2 Chronicles 24
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Mootii Yihuda'aa Yo'aas
1Yo'aas yennaa mootii te'e nama woggaa torbaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa afurtama bulche; maqaan haadha isaa Ziibiya'a; isiin nama qachaa Bersheeba'aa ti. 2Haga Hayichi Yoyaadaan lubbu'uun jiru, Yo'aas waan Mootii Waan Maraa gammachiisu huje. 3Yoyaadaan dubartii lama isa fuusisee, isaan ilmaanii fi ijoollee durraa hedduu isaaf horane.
4Yo'aas mootii te'ee yennaa diqqo'oon duuba Galma Mootii Waan Maraa haaressiisaaf murteeffate. 5Inni hayyootaa fi Lewwoota wolitti qabee, isaaniin, «Gara qachaa biyya Yihuda'aa mara dhaqa'aatii, wogguma wogga'aan Galma Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii akka ittiin haareffamuuf, kolbaa Israa'elii mara irraa beesee guura'a! Kana ammuma dafa'aa godha'a» jedhe; Lewwooti ammoo waan inni jedhe kana dafanee hin goone. 6Maarre mootichi Yo'aas sooressa hayyootaa Yoyaadaa waamee, «Ati gibira tajaajilaan Mootii Waan Maraa Muuseen gumii Israa'elii worra Yihuda'aa fi Yerusaalem keessa le'anu irraa qarqaarsa Dunkaanii Woyyitti'iitiif ajaje, Lewwooti akka guuranu maaniif hin ilaalin?» jedhee isa gaafate. 7Ilmaan Ataaliyaa dubartii hantuu sanii Galma Mootii Waan Maraa diiganee, meya woyyicha mara tajaajila waaqa dharaa Ba'aaliitiif itti fayyadamaneeran.
8Mootichi akka Lewwooti saanduqa beesee itti guuranu hujanee, gara alaatiin karra Galma Mootii Waan Maraa dura keyanu ajaje. 9Achiin duuba Lewwooti gibira Muuseen tajaajilaan Waaqaa goomolee keessatti ajaje, Mootii Waan Maraatiif akka guuranu kolbaa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii mara keessatti lassane. 10Qondaaltotii fi kolbaan marti gammadanee, haga saanduqa guuttutti beesee guurane. 11Lewwooti saanduqa san gara qondaaltota mootichaa worra itti gaafatantoota beese'ee yennaa geessanu, isaan akka beeseen guutteertu yennaa dhagganu, barreessaan mootichaatii fi sooressi hayyootaa dhufanee beesee keessaa baasanee saanduqa adde'etti deebisan; guyyuma guyya'aan akkana adoo godhanuu beesee bacaa guurane.
12Mootichi Yo'aasii fi hayyichi Yoyaadaan beesee san itti gaafatantoota Galma Mootii Waan Maraatitti kennanee, isaanille Galma Mootii Waan Maraa haaressiisaaf, worra dhakaa bocuu fi worra hujii mukaa beeku, worra hujii sibiilaa beeku ittiin qaxarane. 13Hojjattooti sun marti jabaatanee hujanee, Galma Waaqaa san akka duri jirutti haaressanee jabeessanee ijaarane. 14Hujii haaressiisaa fixaneen duuba beesee irraa hatte fidanee mootichaa fi Yoyaada'atti kennane; isaan meya Galma Waaqaa keessa ittiin tajaajilanu, meya ciincaa itti dhikeessanu, qorii boollittii, meya worqi'ii fi meetii irraa hujamu ka adda addaa hujisiisane; haga Yoyaadaan lubbu'uun jiru mara Galma Mootii Waan Maraa keessatti ciincaan yennaa mara dhikeeffamaa ture. 15Yoyaadaan guddoo dulloomee woggaa dhibba tokkoo fi soddomatti du'e. 16Inni kolbaa Israa'eliitiif, Galma Waaqaatii fi Waaqaafille waan dansaa waan hujeef, qachaa Daawitii keessatti addee awwaala moototaatitti isa awwaalane.
