Nations Bible

1 Chronicles 26

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Eeddota Karra Galma Waaqaa

1Worri karra Galma Waaqaa eeguu ka asii gad jiru: Fira Qoraahotaa, ilmaan Asaafii keessaa tokko Meshelemiyaa ilma Qoree ti.

2Meshelemiyaan ilmaan torba uumate; angafichi Zakaariyaas; lammeessoon Yidiiya'el, sadeessoon Zabaadiyaa, arfeessoon Yatnii'el, 3shaneessoon Elaam, jayeessoon Yihohaanaan, torbeessoon Elyo'enaayi.

4Obed-Edoomille ilmaan uumate: Angafichi Shemaa'iyaa, lammeessoon Yihozaabaad, sadeessoon Yo'aa, arfeessoon Saakaar, shaneessoon Nataani'el, 5jayeessoon Amii'el, torbeessoon Yisaakor, saddeetessoon Phe'ultaayi. Kanaan Waaqi isa eebbise.

6Ilmi angafichi Obed-Edoomii Shemaa'iyaalle ilmaan jaa uumate; isaan dandeettii guddoo waan qabanuuf, sooreyyii maatii abbootii ifii te'ane. 7Ilmaan Shemaa'iyaa: Otnii, Refaa'el, Obed, Elzaabaad, Eliihuu fi Semaakiya'a; obboleeyyan Elzaabaadii Eliihuunii fi Semaakiyaan dhiira gootota te'ane. 8Isaan marti sanyii Obed-Edoomii ti; isaan, ilmaan isaaniitii fi firri isaanii marti worra dandeettii huji'ii qabu; sanyiin isaa wolumatti namoota jaatamii lama. 9Meshelaam ilmaanii fi fira dandeettii qabanu namoota kudhanii saddeeti qabaayyu. 10Sanyii Meraarii keessaa, Hosaah ilmaan afur uumate; isaan keessaa Shiimri sooressa; inni angafa te'uu dhabulle, abbaan isaa akka inni sooressa te'u godhe. 11Lammeessoon Hilqiiyaa, sadeessoon Xabaliyaa, arfeessoon Zakaariyaas; ilmaan Hosaahiitii fi firri isaa wolumatti namoota kudhanii sad.

12Eeddoti karraa tun akkuma Lewwoota dhibii Galma Mootii Waan Maraa keessa hujanuu, sooreyyii ifii jalatti ramadamanee, hujii Galma Mootii Waan Maraa hujiisaaf badoo qabaniiyyu. 13Jaarsa, ijoollee adoo hin jedhin akka maatii abbootii ifiititti, karra tam akka eeganuuf hixaa buufatane. 14Hixaan karra karaa aduun baatuu Shelemiif bu'e. Achiin duuba hixaan karra gara kaabaa ilma isaa ka namatti gorsiisa beeku Zakaariyaasiif, 15hixaan karra kibbaa Obed-Edoomiif, hixaan mana meyaa ilmaan isaatiif, 16hixaan karra gara aduun seentuutii fi karra Sheleketii ta karaa ol bayanu irraa, Shuphiimii fi Hosaahiif bu'e. Eeddotille badoo bado'oon eegane. 17Guyyaa guyya'aan karra karaa aduun baatuu Lewwooti jaa, karra gara kaabaa Lewwooti afur, karra gara kibbaa Lewwooti afur, karra mana meyaa tokko tokko Lewwooti lama lama, 18karaa gara badhinna dalleya keessaa gara aduun seentuu irratti Lewwooti afur, badhinna dalleya keessaa ka karaa aduun seentuu sanille Lewwoota lamatti eegaayyu. 19Sanyii Qoraahiitii fi Meraarii keessaa eeddota karraa worri te'ane isaan kana.

Hujii Galma Waaqaa Ta Dhibii

20Lewwoota dhibii keessaa Akiyaan itti gaafatamaa qabeenna Galma Waaqaatii fi mana meya kennaa Waaqaaf adda baafamee ti. 21Fira Gershoonii, ilmaan La'adaanii keessaa ka maatii La'adaanii irratti sooressa te'e Yehii'el, 22Ilmaan Yehii'elii: Zetaamii fi obboleessi isaa Yo'el itti gaafatantoota qabeenna Galma Waaqaa ti. 23Sanyii Amraamii, sanyii Yizhaarii, sanyii Kebrooniitii fi sanyii Uzii'elii keessaa namooti hujii tanatti hirmaataneeraniiyyu.

