Nations Bible

1 Peter 5

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Gorsa Worra Kolbaa Waaqaa Bulchuuf Kenname

1Ani akkuma isaanii jaarsi wolde'a Kiristaanaa, dhugaa bayaan rakkinna Kiristoosii, akkasuma ulfinna Kiristoosii ka mudhatu'uu jiru ka qoodamu, jaarsolee wolde'a kiristaanaa ta wodhakkaa teessan jirtu gorsa. 2Hoolee Waaqaa ta Waaqi akka tissitanuuf isinitti kenne hunnaan adoo hin te'in akka Waaqi barbaadutti, fedhii teessaniin tissa'a; bu'aa nama irraa dhaggatiisaaf joljoliisaan adoo hin te'in, halchaa tajaajiliisaaf qaddanuun te'uu ti. 3Akkasuma hoolee saniif fakkeenna te'iisaan malee, hoolee tika keessan jala jirtu irratti goottomiisaan hin te'in. 4Yennaa tisseen guddaan mudhatu, kallacha ulfinnaa ka ijjumaa hin banne hin fudhattan.

5Akkasuma isin dargaggooti jaarsole'eef ajajama'a. Isin martinuu ifi gad qabiisa akka woya'aa uffadha'aatii wol tajaajila'a. Barreeffam Woyyichi, «Waaqi worra kooru hin morma; worra gad ifi qabuuf ammoo badhaadha hin kenna» jedha. 6Maarre Waaqi yennaa ifii murteessetti akka isin ol qabu, harka Waaqa hunnaamessaa jalatti ifi gad qaba'a. 7Waan Waaqi isiniif yaaduuf, waan isin yaachisu duudii isa irratti gata'a.

8Gumeeffadha'a; dammaqa'a! Diinni keessan Seexanni, akka neenqa waan liqinsu barbaadee dhangaa dhowuu, adaala keessan garmaama. 9Obboleeyyan teessan ta biyya lafaa duudii keessa jirtu, rakkoo akkasii akka fudhatu beeka'aatii, dhugeeffanna'atti jabaadha'aatii Seexana morma'a. 10Yennaa diqqoo rakkattaneen duuba ammoo, Waaqi abbaan badhaadha duudi'ii, ka karaa Kiristoosiitiin ulfinna isaa ka bara baraa akka qoodantanuuf isin waame, inninuu akka duriititti isin deebisee, isin utubee, isin jabeessee hin hundeessa. 11Hunni bara baraa haga bara baraa isaaf teetu! Ameen.

Nageya Muumme'ee

12Ani karaa Silwaanosii akka dhugeeffataa addatama'aatitti laakkowuutiin ergaa gabaadduu tana isiniif barreesseera; ani isin gorsiisaa fi kun badhaadha Waaqaa dhugicha akka te'e dhugaa bayiisaaf jedhee barreesse. Badhaadha Waaqaa kanatti jabaadha'aa dhaabbadha'a.

13Wolde'i kiristaanaa ka biyya Baabilonii keessa jiru, ka akkuma keessan filame nageya isinii dhaama; ilmi kiyya Maarqoosille nageya isinii dhaama. 14Jaalala kiristaanumma'aatiin wol sunqataa nageya wol fuudha'a.

Nageenni isin worra ka Kiristoosii teetane maraaf te'u.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Shepherding the Flock in Humility

  • The chapter says the brief letter was written through Silvanus, regarded as a faithful brother. Easton's Bible Dictionary (1897) identifies Silvanus with Silas, a prominent member of the Jerusalem church, chosen with Judas Barsabas to accompany Paul and Barnabas back to Antioch as bearers of the council's decree. The same entry says Silas then assisted Paul in Antioch, joined his second missionary journey, and is called Silvanus in Second Corinthians and in the letters to the Thessalonians.Sources: Silas · the Bible text itself
  • Greetings also come from the writer's 'son Mark.' Easton's Bible Dictionary (1897) explains that Mark, a Roman name, gradually replaced the Jewish name John; he was Mary's son, probably born in Jerusalem, and Barnabas's cousin. The dictionary says Peter calls him his son and thinks it probable that Peter converted him, noting that many were gathered praying in his mother's house when Peter was released from prison.Sources: John Mark · the Bible text itself
  • The church in Babylon, 'chosen together with you,' also sends greetings. Easton's Bible Dictionary (1897) explains Babylon as the Greek form of Babel, from Semitic Babilu, 'The Gate of God,' and says that in Assyrian tablets the name means 'the city of the dispersion of the tribes.' It places the city on the Euphrates, about 200 miles above the junction with the Tigris, which flowed through the city and divided it into two almost equal parts.Sources: Babylon · the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Babylon · Today: Rome · 41.892, 12.485 · verse 13

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.