1 Corinthians 6
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Wol Himannaa Wolde'a Kiristaanaa Odduu Jiru Balleessuu
1Isin keessaa nami tokko dhugeeffataa dhibi'iin yoo wol dhabe, dubbii san kolbaa Waaqaa duratti ilaaluu irra, attam gara Kora Mura'aa ka worra hin balchoominii dhaqiisaaf gantan ree?
2Kolbaan Waaqaa biyya lafaa irratti akka muru'uu jirtu hin beettanuu? Maarre, biyya lafaa irratti ka murtanu yoo teetane, waan diqqoo akkanaatitti attam muruu dadhaddan? 3Nuuti ergantoota Waaqaa irratti akka murru hin beettanuu? Irra caalaa waan biyya lafaatitti attam amma muruu dhanna ree? 4Eegasuu yoo wol dhaddane dubbii teessan worri wolde'a kiristaanaa keessatti hin barbaachinne akka isinii muru attam itti geeffattan ree? 5Akka isin fokkifattanuuf ani tana jedhaara. Nami qaroon wol dhaba obboleeyyaniititti muru wodhakkaa teessan hin jiruu? 6Isin keessaa ammoo dhugeeffataan tokko ka dhibi'iin wol dhabee gara Kora Mura'aa ka worra hin dhugeeffatinii geessuu qabaa?
7Isin wol himattanee falmatiisinuu jigiisa keessan mudhitti. Addee san adoo isin yakkantanee hin woyyuu? Akkasuma adoo saamantanee woyyaa motii? 8Isin ammoo kiristaana obboleeyyan teessanuuyyuu yakkitanee saamaartan. 9Jallaameyyiin Mootummaa Waaqaa akka hin dhaalle hin beettanuu? Hin sobamina'a! Sagaagaltooti yookiin worri waaqota dharaa waaqonsu, yookiin gaarayyeffattooti, yookiin dhiirti dhiira bukkoonsitu, 10yookiin hattooti yookiin joljoltooti, yookiin ka machowu yookiin worri maqaa namaa balleessu, yookiin worri saamu Mootummaa Waaqaa hin dhaalu. 11Isin keessaa gariin worra akkanaa turtane. Isin ammoo maqaa Goottaa Yesuus Kiristoosiitii fi Ayyaana Waaqa keennaatiin cubbuu dhiqattanee, kolbaa Waaqaa teetanee balchoontaneertan.
Nafa Ifii Ulfinna Waaqaatiif Oolchuu
12Nami tokko «Wonni marti naaf eeyyatanteerti» jedhuu dande'a. Wonni marti ammoo bu'aa qaddi jechu'uu moti. Wonni marti naa eeyyatanteerti, teetuu malee waan maraaf garba te'ee hin bitamu. 13Nami dhibiin, «Sagaleen gadha'aaf, gadhaalle sagale'eef» jedhuu dande'a. Waaqi ammoo waan kana lamaanuu hin balleessa. Nafi keenna Goottaa tajaajilu'uuf, Goottaalle nafa kunuunsu'uuf malee, nafa sagaagalaaf itti fayyadamuu hin qannu. 14Waaqi Goottaa du'aa kaaseera; innille hunna ifiitiin du'aa nu hin kaasa.
15Nafi keessan mitikaa nafa Kiristoosii akka te'e hin beettanuu? Maarre ani mitikaa nafa Kiristoosii fuudhee mitikaa sagaagaltu'uu godhuu qabaa? Ijjumaa te'uu hin qabu! 16Nami dubartii sagaagaltitti'iin wolitti maxxane nafi isaa ka isi'iitiin tokko akka te'e hin beettanuu? Barreeffam Woyyichi, «Isaan lamaanuu foon tokkocha te'an» jedha. 17Nami Gootta'atti ifi maxxanse ayyaanaan isa woliin tokko te'a.
18Sagaagalummaa irraa fagaadha'a. Cubbuun dhibiin nami huju nafa namaa hin tuxxu; nami sagaagalu ammoo nafa ifii irratti cubbuu huja. 19Nafi keessan galma Ayyaana Woyyicha Waaqi isiniif kennee, ka isin keessa jiraatuu akka te'e hin beettanuu? Yoona isin ka Waaqaa ti malee ka mataa keessaniitii moti. 20Waaqi gati'iin isin bitate. Maarre nafa keessaniin Waaqa ulfeessa'a.

Did you know?
Lawsuits, the Kingdom, and the Body
- The chapter challenges believers who take a grievance against another to law before the unrighteous instead of before the saints. It argues that people who will judge the world, and even angels, should be able to judge trivial everyday cases, and it treats a lawsuit between brothers—especially before unbelievers—as a defeat already suffered.Sources: the Bible text itself
- It warns that the wicked will not inherit the kingdom of God, naming the sexually immoral, idolaters, adulterers, men who submit to or perform homosexual acts, thieves, the greedy, drunkards, verbal abusers, and swindlers. It then says that some of the readers once were such people, but were washed, sanctified, and justified in the name of the Lord Jesus Christ and by the Spirit of our God.Sources: the Bible text itself
- Quoted claims—“Everything is permissible for me” and “Food for the stomach and the stomach for food”—are answered with limits: not everything is beneficial, and the body is for the Lord, not for sexual immorality. Uniting with a prostitute is said to make two people one flesh, while uniting with the Lord is one spirit with him; the body is called a temple of the Holy Spirit, and the readers are told they were bought at a price.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org