2 Chronicles 11
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Raaga Shemaa'iyaa
1Rehobiyaam gara Yerusaalemii yennaa dhufe, Israa'eloota lolanee gara mootummaa isaa akka deebisanuuf, gosa Yihuda'aatii fi gosa Beniyaaminii keessaa loltoota beekkamane kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettama wolitti qabate. 2Jechi Mootii Waan Maraa ammoo gara Shemaa'iyaa raagichaa dhufee, 3«Mooticha Yihuda'aa ilma Solomoonii Rehobiyaamii fi kolbaa gosa Yihuda'aatii fi Beniyaaminii maraan, 4‹Mootiin Waan Maraa: wonni te'e kun fedhii tiyya waan teeteef, obboleeyyan teessan loliisaaf ol hin bayina'a. Tokko tokkoon keessan gara mana keessanii deema'a! jedha› jedhiin» jedhe. Maarre isaan jecha Mootii Waan Maraatiif ajajamanee, Yerobi'aamitti duuliisa lakkisanee deebia'anee galane.
Rehobiyaam Qachoota Dalleya Dhaka'aa qabanu Ijaare
5Rehobiyaam Yerusaalem keessa tee'ee, diinota ifi irraa dhooggatiisaaf biyya Yihuda'aa keessatti qachoota dalleya dhaka'aa qabanu ijaarsise. 6Qachooti inni ijaarsise sun Betlihem, Etaam, Teqo'aa, 7Bet-Zuur, Sokoo, Adulaam, 8Gaat, Maareshaa, Ziif, 9Adoraayim, Laakiishi, Aazeqaa, 10Zoraa, Ayalonii fi Kebroon. Qachooti dalleya dhaka'aa qabanu sun marti biyya Yihuda'aatii fi biyya Beniyaaminii keessatti ijaaramane. 11Rehobiyaam dalleya dhaka'aa itti ijaarsisee, ajajjoota duulaa itti godhee, sagalee, Zayitii ejersaatii fi daadhii woyni'ii, achi keessatti tuulchise. 12Inni wonte'ee fi eboo hedduulle qachoota san keessatti tuulchisee, akka isaan guddoo jabaatanu godhe. Maarre inni akkanaan biyya Yihuda'aatii fi biyya Beniyaaminii toowannaa ifii jala galfate.
13Hayyootii fi Lewwooti kutaa biyya Israa'elii ta kaabaa mara keessa jiranu gara Rehobiyaamii dhufane. 14Lewwooti hayyoota te'anee Mootii Waan Maraa akka hin tajaajille, Yerobi'aamii fi ilmaan isaa waan isaan dhoogganeef, addee horii ifii itti tiffatanuu fi qabeenna ifii lakkisanee gara Yihuda'aatii fi gara Yerusaalemii dhufane. 15Yerobi'aam fakkii waaqota dharaa ta korbeeyyii re'ootaatii fi jiboota jabbile'ee hujee, addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa irra dhaabee, hayyoota ifii ta achi tajaajilanu filate. 16Gosa Israa'elii mara keessaa worri gadhaa ifii tokkochaan Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii Israa'elii hordofuu barbaadu marti ciincaa ifii dhikeessiisaaf, Lewwoota hordofanee gara Yerusaalemii dhufane. 17Isaan karaa Daawitii mootichaatii fi Solomoonii mootichaa hordofanee, woggaa sadiif mootummaa Yihuda'aa jabeessanee, ilma Solomoonii Rehobiyaam qarqaarane.
Maatii Rehobiyaamii
18Rehobiyaamiin kun intala Yeremootii ilma Daawitii Mahalaat fuudhe; haati isi'ii Abiihaayil intala Eliiyaabii ilma Iseyii ti. 19Isiin ilmaan sad Ye'ush, Shemaariya'aa fi Zahaam isaaf deette. 20Achiin duuba inni intala Abiishaalomii Ma'akaa fuudhe; isiin ilmaan afur Abiiyaa, Aataayi, Ziizaa fi Shelomiit isaaf deette. 21Rehobiyaam niitolee ifiitii fi gursumeeyyii ifii mara caalaa, intala Abiishaalomii Ma'akaa jaalate; inni wolumatti niitolee kudhanii saddeetii fi gursumeeyyii jaatama, ilmaan diddamii saddeeti, ijoollee durraa jaatama qabaayyu. 22Inni ilma ifii Abiiyaa ka Ma'akaa irraa uumate mootii godhiisa waan fedheef, ijoollee ifii ta dhibii mara irratti sooressa akka te'u isa file. 23Rehobiyaam qarummaa ifiitiin ilmaan ifii garii kutaa biyya Yihuda'aa, taan kutaa biyya Beniyaaminii keessaa fi qachaa dalleya dhaka'aatiin ijaarame keessa babadhatanee akka le'anu godhe; inni sagalee bacaa isaaniif kennee, niitolee hedduulle isaan fuusise.

Did you know?
Rehoboam Fortifies Judah
- After being warned by the prophet Shemaiah not to wage civil war against the northern tribes, Rehoboam fortified fifteen key cities across Judah and Benjamin—such as Bethlehem, Hebron, and Lachish—stocking them with officers, shields, spears, and supplies of food, oil, and wine.Sources: the Bible text itself · Shemaiah · Bethlehem
- When Jeroboam rejected the Levites and appointed his own priesthood for the calf and goat idols in the north, priests and Levites abandoned their common lands and migrated south to Jerusalem, followed by faithful worshippers from every tribe of Israel.Sources: the Bible text itself · Jeroboam
- Rehoboam favored his wife Maacah, a descendant of Absalom, and designated her son Abijah as chief prince and heir to the throne, while stationing his other sons throughout the fortified cities with abundant provisions.Sources: the Bible text itself · Maachah · Abijah
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 1, 5, 14, 16
- Bethlehem · 31.704, 35.208 · verse 6
- Tekoa · Today: Khirbet Teku’a · 31.632, 35.210 · verse 6
- Socoh · Today: Tel Socho · 31.682, 34.975 · verse 7
- Mareshah · Today: Tel Maresha · 31.593, 34.898 · verse 8
- Lachish · Today: Tell ed Duweir · 31.565, 34.849 · verse 9
- Hebron · Today: Tel Rumeida · 31.525, 35.102 · verse 10
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org