1 Corinthians 5
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Sagaagalummaa Wolde'a Kiristaanaa Keessatti Te'e
1Amma, sagaagalummaan worra Waaqa malee le'u oddu'uttuu hin godhamin, odduu teessanitti akka jirtu odeeffamaara. Nami niitii abbaa ifii haadiqqoo ifii akka niiti'ii godhateeru jira. 2Maarre, wonni fokkoo akkanaa odduu teessan jirtuun hin gadditan malee, attam koortan? Nama akkasii odduu teessaniin baasa'a. 3Ani nafa kiyyaan isin bira jiraadhuu dhabulle, ayyaanaan haga ammaa isin bira jira; akka isin bira jiruutitti te'ee nama waan farra akkasii huje irratti maqaa Goottaa Yesuusiitiin ani itti mureera. 4Yennaa isin maqaa Goottaa Yesuusiitiin wolitti dachaatanu anille hunna Goottaa Yesuusiitiin ayyaanaan odduu teessan waan jiruuf, 5nafi namicha kanaa akka baduuf harka Seexanaatitti dabarsa'a isa kenna'a; guyyaa Goottaan Yesuus dhufu lubbuun nama kanaa akka fayyituuf tana gootan.
6Tanaaf ifi jajuun keessan dansa'aa moti. Uukoon diqqoon bukoo guddoo akka bukeessitu hin beettanuu? 7Akkuma amma jirtanutti akka bukoo haareyaa ta uukoo ifi keessaa hin qannee akka teetanu, uukoo dullattii ifi keessaa gata'a. Hooleen Jila Irra Dabarama keennaa Kiristoos woreegameera. 8Tanaaf Jila Irra Dabarama keennaa, uukoo dullattii ta cubbu'uu fi hammeenna qadduun adoo hin te'in, xaltaa qullumma'aatii fi dhuga'aatiin ka uukoo hin qanneen kowa'a ulfeessina.
9Sagaagaltoota woliin tokkummaa hin qabaatina'a jedhee Xalayaa kanaan duraa keessatti ani isiniif barreesseera. 10Akkas jechuun kiyya guutuma guutu'utti worra Waaqa malee le'anu sagaagaltoota, yookiin joljoltoota, yookiin hattoota, yookiin worra waaqota dharaa waaqonsanuun hin lansoomina'a jechu'uu moti. Adoo akkas teetee jiraatte biyya lafaa keessaa bawuu qaddaniiyyu. 11Ani ammoo nama ifiin ani dhugeeffadheera jedhaa sagaagalu, yookiin joljolu, yookiin waaqota dharaa waaqonsu, yookiin maqaa namaa balleessu, yookiin machowu, yookiin hatuun hin lansoomina'a jedhee isinii barreesse. Nama akkanaa wolille'een hin nyaatina'a.
12Worra tokkummaa wolde'a kiristaanaa keessa hin jiretti muriis hujii tiyyaa ree? Worra tokkummaa wolde'a kiristaanaa keessan keessa jirutti isin muruu hin dandeettanuu ree? 13Worra ala jirutti ka muru Waaqa. Barreeffam Woyyichi, «Nama hamaa wodhakkaa teessaniin baasa'a» jedha.

Did you know?
Immorality and Removal from the Community
- This chapter reports sexual immorality of a kind the writer calls intolerable even among pagans: a man has his father’s wife. The community is proud, though the letter says they should rather have been stricken with grief and have removed from their fellowship the man who did this.Sources: the Bible text itself
- Although absent in body, the writer says he is present in spirit and has already pronounced judgment on the man. When they are assembled in the name of our Lord Jesus, with the writer in spirit and with the power of the Lord Jesus, they are to hand the man over to Satan for the destruction of the flesh, so that his spirit may be saved on the Day of the Lord. The name Satan means “adversary” or “accuser,” and in the New Testament it is used interchangeably with the devil more than thirty times.Sources: the Bible text itself · Satan
- The letter warns that a little leaven works through the whole batch of dough, and calls for the old leaven to be removed so that they may be a new unleavened batch. Christ is called “our Passover lamb,” who has been sacrificed, and the feast is to be kept not with the old bread leavened with malice and wickedness, but with the unleavened bread of sincerity and of truth.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org