Nations Bible

1 Chronicles 25

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Faarsitoota Galma Waaqaa

1Daawitiin mootichi ajajjoota loltootaa woliin sanyii Lewwootaa keessaa ilmaan Asaafii, ilmaan Hemaaniitii fi ilmaan Yedutuu keessaa namoota kiraaraan, kiraara guddichaa fi sibiila wolitti dhowamee qoonqoo guddoo dhageessisuun qarqaaramanee waan Waaqi isaanitti mudhisu faaru'uun dhageessisanu filee adda baase. Maqaan namoota hujii tanaaf filamanee asii gad jira:

2Ilmaan Asaafii keessaa: Zaakur, Yoseef, Nataaniya'aa fi Asari'ela'a; isaan harka Asaafii jala jiran; Asaaf harka Daawitii mootichaa jala jira.

3Ilmaan Yedutuu keessaa: Gedaaliyaa, Zerii, Yeshaa'iyaa, Shime'ii, Hashabiiya'aa fi Matiitiya'a; isaan jaan kun harka abbaa ifii Yedutuu jala jiran; abbaan isaanii kiraaraan Mootii Waan Maraa galateeffatiisaan, leellisiisalle'een waan inni isatti mudhise dhageessise.

4Ilmaan Hemaanii keessaa: Bukiiyaa, Mataaniyaa, Uzii'el, Shebu'el, Yeremoot, Hanaaniyaa, Haanaan, Elii'aataa, Gidaalti, Romamtii-Ezer, Yoshbaqaashaa, Malootii, Hotiirii fi Mahaazi'oot. 5Isaan kun marti ilmaan Hemaanii ka mootichaaf mudhii dhagguu ti; Waaqi ulfinna guddaa Hemaaniif kenniisaaf, akkuma waadaa galetti, ilmaan kudhanii afurii fi durra sad isaaf kenne. 6Namooti kun marti akka ajaja abbootii ifiititti Galma Mootii Waan Maraa keessatti sibiila wolitti dhowamee qoonqoo guddoo dhageessisuun, kiraara guddichaa fi maseenqo'oon tajaajilane. Asaaf, Yedutuu fi Hemaan ajaja mootichaa jala jiraniiyyu.

7Fira isaanii woliin namooti meya faaru'uutiin Mootii Waan Maraa faarfatiisa leenji'ane, wolumatti namoota dhibba lamaa fi saddeettamii saddeeti.

8Isaan ramaddii hujii ifii beekiisaaf jaarsa yookiin ijoollee, barsiisaa yookiin barataa adoo hin jedhin, marti isaanii woluma qixxee hixaa buufatane.

9Hixaan qaraa maatii Asaafii keessaa Yoseefiif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, ka lammeesso'oo Gidaaliya'aaf, fira isaatii fi ilmaan isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, 10ka sadeesso'oo Zakuriif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, 11ka arfeesso'oo Izriif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, 12ka shaneesso'oo Nataaniya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, 13ka jayeesso'oo Bukiiya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, 14ka torbeesso'oo Yeshari'ela'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, 15ka saddeetesso'oo Yeshaa'iya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, 16ka sagaleesso'oo Mataniiya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, 17ka kudhaneesso'oo Shime'iif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, 18ka kudhanii tokkeesso'oo Azaari'eliif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, 19ka kudha lammeesso'oo Hashabiiya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, 20ka kudhanii sadeesso'oo Shubaa'eliif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, 21ka kudhanii arfeesso'oo Matiitiya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, 22ka kudhanii shaneesso'oo Yeremootiif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, 23ka kudha jayeesso'oo Hanaaniya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, 24ka kudhanii torbeesso'oo Yoshbaqaasha'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, 25ka kudhanii saddeetesso'oo Hanaaniif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, 26ka kudhanii sagaleesso'oo Malootiif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, 27ka diddameesso'oo Eliyaata'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, 28ka diddamii tokkeesso'oo Hotiiriif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, 29ka diddamii lammeesso'oo Gidaaltiif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, 30ka diddamii sadeesso'oo Mahaazi'ootiif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, 31ka diddamii arfeesso'oo Romamtii-Ezeriif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf bu'e.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Organization of the Temple Musicians

  • The ministry of the Levitical musicians under Asaph, Heman, and Jeduthun is described as prophesying with harps, lyres, and cymbals. This reflects a close biblical association between musical performance, thanksgiving, and prophetic inspiration in Israelite worship.Sources: the Bible text itself · Asaph (Levite) · Heman
  • The musicians were organized into 24 divisions of 12 skilled members each, totaling 288 trained singers and instrumentalists. Their specific duties and order of service were determined by casting lots, treating young and old, teacher and pupil, on equal terms.Sources: the Bible text itself
  • The leaders of these musical families held prominent spiritual roles; Asaph and Heman are identified as seers, and tradition attributes several biblical psalms directly to them or their guilds.Sources: the Bible text itself · Asaph (Levite) · Heman · Jeduthun (Ethan)

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.