Cântico dos Cânticos 4
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
1Jaalallee tiyya, ati attam attam dansitti'i!
Ee, ati attam attam dansitti'i!
Ilti teeti shaashii ati hagooggattu keessaa,
akka ila saphaliisaa kuulle'e;
rifeensi mataa keetii
re'oota gaara Giil'aadii irraa
gad yaa'anu fakkaata.
2Ilkaan keeti akka hoolota adii
yennaa rifeensi isaanii muramu
nafi isaanii dhiqamee bisaan keessaa bayanuu ti;
hooloti tun martinuu lakkuu dhalti;
maseenti takkaalle isaan keessa hin jirtu.
3Hidhiin teeti haarrii diintuu fakkaatti;
haasonni keeti namatti tola.
Mallaan teeti shaashii ati hagooggattu keessaa,
midhaan rumaanii ka gargar baqaqe fakkaata.
4Mormi keeti xelleephoo Daawitii,
ta wonteen gugurdoon kum tokko,
wonteen goototaa martinuu
itti fannifamanu fakkaata.
5Harmi keeti lamaanuu jilibaa ilmoolee,
lakkuu jilibaa ilmoole'ee,
ta daraaraa keessa dheeddu fakkaata.
6Adoo boruun hin dayya'in,
aduun adoo hin bayin,
ani gara gaara qumbi'iitii fi
gara kooba hixaanaa hin dhaqa.
7Jaalallee tiyya, ati attam attam dansitti'i!
Womaa dhidhinna hin qaddu.
8Waajibittii tiyya, Libaanon irraa gara kiyya koy!
Libaanon irraa gara kiyya koy!
Qaccee gaara Amaanaa irraa,
qaccee gaara Siinaariitii fi Hermoonii,
goda neenqaa,
koobota qeeransaa irralle gad bu'i.
9Obboleettii tiyya, waajibittii tiyya!
Ati midhuu teeti takkatti'iin,
dirata morma keetiitiin
qalbii tiyya boojite.
10Obboleettii tiyya, waajibittii tiyya!
Jaalalli keeti attam attam nama gammachiisa!
daadhii woyni'ii caalaa
attam attam gabbi nama godha!
Fooleen fiqiree teetii uddowaa mara caalti.
11Waajibittii tiyya!
Hidhiin teeti akka dhaaba dammaa
nadhii coccossiti;
aananii fi dammi arraba keeti jala jiran;
fooleen woyaa teetii akka foolee
hindheensa Libaanonii ti.
12Obboleettii tiyya, waajibittii tiyya!
Ati akka oorruu itti ijaaramee ti;
akka madda dalleyaan marfameetii fi
akka burqaa cuqqaalamee ti.
13Ati akka oorruu muka rumaanii,
ka midhaan dansaa buusu,
ka daraaraan uddowuu fi
biqiltuun naardoosii achi keessa jiranuu ti.
14Muki Naardoosii, biqiltuun uddoottu,
marri uddowu, qarafaan,
muki hixaanaa, muki qumbi'ii,
daraaraan hargiisaatii fi
uddowaan dansaan adda addaa marti
achi keessa jiran.
15Ati akka burqaa bisaan addee oorru'uu,
ka boolla keessaa yaa'u,
bisaan gaara Libaanoniitii gad yaa'uu ti.
16Ee, qilleensa kaabaa dammaqi!
Ee, qilleensa kibbaa koy!
Oorruu tiyyatti qilleensi;
fooleen isi'ii uddoottuun fiqittuu ti.
Jaalalleen kiyya gara oorruu ifii dhufee
midhaan oorruu ifii dansaa nyaatuu ti.

Você sabia?
A beleza da noiva e o jardim de especiarias
- O poema chama a noiva a descer das imponentes cordilheiras ao norte no Líbano, incluindo Amana, Senir e o monte Hermom. O monte Hermom é o pico mais alto da cordilheira do Antilíbano, e fontes bíblicas registram que Senir era o nome amorreu para o Hermom.Fontes: o próprio texto bíblico · Hermon · Senir · Lebanon
- O cabelo da amada é comparado a um rebanho de cabras descendo o monte Gileade, uma região fértil e montanhosa situada a leste do rio Jordão.Fontes: o próprio texto bíblico · Gilead
- A noiva é retratada como um jardim fechado, uma fonte selada e um pomar repleto de especiarias preciosas como nardo, açafrão, canela e incenso, evocando exclusividade, frescor e aroma.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Gilead · Hoje: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · versículo 1
- Lebanon · 33.540, 35.584 · versículos 8, 11, 15
- Mount Hermon · 33.400, 35.850 · versículo 8
- Senir · Hoje: Mount Hermon · 33.400, 35.850 · versículo 8
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org