24Sanyii Gershoomii ilma Muuse'ee keessaa Shubaa'el, itti gaafatamaa qabeenna Galma Waaqaa te'e. 25Inni karaa obboleessa Gershoomii Elii'ezeriitiin Shelomootiif fira aantii isaa ti; Elii'ezer Rehaabiyaa uumate; Rehaabiyaan Yeshaa'iyaa uumate; Yishaa'iyaan Yoraam uumate; Yoraam Ziikri uumate; Ziikri Shelomoot uumate. 26Shelomootii fi firri isaa meya Daawitiin mootichi, sooreyyiin maati'ii, ajajjooti kumaa, ajajjooti dhibbaatii fi ajajjooti hunna woraanaa dhibiin kennansa Waaqaaf adda baye mara irratti itti gaafatantoota. 27Isaan meya yennaa duulaa saamame irraa, Galma Waaqaa haaressiisaaf adda baasane. 28Meyi tajaajila Galma Waaqaatiif adda baafamee fi kennansi Saamu'eliin mudhii dhagguu fi ilmi Qiishii Saa'ol, ilmi Neerii Abneerii fi Yo'aab ka Zeruyaan deette fa'a fidane, Shelomootii fi fira isaatitti itti gaafatantoota itti te'ane.

Hujii Lewwoota Dhibi'ii

29Sanyii Yizhaarii keessaa Qayinaanii fi ilmaan isaa, hujii Galma Waaqaatiin alaatitti kolbaa Israa'elii irratti qondaaltotaa fi abbootii mura'aa te'ane.

30Sanyii Kebroonii keessaa Hashabiiyaa fi firri isaa namooti kum tokkoo fi dhibbi torbaa, hujii Waaqaatii fi hujii mootichaa ta laga Yordaanosii irraa karaa aduun seentu jirtu irratti itti gaafatamumma'aan ramadamane. 31Akka hidda dhaloota maatii isaaniititti sanyii Kebroonii keessaa, Yeriiyaan sooressa te'e. Daawiti mootii te'ee woggaa afurtameesso'ootitti yennaa galmeen qorqoramee sanyii Kebroonii keessaa loltooti goototi biyya Giil'aadii qachaa Yaazer keessatti dhaggamane. 32Yeriiyaan firoota dandeettii qabanuu fi sooreyyii maati'ii ka te'ane namoota kuma lamaa fi dhibba torba qabaayyu; mootichi Daawiti akka isaan kutaa biyya Ruubenii, kutaa biyya Gaadiitii fi gamisa gosa Minaase'ee keessatti hujii Waaqaatii fi hujii mootichaa hujanu itti gaafatantoota godhe.

Did you know?

Gatekeepers, Treasurers, and Officers

  • Gatekeeping duties at the house of the LORD were assigned by casting lots among families of Korahites and Merarites, regardless of age. Specific stations included the East, North, and South gates, as well as the Shallecheth Gate along the ascending highway.Sources: the Bible text itself · Shallecheth · Meshelemiah · Hosah
  • Dedicated treasuries held vast wealth, including battle plunder consecrated to maintain the house of the LORD. These stores preserved offerings dedicated across generations by figures such as the prophet Samuel, King Saul, Abner, Joab, and King David.Sources: the Bible text itself · Shelomith · David
  • Beyond sanctuary service, thousands of Levites served as magistrates and royal administrators. In David's fortieth year, Hebronite leaders found at Jazer in Gilead were appointed to oversee the tribes east of the Jordan for affairs of God and the king.Sources: the Bible text itself · Gilead · Jazer · Jordan

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • East Gate · Today: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 14
  • North Gate · Today: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 14
  • South Gate · Today: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 15
  • Shallecheth · Today: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 16
  • Parbar · Today: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 18
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 29
  • Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verses 30, 32
  • Gilead · Today: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · verse 31

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.