2 Chronicles 10
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Gosi Israa'elii Ta Kaabaa Rehobiyaam Finqilte
1Israa'elooti marti mootii isa godhatiisaaf Sheekem waan dhaqaneef, Rehobiyaamille achi dhaqe. 2Ilmi Nebaatii Yerobi'aam, ka Solomoon duraa gara biyya Gibxi'ii baqateeru, oduu tana yennaa dhage'e, deebi'ee dhufe. 3Maarre kolbaan Israa'elii ta gara kaabaa, isa waansitte; innii fi wolde'i Israa'elii marti, gara Rehobiyaamii dhaqanee, 4«Abbaan keeti Solomoon waanjoo ulfaattuu nutti fe'eera. Ati ammoo amma hujii ulfaattu'uu fi waanjoo ulfaattuu abbaan keeti nutti fe'e, yoo nuu sallitte, nuutille si'iif hin ajajanna» jedhane.
5Rehobiyaam deebisee, «Amma deema'aatii, guyyaa sadiin duuba deebi'a'aa kowa'a» jedheen. Maarre kolbaan sun deebitee galte.
6Achiin duuba Rehobiyaamiin mootichi, jaarsolee dur abbaa isaa Solomooniif gorsa kennitu wolitti qabee, «Kolbaa tanaaf deebii attamii akka kennu natti gorsitan?» jedhee gaafate.
7Isaan deebisanee, «Ati kolbaa tanaaf gadhaa laattee, isaan gammachiittee deebii dansaa yoo isaaniif deebitte, isaan yennaa mara si hin tajaajilan» jedhane. 8Rehobiyaam ammoo gorsa jaarsole'ee tuffatee, dargaggoota isa woliin guddatte, ta isa gorsitu woliin mari'ate. 9Inni, «Kolbaa, ‹Waanjoo abbaan keeti nutti fe'e, nutti sallisi!› jettu tanaaf deebii attamii kennina? Gorsa attamii naa kennitan?» jedhee isaan gaafate.
10Isaan deebisanee, «Kolbaa ‹Abbaan keeti waanjoo ulfaattuu nutti fe'eera; ati ammoo nutti sallisi!› jettu tanaan, ‹Qubi kiyya maandhich, hidha abbaa kiyyaa caala furdata. 11Abbaan kiyya waanjoo ulfaattuu isinitti fe'eera; ani ammoo ta san caaltu isinitti hin fe'a; abbaan kiyya liche'een isin dhaane; ani ammoo lichee qaccee irraa akka makkaa qara qadduun isin hin dhaana› jedhiin» jedhane.
12Akkuma mootichi, «Guyyaa sadiin duuba deebi'aatii, kowa'a» jedhe, Yerobi'aamii fi kolbaan martinuu deebi'anee, gara Rehobiyaamii dhufane. 13Rehobiyaamiin mootichi gorsa jaarsoleen isaaf kennite tuffatee, xixxa'aan deebii isaaniif kenne. 14Inni gorsa dargaggootaa fudhatee, «Abbaan kiyya waanjoo ulfaattuu isinitti fe'e; ani ammoo ta san caaltu isinitti hin fe'a; abbaan kiyya liche'een isin dhaane; ani ammoo lichee qaccee irraa akka makkaa qara qadduun isin hin dhaana» jedheen. 15Maarre wonni kun Waaqa irraa waan teeteef, mootichi dubbii kolba'aa hin dhageenne; wonni Waaqi karaa Ahiiyaa nama biyya Shiiloniitiin, ilma Nebaatii Yerobi'aamitti dubbate tanaan muummotte.
16Mootichi akka isaaniif dhage'uu dide Israa'elooti yennaa dhaggane,
«Nuuti Daawiti woliin
qooda maan qanna?
Maatii abbaa isaa Iseyii biraa
dhaala maan qanna?
Ee Israa'el gara dunkaanii teessanii deebi'a'a!
Ee sanyii Daawitii
mana keetiif yaad» jedhanee,
mootichaaf deebii kennane.
Maarre isaan marti gara dunkaanii ifii deebi'ane. 17Rehobiyaam ammoo Israa'eloota biyya Yihuda'aa keessa le'anu qofa irratti mootii te'e.
18Achiin duuba Rehobiyaamiin mootichi, itti gaafatamaa namoota hunnaan hujii hunnaa hujanuu Adoraam gara Israa'elootaa erge; isaan ammoo dhaka'aan tumanee isa ijjeesane. Rehobiyaamiin mootichi ammoo ariiti'iin garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra tee'ee, gara Yerusaalemii duraa baqate. 19Maarre kolbaan Israa'elii ta gara kaabaa, haga adhaa namoota sanyii Daawitii irratti finqila kaasanee hafane.

Did you know?
The Division of the Kingdom
- Rehoboam traveled to Shechem to be confirmed as king, where the assembly demanded relief from the heavy forced labor and taxation imposed under Solomon. Jeroboam, a former supervisor of forced labor who had fled to Egypt, returned to represent the people's appeal.Sources: the Bible text itself · Rehoboam · Jeroboam
- Rehoboam rejected the counsel of his father's veteran elders to speak kindly to the people, choosing instead the harsh answer suggested by the young men who grew up with him. The biblical narrative notes that this turn of events fulfilled the prophecy delivered by Ahijah the Shilonite.Sources: the Bible text itself · Ahijah
- When the northern tribes revolted from the house of David, Rehoboam sent Hadoram, his superintendent over forced labor, to address them. The Israelites stoned Hadoram to death, forcing Rehoboam to flee in his chariot to Jerusalem.Sources: the Bible text itself · Adoniram
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Shechem · Today: Tell Balatah · 32.214, 35.282 · verse 1
- Egypt · 30.129, 31.308 · verse 2
- Shiloh · Today: Khirbet Seilun · 32.056, 35.290 · verse 15
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 18
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org