Zacarias 2
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Mudhii Marroo Wodaroo Miki'ii
1Ani ol ilaalee, nama wodaroo miki'ii harkatti qabateeru tokko dhagge. 2Anille, «Eessa dhaqaarta?» jedhee isa gaafadhe.
Inni deebisee, «Yerusaalem hagam akka badhattuu fi hagam akka dheerattu mikee ilaaliisa dhaqaara» naan jedhe.
3Achiin duuba ergamaa na woliin dubbate sun gara duraa deemuun, ergamaan dhibiin isa wolde'iisaaf dhufee, 4«Rukkisiitii dargaggeessa saniin, ‹Yerusaalem keessa kolbaa heddu'uu fi horiin hedduun waan jiranuuf qachaa dalleenni dhaka'aa itti hin ijaaranne teeti. 5Ani adaala Yerusaalemiititti dalleya dhaka'aa ka ibiddaa hin te'a; isii keessattille ulfinnaa hin te'aaf› jedha Mootiin Waan Maraa» jedhiin.
Worri Booji'ame Biyyatti Akka Deebi'u Waamame
6Mootiin Waan Maraa, «Ani maddii afurittuu waan isin bittinneesseeruuf, lafa kaabaatii baqadha'a! Baqadha'a! 7Isin worri booji'antanee Baabilon keessa leetanu gara Yerusaalemii deebi'a'a! 8Nami isin tuqu gumaa ila tiyyaa tuqa» jedha; kana Mootii Waan Maraatittuu dubbate.
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ulfinna naaf kennee, gosa biyya adda addaa ta isin saantetti na ergee, 9«Kunoo, ani harka kiyya isaan irratti ol hin fudhadha; garbooti isaaniille isaan hin saaman» jedha.
Achiin duuba isinille Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade akka na erge hin beettan.
10Mootiin Waan Maraa, «Isin kolbaa Xiyoonii, kunoo ani dhufee odduu teessan waan le'uuf, ilillisa'aa gammada'a» jedha.
11Guyyaa san gosi biyya adda addaa hedduun gara Mootii Waan Maraa dhufanee, gosa isaa hin te'an. Innille odduu isaanii hin le'a; akka Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade gara keessan na erge hin beettan. 12Mootiin Waan Maraa lafa woyyittii keessaa Yihudaa lafa ifii hin godhata; ammalle Yerusaalem hin filata.
13Mootiin Waan Maraa addee woyyittii ifiitii waan dhufaaruuf, kolbaan duudiin isa duratti cadhisa'a.

Você sabia?
A Linha de Medir e a Restauração de Jerusalém
- Zacarias tem a visão de um homem segurando uma linha de medir para determinar as dimensões de Jerusalém. Um anjo anuncia que a cidade terá tantos habitantes e animais que ficará sem muralhas físicas, protegida pelo próprio Deus como um muro de fogo ao seu redor.Fontes: o próprio texto bíblico
- A profecia convoca os exilados dispersos pelo mundo a fugir da Babilônia e da terra do norte, advertindo que as nações estrangeiras que os saquearam serão despojadas.Fontes: o próprio texto bíblico · Babylon
- Além da restauração de Judá e de Jerusalém, a visão anuncia que muitas outras nações se unirão ao Senhor e se tornarão o seu povo quando ele habitar no meio deles.Fontes: o próprio texto bíblico · Jerusalem
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 2, 4, 5, 12
- Babylon · 32.543, 44.422 · versículos 6, 7
- Zion · Hoje: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 7, 10
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org