Rute 4
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Bo'az Ruuti Fuudhe
1Bo'az gara addee karra yaa'ii qacha'aa dhaqee achi tee'e. Namichi fira aanti'ii, ka Bo'az dubbateeru kuun, achiin dabariisaaf dhufe. Maarre Bo'az, «Jaali, koottu me; as tee'i» jedheen. Innille dhaqee tee'e. 2Achiin duuba Bo'az jaarsolee qacha'aa nama kudhan fudhatee, «As tee'a'a» jedheen. Yennaa isaan tee'ane, 3inni namicha fira aanti'iitiin, «Naa'oom, ta biyya Mo'aabiitii deebite, lafa qooda Eliimelekii fira keennaa gurguratiisaaf barbaaddi. 4Atille marroo waan kanaa beekuu qadda jedhee yaade. Amma, worra as tee'u kanaa fi jaarsolee tana duratti bitadhu. Yoo bitatuu feete, bitadhu; yoo hin feene ammoo, akka beekuuf, natti himi; sababille bitatiisaaf nami dursu'uu male si'i, anille sitti aana» jedhe.
Namichi, «Ani hin bitadha» jedhe.
5Achiin duuba Bo'az, «Guyyaa lafa Naa'oom irraa bitattu, maqaa namicha du'ee badii dhooggiisaaf, Ruutii Mo'aabittii, haadha hiyyeessaalle hin dhaalta» jedheen.
6Namichi fira aanti'ii, «Yoo akkas teete, ijoolleen tiyya waan hin dhaalleef ani hin bitadhu; ani waan hin bitanneef, haqa kiyya fudhadhuutii atummaan bitadhu» jedhe.
7Dur biyya Israa'elii keessatti, bitataa fi jijjiirata irratti: dubbii mirkaneessiisaaf, nami tokko kophee baafatee kaaniif kenniis aada'a; Israa'el keessatti akka kanaan bitta'aa fi jijjiirraan seera qabeessa te'a.
8Tanaaf namichi fira aanti'ii kuun, Bo'aziin, «Atummaan ifumaaf bitadhu» jedhee kophee ifii baafatee kenne.
9Achiin duuba Bo'az jaarsole'ee fi kolbaa achi jirtu maraan, «Waan Eliimelekii, waan ilmaan isaa Kiliyoonii fi Maahiloon qabanulle maraayyuu, adha ani Naa'oom irraa akka bitadhe isin dhugaa tiyya. 10Karra isaa irratti maqaa namicha du'ee badii dhooggiisaaf, biyya itti dhalatee fi kolbaa isaa keessaa maqaan isaa akka hin banne, Ruutii biyya Mo'aabii ta Maahiloon irraa du'e, akka niitii naa teetu, ani fuudheera. Tana duudi'iif isin adha dhugaa tiyya» jedhe.
11Achiin duuba jaarsole'ee fi kolbaan addee yaa'i'ii jirtu marti, «Ee, nuuti dhugaa sii teena. Mootiin Waan Maraa dubartii gara mana keetii dhufaartu tana, akka Raahelii fi Liyaa ijoollee Yaaqoobiif horanee si'iif godhuu ti. Efraataa keessatti hori; Beeteelem keessalle'etti beekkam. 12Ilmaan Mootiin Waan Maraa karaa intala tanaatiin sii kennuun, maatiin teeti akka maatii Faaresii, ka Taamaar Yihuda'aaf deettee teetu» jedhane.
Sanyii Daawitii
13Maarre Bo'az Ruuti fuudhee niitii teeteef. Yennaa isaan wol bira geyane, Mootiin Waan Maraa isii eebbisee, isiin ulfoottee ilma deette. 14Achiin duuba dubartooti qachaa Beeteelemii, Naa'oomiin, «Ka akkoo si kunuunsu adha sii kenne, guddinni Mootii Waan Maraatiif te'u. Israa'el keessatti maqaan muca'aalle ka beekkame te'u! 15Niitiin ilma keetii si jaalatti; ilmaan torba sii caalti. Amma ilma bara dullummaa teetii si soorachiisuu fi jiruu teeti haaressu sii deetteerti» jedhaneen. 16Achiin duuba Naa'oom mucaa fudhattee habbaaratte; kunuunsitelle gudditte.
17Dubartooti ollaa sanii, «Ilmi Naa'oomiif laa dhalate» jedhanee, maqaa muca'aa, «Yoobeed» baasane.
Yoobeed abbaa Iseyii ti; Isey abbaa Daawitii ti.
18Sanyiin Faaresii isaan kana: Faares, Hesrom uumate, 19Hesrom, Raam uumate; Raam, Aminaadaab uumate, 20Aminaadaab, Nahasoon uumate; Nahasoon, Salmoon uumate. 21Salmoon, Bo'az uumate; Bo'az, Yoobeed uumate; 22Yoobeed, Isey uumate; Isey Daawiti uumate.

Você sabia?
A redenção junto à porta e a linhagem de Davi
- No antigo Israel, transações legais como a redenção de propriedades eram realizadas publicamente junto à porta da cidade, diante de anciãos e testemunhas. Tirar e entregar a sandália servia como um ato legal costumeiro para confirmar a transferência dos direitos de resgate.Fontes: o próprio texto bíblico · Ruth
- Ao adquirir as terras de Elimeleque e de seus filhos, Boaz assumiu também a obrigação de se casar com a viúva de Malom, Rute, a moabita, a fim de preservar o nome do falecido sobre a sua herança familiar.Fontes: o próprio texto bíblico · Boaz · Mahlon · Elimelech
- O menino nascido de Rute e Boaz, chamado Obede, tornou-se avô do rei Davi, inserindo Rute, uma estrangeira de Moabe, na genealogia real que descende de Perez.Fontes: o próprio texto bíblico · Obed · David · Pharez
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Moab · Hoje: Moab 1 · 31.181, 35.701 · versículo 3
- Bethlehem · 31.704, 35.208 · versículo 11
- Ephrathah · Hoje: Bethlehem · 31.704, 35.208 · versículo 11
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org