1 Chronicles 18
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Daawiti Diina Ifii Injifate
1Achiin duuba mootichi Daawiti worra Filisxeemotaa lolee injifatee, qachaa Gaatiitii fi olloota adaala isaa harka worra Filisxeemotaatii baase. 2Daawiti Mo'aabotalle injifatee, isaan tajaajiltoota isaa te'anee, gibiralle isaaf fidane.
3Daawiti itti dabalee lafa laga Efraaxiisii bira jirtu lolee harkatti galfatiisaaf yennaa dhaqe, mooticha Zoba'aa Hadaad-Ezer haga qachaa Haamaatii dhaqee lole. 4Daawiti garreettaa fardaan harkifamu ka isaa kuma tokko, abbootii fardo'oo ka isaa kuma torbaa fi loltoota isaa ta miilaa kuma diddama booji'e. Inni fardoolee garreettaa harkittu dhibba tokko qofa hamburee, fardoolee hafane kaan mogolee kukkutee naaffise.
5Namooti Sooriya'aa ka Damaasqoo keessa le'anu, mooticha Zoba'aa Hadaad-Ezer qarqaariisaaf yennaa dhufane, Daawiti lolee isaan keessaa namoota kuma diddamii lama ijjeese. 6Achiin duuba inni lafa isaanii keessatti quttuma loltootaa dhaabee, worri Sooriya'aa isaan bulanee gibira isaaf geessane. Mootiin Waan Maraa addee dhaqe maratti injifannoo Daawitiif kenne. 7Daawiti wontee worqi'ii ta qondaaltoti Hadaad-Ezerii qabattu fudhatee, gara Yerusaalemii geesse. 8Inni ammalle qachoota Hadaad-Ezerii ka, «Xibhaatii fi Chuun» jedhamanu keessaa sageettuu bacaa fudhate. Mootichi Solomoon sageettuu saniin waabaa bisaanii, utubootaa fi meya sageettu'uu ka adda addaa huje.
9Mootichi Haamaatii To'i, akka Daawiti loltoota Hadaad-Ezerii mooticha Zoba'aa mara injifate yennaa dhage'e, 10ilma ifii Hadoraam akka dhaqee Daawitii mooticha nageya fuudhee, «Baga gammadde» jedhuuf gara Daawitii mootichaa erge; To'i yennaa hedduu Hadaad-Ezeriin wol loleeraayyu. Hadoraamille kennansa meya adda addaa ka worqii irraa, meeti'ii fi sageettuu irraa hujame isaaf geesse.
11Daawitiin mootichi meya kanalle akkuma yennaa meeti'iitii fi worqii kolbaa Edoomii, kolbaa Mo'aabii, kolbaa Amoonii, kolbaa Filisxeemotaatii fi Amaaleqii booji'ee fudhate godhe, Mootii Waan Maraatiif adda baase.
12Abiishaayiin Zeruyaan deette dhooqa sooddaa keessatti namoota Edoomii kuma kudhanii saddeeti ijjeese. 13Daawiti quttuma loltootaa Edoom keessatti dhaabe; worri Edoomiille martinuu isa gabbarane. Mootiin Waan Maraa lafa Daawiti dhaqe maratti injifannoo isaaf kenne.
Qondaaltota Daawitii
14Daawiti Israa'eloota mara irratti mootii te'ee, kolbaa ifii maraaf muraa haqaa kennee, haqaan bulche. 15Yo'aabiin Zeruyaan deette, ajajaa loltootaa ti; ilmi Ahiiludii Yoshaafaax itti gaafatamaa mana galme'ee ti. 16Ilmi Ahiixubii Zaadoq fi ilmi Abiyaataarii Abiimelek hayyoota te'ane; Shaafshaan ammoo barreessaa mana mootumma'aa te'e. 17Ilmi Yehoyaadaa Benaayaan itti gaafatamaa kutaa loltoota mooticha eeganuu ti; ilmaan Daawitii hujii mootummaa isaa keessatti addee ol-aantuu qabaniiyyu.

Did you know?
David's Conquests and Administration
- The vast quantities of bronze captured from the cities of Hadadezer of Zobah (Tibhath and Cun), along with dedicated gold and silver gifts from King Tou of Hamath, were later used by Solomon to construct the bronze Sea, pillars, and furnishings for the temple in Jerusalem.Sources: the Bible text itself · Solomon · Toi · Hadarezer
- David's military campaigns reached from Philistine cities like Gath in the west to the region near the Euphrates River against Zobah in the north. By stationing garrisons in Damascus and Edom, David secured his rule and made neighboring territories subject to tribute.Sources: the Bible text itself · Gath · Zobah · Damascus
- Key leaders in David's military included his nephews Joab and Abishai, the sons of his sister Zeruiah. Joab served as commander of the host, while Abishai led the decisive victory over the Edomites in the Valley of Salt.Sources: the Bible text itself · Zeruiah · Joab · Abishai
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Moab · Today: Moab 1 · 31.181, 35.701 · verses 2, 11
- Euphrates · Today: Euphrates River · 31.004, 47.442 · verse 3
- Damascus · 33.511, 36.306 · verses 5, 6
- Syria · Today: Aram · 33.511, 36.306 · verses 5, 6
- Zobah · 33.935, 36.151 · verses 5, 9
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 7
- Hamath · Today: Hama · 35.136, 36.750 · verse 9
- Amalek · 30.648, 34.422 · verse 11
- Ammon · 31.955, 35.934 · verse 11
- Edom · 30.746, 35.604 · verses 11, 12, 13
- Philistia · 31.664, 34.546 · verse 11
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org