitiin injifatamanee, tokko tokkoon isaanii gara mana mana ifii baqatane. 23Mootiin Israa'elii Yeho'aash mootii Yihuda'aa akaakoo Yeho'ahaazii ilma Yo'aasii Amaasiyaa Bet-Shemeshitti booji'ee gara Yerusaalemii geessee, dalleya dhaka'aa ka Yerusaalemii karra Efreemiitii kaasee haga karra roga dalleyaa ka dheerinni isaa gara ciqilee dhibba afurii diige. 24Inni worqi'ii fi meetii mara, meya Galma Mootii Waan Maraa keessa jiru ka Obed-Edoom eegu maraa fi karra mana mootumma'aa keessa jirtu, namoota booji'amanelle qabatee, gara qachaa Samaariya'aa deebi'e. 25Ilmi Yeho'ahaazii mootichi Israa'elii Yeho'aash du'een duuba, ilmi Yo'aasii mootichi Yihuda'aa Amaasiyaan woggaa kudhanii shan le'e. 26Wonni dhibiin ta mootichi Amaasiyaan huje, jalqabaa kaasee haga dhumaatitti kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aatii fi Israa'elii keessatti barreeffanteerti. 27Amaasiyaan Mootii Waan Maraa hordofatiisa haga lakkisee jalqabanee, isa ijjeesiisaaf Yerusaalem keessatti mala waan isatti dhowaneef, inni gara qachaa Laakiishii duraa baqate; isaan ammoo namoota isa gula erganee, achumatti isa ijjeesisane. 28Reeffa isaa fardaan fidanee, qachaa Yerusaalemii keessatti abbootii isaa ta durii biratti awwaalane.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The Reign of Amaziah

  • When King Amaziah executed the officials who had murdered his father, he spared their sons, citing the Law of Moses where each person must die only for their own sin rather than the sins of their parents.Sources: the Bible text itself · Amaziah
  • Amaziah was the first king of Judah recorded as hiring a mercenary force of 100,000 northern Israelite soldiers. When a prophet commanded him to send them away, the dismissed troops reacted furiously by raiding cities of Judah from Samaria to Beth-horon.Sources: the Bible text itself · Amaziah · Beth-horon
  • After defeating the Edomites in the Valley of Salt, Amaziah challenged King Jehoash of Israel, who warned him through a fable of a thistle demanding an alliance with a cedar of Lebanon before being trampled by a wild beast.Sources: the Bible text itself · Joash · Valley of Salt

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 1, 23, 27
  • Beth-horon · Today: Beit Ur al Tahta · 31.895, 35.084 · verse 13
  • Samaria · 32.276, 35.195 · verses 13, 24
  • Lebanon · 33.540, 35.584 · verse 18
  • Edom · 30.746, 35.604 · verses 19, 20
  • Corner Gate · Today: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 23
  • Ephraim Gate · Today: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 23
  • Lachish · Today: Tell ed Duweir · 31.565, 34.849 · verse 27
  • City of David · 31.774, 35.236 · verse 28

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.