Nations Bible

1 Chronicles 17

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Gondooroo Mootiin Waan Maraa Daawiti Woliin Godhate

1Daawiti mana mootummaa ifii keessa qubateen duuba, inni raagicha Naataaniin, «Kunoo, ani mana muka hindheensaatiin ijaarame keessa le'a; Saanduqi Gondooro'oo Mootii Waan Maraa ammoo dunkaanii jala jira» jedhe.

2Naataanille deebisee Daawitiin, «Waaqi si woliin waan jiruuf, waan gadhaan keeti yaade mara godhi» jedhe.

3Halkanuma san jechi Mootii Waan Maraa gara Naataanii dhufee, 4«Dhaqiitii tajaajilaa kiyya Daawitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: mana ani keessa le'u ka naaf ijaaru si'ii moti. 5Ani bara Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baaseen jalqabee haga ammaatitti, dunkaanii takkaa irraa gara dunkaanii taaniititti, addee quttumaa takka irraa gara addee quttumaa taanitti deeme malee, mana keessa hin leene. 6Israa'eloota mara woliin lafa dhaqe maratti, abbootii mura'aa ta Israa'elii worra ani kolbaa tiyya akka eeganuuf ajaje keessaa tokkolle'een: muka hindheensaatiin maaf mana naa ijaaruu didde? jedhee beekaa?

7« ‹Tanaaf, amma ati garbicha kiyya Daawitiin: Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade: Ati kolbaa tiyya Israa'el akka bulchituuf, adoo ati hoolee tissituu tika keessaa si fudhadhe. 8Lafa ati dhaxxe maratti si woliin jiraayyu; diinota keeti maralle fuula keeti duraa balleesse. Ammalle akka maqaa namoota gugurdaa biyya lafaa keessaa akka maqaa tokkochaa maqaa keeti hin godha. 9Kolbaa tiyya Israa'eliif addee hin kenna; isaan hin sarbamanu; biyya ifii keessa hin le'an. Haganaa achi namooti hamooleen akka yennaa durii san isaan hin cunqursanu. 10Yennaa ani abbootii mura'aa kolbaa tiyya Israa'eliif kaaseen jalqabanee, ka isaan cunqursane, deebi'ane isaan hin cunqursanu; diinolee teeti mara gad hin deebisa. Mootiin Waan Maraa mootummaa sanyii teetii jabeessee akka dhaabu ani sitti hima. 11Barri keeti geyee duutee, abbootii teeti biratti yennaa awwaalantu, sanyii teeti keessaa ilma keeti tokkocha addee teetitti mootii hin godha; mootummaa isaalle hin jabeessa. 12Inni mana naaf hin ijaara; anille barcumaa mootummaa isaa haga bara baraa hin jabeessa. 13Ani abbaa isaa hin te'a; inni ilma kiyya hin te'a. Mooticha si'iin duraa irraa jaalala kiyya ka bara baraa akka kaase, ilma keeti irraa jaalala kiyya ka bara baraa hin kaasu. 14Inni kolbaa tiyya irratti, mootummaa tiyya irralle'etti bara baraan jabaatee akka dhaabbatu hin godha; barcumaan mootummaa isaalle bara baraan jabaatee hin jiraata› jedhi» jedhe.

15Naataan dubbii mudhi'ii tana mara Daawititti hime.

Daadimata Daawitii

16Achiin duuba Daawitiin mootichi ol seenee Mootii Waan Maraa dura tee'ee, «Ee Mootii Waan Maraa Waaqa, ati as ka na geessitte, anii fi maatiin tiyya eennu? 17Ee Waaqa, tun si duratti akka hin geennee laakkottee, sanyiin tajaajilaa keetii gara duraa maan te'uu akka jirtu dubbatteerta. Ee Mootii Waan Maraa Waaqa, ati akka waan ani nama mara caalaa ulfinna qabuutitti na ilaalteerta. 18Ati ana tajaajilaa keeti hin beetta; marroo ulfinna ati ana tajaajilaa keetiif kenniteef tana caalaa maan jechuu dande'a ree? 19Ee Mootii Waan Maraa, tajaajilaa keetiif jettee akka fedha keetiititti, waan guddoo tana gooteerta; waadaa guddaa kana maralle beessitteerta. 20Ee Mootii Waan Maraa, akkuma nuuti gurra keennaan dhageenne ka akka keetii tokkolle hin jiru; si malee Waaqi dhibiin hin jiru. 21Kolbaan ati teeti godhatiisaaf wodatte kolbaa Israa'elii malee, kolbaan dhibiin hin jirtu; kolbaa teeti ta Gibxi'ii baatte tana duraa gosa biyya adda addaa ariitee baattee, hujii teeti guddo'oo fi sodaachittu'uun maqaa keeti akka beekkamu goote. 22Ee Mootii Waan Maraa, ati kolbaa Israa'elii haga bara baraa teeti godhattee, Waaqa isaanii teete.

23«Ammalle, ee Mootii Waan Maraa, marroo ana tajaajilaa keetiitii fi marroo sanyii tiyyaatiifille waadaan galte haga bara baraa jabaatee dhaabbatuu ti; akkuma dubbatte tolchi. 24Guddinni maqaa keetii kunille haga bara baraa akka beekkamu waadaan ati galte kun jabaatee dhaabbatuu ti. Yennaa san namooti, ‹Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii dhugumaan Waaqa Israa'elii ti› hin jedhan. Sanyiin ana tajaajilaa keeti Daawitiille si duratti jabaattee hin dhaabbatti. 25Ee Waaqa kiyya, ati sanyii ana tajaajilaa keetii haga bara baraa jabaattee akka dhaabbattu, mudhi'iin waan natti dubbatteef, ani tajaajilaan keeti gara keeti daadimatiisaaf, jajjabeenna dhaggadheera. 26Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa; ati ana tajaajilaa keetiif waadaa dansaa kana galteerta. 27Ati sanyii ana tajaajilaa keetii, haga bara baraa fuula keeti duratti eebbisiisaaf jaalatteerta. Ee Mootii Waan Maraa, ati waan isii eebbitteef, isiin haga bara baraa hin eebbifanti» jedhe.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

God's Promise to David

  • When David considered that he lived in a palace of cedar while the ark of the covenant remained under a tent, he intended to build a temple for God. Instead, God responded by promising that rather than David building a house for Him, God would establish an enduring royal house and dynasty for David.Sources: the Bible text itself
  • Nathan was an influential prophet during the reigns of David and Solomon, appearing here to deliver God's covenant concerning the future dynasty and temple. Biblical records note that Nathan also participated in Solomon's coronation and authored historical accounts of both monarchs' reigns.Sources: Nathan · the Bible text itself
  • In the divine message delivered by Nathan, the Lord recalled taking David from following sheep in the pastures to lead Israel. This humble background as a young shepherd on the uplands of Judah highlighted the dramatic elevation of his family to royal rule.Sources: David · the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Egypt · 30.129, 31.308 · verses 5, 21

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.