Nations Bible

1 Peter 4

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Akka Fedha Waaqaa Le'uu

1Eega Kiristoos nafa ifiitiin rakkate, isinille akka nama meya woraanaa hidhatee yaada kanaan jabaadha'a; sababille nami nafa ifiitiin rakkatu cubbuu dhiiseera. 2Haganaa achi bara le'ii isaa ta lafa irraa, akka halchaa foonii adoo hin te'in akka fedhii Waaqaa le'uu qaba. 3Tanaan qara barri isin akkuma worri Yihudoota hin te'in huju: baalagumma'aan, halchaa baddu'uun, machi'iin, akka malee nyaataa caaqu'uun, akka malee uniisaa fi waaqonfannaa farra teete waaqota dharaa waaqonsu'uun dabarsitane hin geya. 4Amma lansooti teessan ta durii waan isin isaan woliin samaamuruu dhaddaneef maadeffatanee, isin arrassan. 5Isaan ammoo waan godhane kanaaf, Waaqa worra jiruu fi du'etti muriisaaf qophoweef, deebii mataa ifii hin kennan. 6Tanaaf Oduun Gammadaa worra du'anelle'eef lallabante; akka kanaan akkuma nama maratti murante nafa isaaniititti hin muranti; ayyaanaan ammoo akka Waaqi jiraatutti jiraatan.

7Muummeen waan maraa dhikaatteerti; tanaaf akka daadimatiisa dandeettanu, worra ifi qabatuu fi dammaqe te'a'a.

8Jaalalli cubbuu hedduu waan golluuf, waan duudii caalaa gadhaa tokkoon wol jaaladha'a. 9Adoo hin gungumin keessummummaa wol fudhadha'a. 10Akka toowataa addatamaa kennansa Waaqaa ka adda addaa hujii irra oolchu tokkoo, tokko tokkoon keessan kennansa adda addaa ka Waaqa irraa fudhataneen wol tajaajila'a. 11Nami lallabu akka Jecha Waaqaatitti lallabuu ti; ka tajaajilu hunna Waaqi isaaf kenneen tajaajiluu ti; maarre Waaqi waan duudi'iin karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin galateeffama. Isaaf ulfinnii fi hunni baraa haga bara baraatitti te'u! Ameen.

Yennaa Rakko'oo Ossatuu

12Obboleeyyan tiyya! Rakkoon jadduun ta akka ibiddaa guddu haga isin ilaaliisaaf yoo isin dhaqqadde, wonni teetee hin beenne akka isin irra dhaqqaddeetitti hin baaseffatina'a. 13Addee akkasii yennaa Kiristoos ulfinna ifiitiin mudhatu gammadi keessan guddaa akka te'u, rakkoo isaa worra qoodamu waan teetaneef gammada'a. 14Maqaa Kiristoosiitiif yoo arraffantane, Ayyaanni ulfinnaa, Ayyaanni Waaqaa waan isin irratti foorfatuuf isin worra badhaadhe. 15Isin keessaa nami rakkoo fudhatu tokko, nama ijjeesee yookiin hatee yookiin yakkee yookiin waan isa hin galchine keessa galiisaan rakkoo hin fudhatin. 16Kiristaana waan te'eef nami rakkinna fudhatu yoo jiraate, marroo maqaa Kiristoosiitiif Waaqa galateeffatuu ti malee, hin fokkifatin.

17Guyyaan muraan jalqabantu geetteerti; muraan tun worra mana Waaqaa keessa jiru irratti jalqabanti. Eega muraan nu irratti jalqabantu teete, muummeen worra Oduu Gammadaa ta Waaqaatiif hin ajajannee maan te'itti ree? 18Barreeffam Woyyichi,

«Nami balchaanuu eega rakko'oon fayyu teete,

nami Waaqa malee jiraatuu fi

cubbamaan attam te'uu jira ree?» jedha.

19Maarre worri akka fedha Waaqaatitti rakkatu, ifi Abbaa dadaa addatama'atti magannee kennatee, waan dansaa ittuma hujuu ti.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

A fiery trial and a different way of life

  • The chapter says the readers have already spent enough time in the past carrying out the same desires as the Gentiles: debauchery, lust, drunkenness, orgies, carousing, and detestable idolatry. Their remaining time on earth is not to be lived for human passions but for the will of God, and those people find it strange that they will not plunge with them into the same flood of reckless indiscretion and heap abuse on them.Sources: the Bible text itself
  • The chapter tells readers not to be surprised by the fiery trial that has come upon them, as if something strange were happening, but to rejoice that they share in Christ's sufferings. Suffering as a murderer, thief, wrongdoer, or meddler is set apart from suffering as a Christian: in that case they should not be ashamed, but glorify God that they bear that name. Those insulted for the name of Christ are called blessed, because the Spirit of glory and of God rests on them.Sources: the Bible text itself
  • Because the end of all things is near, the chapter urges a clear mind and sobriety so that they can pray, and above all a deep love that covers over a multitude of sins, together with hospitality offered without complaining. Each person is to use whatever gift has been received, as a good steward of God's manifold grace: one who speaks should speak as one conveying the words of God, and one who serves should serve with the strength God provides.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.