Hammeenna Yo'aasii
17Yoyaadaan du'een duuba qondaaltoti Yihuda'aa dhufanee mootichaaf sagadane; innille yaada isaanii fudhate. 18Isaanille Galma Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii lakkisanee, utubaa fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu tajaajilane; yakkaa isaanii tanaaf mufiin Waaqaa kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemii irratti dhutte. 19Mootiin Waan Maraa akka isaan gara isaa deebi'anuuf raagota isaanitti erge; raagoti sun isaan ifi eeggachiisanulle isaan ammoo isaaniif hin dhageenne. 20Achiin duuba Ayyaanni Waaqaa gara Zakaariyaasii ilma Yoyaadaa hayyichaa dhufee, inni lafa tullittii irra kolbaa dura dhaabbatee, «Waaqi, ‹Isin maaniif ajaja Mootii Waan Maraa irra dabartan? Isiniif hin milkoottu; isin Mootii Waan Maraa waan lakkittaneef innille isin lakkiseera› jedha» jedhe. 21Isaan ammoo mala isatti dhowanee, ajaja mootichaatiin badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhaka'aan tumanee ijjeesane. 22Mootichi Yo'aas waan dansaa abbaan Zakaariyaasii Yoyaadaan isaaf godhe dedhee, ilma isaa Zakaariyaas ijjeesise; Zakaariyaas du'iisatti jiruun, «Mootiin Waan Maraa hujii teeti ilaalee, akka hujii teetii sii kennuu ti!» jedhe. 23Dhuma woggaa saniititti loltooti sooriya'aa Yo'aasitti duulane. Isaan Yihuda'aa fi Yerusaalem qabatanee qondaaltota kolbaa oddu'uu ijjeesanee, waan achi keessaa saamane mara gara mootii ifii ka Damaasqoo keessa jiruu ergane. 24Loltooti Sooriya'aa diqqoo te'anulle, Mootiin Waan Maraa loltoota bacaa harka isaaniititti dabarsee kenne. Kolbaan Yihuda'aa Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii waan lakkisaneef, muraan Yo'aas irratti muummotte. 25Worri sooriya'aa yennaa achii bayanu akka malee Yo'aas madeessanee gatanee biraa deemane; inni ilma Yoyaadaa hayyichaa waan ijjeesiseef, qondaaltoti isaatuu mala isatti dhowanee, taqee isaa irratti isa ijjeesane. Maarre inni du'ee qachaa Daawitii keessatti awwaalame; te'uu malee addee awwaala moototaatitti isa hin awwaalle. 26Worri isa irratti mala dhowane, ilma dubartittiin biyya Amoonii Shiimaat deette Zaabaadii fi ilma dubartittiin biyya Mo'aabii Shiimriit deette Yohozaabaad. 27Dabarsiin ilmaan isaa, jechi isa irratti raagaan dubbatame, Galma Waaqaa haaressiis isaa, kitaaba dabarsii moototaa keessatti barreeffameera. Ilmi isaa Amaasiyaas addee isaatitti mootii te'e.
Did you know?
The Reign of Joash and the Restoration of the Temple
- To fund the restoration of the neglected temple, King Joash placed a collection chest at the temple gate and revived the levy associated with Moses in the wilderness. The people gave enthusiastically, allowing supervisors to hire masons, carpenters, and metalworkers to repair structural damage caused during the rule of Athaliah.Sources: the Bible text itself · Athaliah
- The high priest Jehoiada lived to the age of 130 and received the extraordinary honor of being buried in the City of David alongside the kings of Judah. This royal burial acknowledged his decisive role in preserving the Davidic line and reforming the worship of the nation.Sources: the Bible text itself · Jehoiada
- Following Jehoiada's death, Joash abandoned the temple worship and had Jehoiada's son Zechariah stoned in the temple courtyard for rebuking the kingdom. In contrast to Jehoiada, when Joash was later assassinated by his own officials after an Aramean invasion, he was denied burial in the royal tombs.Sources: the Bible text itself · Zacharias · Zabad
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 1, 6, 9, 18, 23
- City of David · 31.774, 35.236 · verses 16, 25
- Damascus · 33.511, 36.306 · verse 23
- Syria · Today: Aram · 33.511, 36.306 · verses 23, 24
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org